سورة النمل

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura النّمل الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; [deemeetin] ishee irraa odeeffannoo [waa’ee karaa] isiniif fidaYookiin immoo akka isin ho’ifattaniif xombooraa qabsiifamaa wahii isiniif fida” jedhe [yaadadhu].
Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’es qulqullaahe
[Mootittiinis] ni jette: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Dhugumatti, ani xalayaan kabajamaan natti darbameera.
Dhugumatti, inni Suleymaan irraayyiInnis [qabiyyeen isaa] ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin’.
Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”
Dhugumatti ani kennaa wahii gara isaaniitti ergituudhaWaan ergamtoonni ittiin deebi’anus ilaaltuudha.”
Ni jedhe: “Yaa qondaaltota [kiyya]! Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufin eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida?”
Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru tokko immoo ni jedhe: “Ani [libsattee] odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida.” [Suleymaan] yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyiAkka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf [kana godhe]Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiifNamni kafares [isuma irratti]Dhugumatti Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” [jedhe]
Ni jedhan: “Dhugumatti isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinee sana booda fira isaatiin ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota’ jechuuf Rabbiin waliif kakadhaa.”
Luuxiinis yeroo inni ummata isaatiin “sila odoo argitanii gocha fokkataa hojjattuu?” jedhe [yaadadhu].
Isaafi maatii isaa ni baraarsineGaruu niitii isaa warra [adabbii keessatti] hafan irraa ta’uu ishee murteessine
[Yaa Muhammad] jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti; gabroota Isaa kan [Inni] filate irras nageenyi haa jiraatuSila Rabbi moo wantoota isaan [Isatti] dabalantu caala?”
Sila Isa dachii tasgabbooftuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef gaarreen gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo [warra isaan isatti dabalantu caala]? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekanu
Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa owwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu [moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala?] Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha.
Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argameKanaafuu isaan sababa hin dhiheeffatanu.
“Faaruun hundi kan AllaahtiInnis fuulduratti mallattoolee Isaa isinitti agarsiisaIsinis ishee beekuuf jirtu” jedhiinRabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti.
تقدم القراءة