Hiikkaa Suura آل عمران الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑ
ﭒ
Alif Laam Miim
Verse 2
Rabbiin Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru[Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.
Verse 3
Waan isaan duraa kan dhugoomsu haala ta'een kitaaba dhugaadhaan sirratti buuseTawraatiifi Injiiliinis ni buuse.
Verse 4
[Qur’aana] dura namootaaf qajeelfama godhee [isaan buuse]Dhugaafi soba adda baasaas ni buuseDhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jiraRabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati.
Verse 5
Dhugumatti, Rabbiin dachii keessattis ta’ee samii keessatti homtuu isa jalaa hin dhokatu.
Verse 6
Inni Isa gadaamessa keessatti akka fedhetti isin bocuHaqaan gabbaramaan isa malee hin jiru[Inni] injifataa, ogeessa.
Inni isa sirratti kitaaba buuseIsa irraa keeyyata ifaatu jiraIsaan bu’uura kitaabaatiKan biraa immoo wal fafakkaattuudhaWarri onnee isaanii keessa jal’inni jiru fitnaa barbaachaaf yookiin hiika isa dhokataa barbaachaaf jecha isa wal fafakkaataa hordofuHiika isaa isa dhokataa Rabbiin malee homtuu hin beekuWarri beekumsa keessa fagaatan immoo “hundinuu Rabbii keenya biraayyii itti amanne” jedhuWarra sammuu qabu malee namni biroo hin gorfamu.
Verse 8
[Isaanis ni jedhu]: “Gooftaa keenya! Erga nu qajeelchitee booda onnee keenya [dhugaa irraa] hin jal'isinRahmata Si biraa ta’e nuuf kenniDhugumatti Ati akkaan kennaadha.
Verse 9
Gooftaa keenya! Ati guyyaa isa keessa mamiin hin jirreef nama walitti qabuuf jirtaDhugumatti Rabbiin beellama kan diiguu miti" [jedhu].
Verse 10
Dhugumatti isaan kafaran qabeenyiifi ilmaan isaanii Rabbirraa (adaba Isaa irraa) homaa isaan hin duroomsituAmmas warri sun qoraan ibiddaati
Verse 11
| [Haalli isaanii] akka naamusa namoota Fir’awniifi warra isaan dura turaniitiKeeyyattoota keenya kijibsiisanii Rabbiin badii isaanitiin isaan qabeRabbiin abbaa adabbii cimaati.
Verse 12
Isaan kafaraniin jedhi: “fuulduratti ni injifatamtu; gara jahannamittis ni oofamtuIddoon qubannichaas fokkateera.”
Verse 13
Dhugumatti, gareewwan waraanaa lamaan [guyyaa Badrii] wal qunnaman keessa mallattootu isiniif jiraGareen tokko karaa Rabbii keessatti loltiIsheen biraa immoo kaafiraIsaan (kaafiroonni) ilaalcha ijaatiin (lakkoofsa Muslimootaa) dachaa isaanii ta’anii isaan arguRabbiin nama fedhe tumsa Isaatiin isa deeggaraDhugumatti warra sammuu qabaniif kana keessa gorsatu jira.
Verse 14
Namootaaf jaalalli wantoota lubbuun isaanii feetuu kan dubartootaafi ilmaan irraa, warqeefi meeta kuufamaa irraa, faradoo malateeffamtee miidhagfamte, beelladaafi dachii qonnaaf mijooftu irraa ta’e miidhagfamee jiraKun meeshaa jireenya addunyaatiRabbiin immoo Isa bira deebii bareedaatu jira.
Verse 15
Jedhi: “Sila waan sana caalu isiniif odeessuu? Isaan Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira jannata laggeen ishee jala yaatu kan yeroo hunda ishee keessa jiraatantu isaaniif jiraAmmas niitolii qulqulleeffamaniifi jaalala Rabbiin biraa ta’etu [isaaniif jira]Rabbiin gabroota argaadha."
Verse 16
Isaan warra “Gooftaa keenya! Dhugumatti, nuti amanneerra; kanaaf badii keenya nuuf araarami; adabbii ibiddaas nu baraari” jedhan.
Verse 17
ﭝﭞﭟﭠﭡﭢ
ﭣ
Obsitoota, dhugaa dubbattoota, [Rabbiif] ajajamtoota, kennattootaafi warra obboroo keessa dhiifama kadhatanin [faarsa].
Verse 18
Rabbiin haqaan dhaabbataa ta’ee akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonniifi warri beekumsaas [ragaa ba’aniiru]Isa hunda injifataa, ogeessa malee haqaan gabbaramaan hin jiru.
Verse 19
Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti [fudhatama qabu] Islaama qofaIsaan kitaabni kennameef erga beekumsi isaaniif dhufee booda jibbaa gidduu isaanii jiruuf jecha malee [san dura] wal hin dhabneNamni keeyyattoota Rabbiitti kafare dhugumatti Rabbiin ariifataa qormaataati.
Verse 20
Yoo isaan siin falmanis: “Ani fedha Rabbii jala butameera; namni ana hordofes [akkasuma]” jedhiWarra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftaniittuu?” jedhiYoo islaama'aniif dhugumatti qajeelaniiruYoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofaRabbiin gabroota argaadha.
Verse 21
Dhugumatti isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaranu, karaan ala nabiyyoota ajjeesanuufi namoota irraas warra haqatti ajajanis ajjeesanu, adabbii laalessaan isaan gammachiisi.
Verse 22
Isaan warra dalagaaleen isaanii addunyaafi Aakhirattis jalaa baddeedhaIsaaniif tumsitoonni hin jiran.
Verse 23
Sila gara isaan kitaaba irraa qoodni wahii isaaniif kennamee hin ilaallee? Akka jidduu isaaniitti murteessuuf gara kitaaba Rabbii waamamanii ergasii gareen isaan irraa ta’e didaa ta’ee gara gala.
Verse 24
Kun waan isaan “ibiddi guyyoota lakkaa’amtuu malee nu hin tuqxu” jedhaniifiKijibni isaan [of biraa] uumaa turan amantii isaanii keessatti isaan gowwoomse.
Verse 25
Sila yeroo Nuti guyyaa mamii hin qabneef walitti isaan qabnee lubbuun hundi waan hojjatte guutuutti argatte akkam ta’u? Garuu isaan hin miidhamanu.
Verse 26
[Yaa Muhammad!] jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqitaNama feetes ni jabeessitaNama feetes ni xiqqeessitaToltuun hundi harka kee jiraDhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 27
Halkan guyyaa keessa seensiftaGuyyaas halkan keessa seensiftaDu’aa irraas jiraa baaftaJiraa irraas du’aa baaftaNama feetes herrega malee soorta" [jedhi]
Verse 28
Mu’uminoonni mu’uminootaan alatti kaafiroota jaalallee hin godhatinYoo eeggannaa wahii isaan irraa eeggachuuf ta’e malee namni kana dalage, [diinii] Rabbii irraa homaa keessa hin jiruRabbiin nafsii Isaa (adabbii Isaa) isin sodaachisaDeebiinis garuma Rabbiiti.
Verse 29
“Yoo waan qoma keessan keessa jiru dhoksitan yookiin isa mul’iftanis Rabbiin isa beeka[Inni] waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beekaRabbiin waan hunda danda’aadha” jedhi!
Verse 30
Guyyaa lubbuun hundi toltuu irraa waan hojjatte dhiyaataa ta'ee argitu [yaadadhu]Hamtuu irraa waan hojjatte immoo odoo jidduu isheetiifi jidduu isaa fageenyi dheeraan jiraatee jaal’attiRabbiin nafsii Isaa isin sodaachisaRabbiin gabroota akkaan mararfataadha.
Verse 31
”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif ana hordofaa Rabbiin isin jaallata; badii keessanis isiniif araaramaRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha” jedhiin.
Verse 32
”Rabbiifi ergamaan bulaa” jedhiYoo irraa garagalaniif [kafaraniiru]Dhugumatti Rabbiin kaafiroota hin jaalatu.
Verse 33
Dhugumatti Rabbiin Aadam, Nuuh, maatii Ibraahimiifi maatii Imraan aalama hunda irra filateera.
Verse 34
Sanyii gariin ishee garii irraa taate san [filate]Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
Verse 35
Yeroo niitiin Imraan “Gooftaa kiyya! ani waan garaa kiyya keessa jiru bilisa godhee siif nazareeraa narraa qeebali” jette [yaadadhu]Dhugumatti Ati simatu dhagayaa, beekaadha.”
Verse 36
Yeroma ishee deesses “Gooftaa kiyya! ani dubran daye" jetteRabbiin irra beekaa waan isheen deesseeti“Dhiirri akka durbaa hin taaneAnis Maryamitti ishee moggaaseeraAni sheyxaana abaaramaa irraa isheefi sanyii ishees siinan tiksa” [jette].
Verse 37
Gooftaan ishee qeebaltii gaarii ta’een ishee qeebaleGuddina gaariis ishee guddiseZakariyyaan itti gaafatama ishee fudhateZakariyyaan dhawaatuma ishee irratti mihraaba seenuun soorata ishee biratti arga“Yaa maryam kun eessaa siif dhufa?” jedhe“Inni Rabbiin biraayyi” jetteDhugumatti Rabbiin nama fedhe herrega malee soora.
Verse 38
Bakka sanatti Zakariyyaan “Gooftaa kiyya! Ati Suma biraa ilmaan gaarii naaf kenniDhugumatti Ati dhagayaa kadhaati" jedhe.
Verse 39
Malaa’ikoonnis isaa mihraaba keessa sagadaaf dhaabbataa jiruu “Dhugumatti Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa ta'e, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaggaarii irraa ta’een si gammachiisa" [jettee] isatti lallabde.
Verse 40
[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! Sila ani odoo dhugaatti dullumni na qabee jiruufi niitiin kiyyas maseena taatee jirtuu akkamittin ilma argadha?" jedhe[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen.
Verse 41
[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe(Rabbiinis) “Guyyoota sadii mallattoon malee namootatti dubbachuu dhabuu keeti.[] Gooftaa keetis baay’inaan faarsiGalgalaafi ganamas Isa qulqulleessi” jedheen.
Verse 42
Yeroo Malaa’ikoonni “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin si filateeraSi qulqulleesseerasDubartoota aalama hundaa irras si filateera” jedhan [yaadadhu].
Verse 43
”Yaa Maryam! Gooftaa keetiif akkaan ajajamiSujuudas godhiWarra gadi jedhan waliinis gadi jedhi (rukuu’a godhi)."
Verse 44
Kun oduuwwan fagoo kan Nuti gara keetti beeksifnuudhaYeroo ‘eenyu Maryamiin akka guddisu’ carraa isaanii darban ati isaan bira hin turreYeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre.
Verse 45
Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette [yaadadhu]
Verse 46
Daa’imummaafi erga guddateeyis namaan dubbataWarra gaggaarii irraayis ta’a.
Verse 47
[Maryamis] “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” jette[Rabbiinis] “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uumaInni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’i!’ qofa isaan jedha; yeroma san ta’a” jedhe.
Verse 48
ﭳﭴﭵﭶﭷ
ﭸ
(Rabbiin) Barreeffama, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliinis isa barsiisa.”
Gara ilmaan Israa’iilittis ergamaa [isa godha]“Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufeAni dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uuma; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattiis ni ta’aEeyyama Rabbiitiin jaamaafi lamxii nan fayyisaEeyyama Rabbiitiin du’aas nan jiraachisaWaan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keessa ol kaayattanis isinittin himaDhugumatti kana keessa yoo kan amantan taataniif mallattoo gaariitu isiniif jira.
Verse 50
Waan na dura ture Tawraatiin kanan dhugoomsu ta'ee garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeRabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa.
Verse 51
Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraaKun karaa qajeelaadha.”
Verse 52
Iisaan yeroma kufrii isaan irraa hubatu “namni [waamicha ani] gara Rabbiitti godhu keessatti na tumsu eenyu?” jedheHawaariyyoonnis “nutu tumsitoota Rabbiiti.[] Rabbitti amanneerraAkka nuti Muslimoota taanes ragaa nuuf ba’i” jedhan.
Verse 53
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerraErgamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra [Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre] ragaa ba’an wajjin nu barreessi” [jedhan].
Verse 54
Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baaseRabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
Verse 55
Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]:[] “Yaa Iisaa! Ani si raffisaadhaGara kiyyattis ol si fuudhaadhaIsaan kafaran irraas si qulqulleessaadhaIsaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kafaran irratti ol taasisaadhaErgasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.
Verse 56
Isaan kafaran addunyaafi Aakhiratti adabbii cimaan isaan adaba; tumsaanis isaaniif hin jiru.
Verse 57
Warra amananii gaggaarii dalagan immoo mindaa isaanii ni guutaafiRabbiin miidhaa raawwattoota hin jaal’atu.
Verse 58
Kana keeyyattootaafi gorsa ogummaa irraa ta’e sirratti dubbifna.
Verse 59
Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbiin biratti akka fakkeenya AadamiBiyyee irraa isa uumeErgasii ‘ta’i’ isaan jedheInnis yeroma san ta’e
Verse 60
Dhugaan Gooftaa kee biraayyi; shakkitoota irraa hin ta’in.
Verse 61
Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuu keenyaafi lubbuu keessan haa waamnuErgasii du'aa'iitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu” jedhiin.
Verse 62
Dhugumatti kun isumatu seenaa dhugaatiRabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiruDhugumatti Rabbiin Isatu injifataa, ogeessa.
Verse 63
ﭣﭤﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Yoo [dhugaa] irraa gara galaniif, Rabbiin beekaa balleessitootaati.
Verse 64
Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taatee kottaa[Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedhaYoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa.
Verse 65
Yaa warra kitaabaa! Maaliif waa’ee Ibraahiim keessatti wal falmitu? Tawraatiifi Injiil isa booda malee hin buune; sila hin xiinxaltanuu!
Verse 66
Dhaga’aa! isin warri kun waan beekumsi isaa isiniif jiru keessatti wal falmitaniittu! Maaliif waan beekumsi isaa isiniif hin jirre keessatti wal falmitu? Rabbiin ni beekaa isin hin beektanu.
Verse 67
Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taaneGaruu inni Muslima qajeelaa tureInni mushrikoota irraas hin taane.
Verse 68
Namoonni Ibraahiimitti irra aanan: isaan isa hordofan, nabiyyii kanaafi warra amananiidhaRabbiin gargaaraa mu’uminootaati.
Verse 69
Gareen warra kitaabaa irraa taate tokko isin jallisuu jaalatteLubbuu isaanii malee homaa hin jallisanu; garuu isaan hin beekanu
Verse 70
Yaa warra kitaabaa! odoo beektanuu maaliif keyyattoota Rabbiitti kafartu?
Verse 71
Yaa warra kitaabaa! maaliif dhugaa sobaan walitti maktanii odoo beektanuu dhugaa dhoksitu?
Verse 72
Gareen warra kitaabaa irraa taate tokkos ni jette: “jalqaba guyyaa isa warra amanan irratti bu’etti amanaaAkka isaan [Islaama] irraa deebi’aniif jecha dhuma guyyaa immoo itti kafaraa.
Verse 73
Tokkoon namaa fakkii waan isin fudhattanii fudhachuu yookiin kan Rabbii keessan biratti ittiin isin falman ta’uu warra amantii keessan hordofeef malee hin amaninaa (ifa hin baasinaa)(Yaa Muhammad SAW) “qajeelfamichis qajeelfama Rabbiiti" jedhi“Tolli (Islaamummaa) harka Rabbiiti; abbaa fedheef isa kenna” jedhiRabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha.
Verse 74
Inni nama fedhe rahmata Isaatiif (nabiyyummaadhaaf) filataRabbiin abbaa tola guddaati.
Verse 75
Warra kitaabaa irraas nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jiraIsaan irraas nama yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jiraKun waan isaan “wallaaltota (qabeenya isaanii nyaachuu) keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi.
Verse 76
Eeyyeen! (badiin isaan irra ni jira)namni waadaa isaa guuteefi (Rabbiin) sodaate, dhugumatti Rabbiin warra (Isa) sodaatanu ni jaalata.
Verse 77
Dhugumatti, isaan waadaa Rabbiifi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjiirratan, isaan Aakhiratti qoodni homaatuu isaaniif hin jiruRabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu; gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessusadabbiin laalessaanis isaaniif jira.
Verse 78
Isaan irraayis, odoo inni kitaaba irraa hin ta’in akka isin kitaaba irraayi jettanii isa yaaddaniif jecha garee arraba isaanii kitaabaan micciirantu jiraOdoo inni Rabbiin biraa hin ta’inis Rabbiin biraayi jedhuOdoma beekanuu Rabbirratti kijiba dubbatu.
Verse 79
Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii)fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin maluGaruu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu'ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.
Verse 80
Maleykotaafi nabiyyoota gabbaramaa taasifachuutti isin ajajuun isaaf hin maluSila erga isin Muslimoota taatanii booda kufritti isin ajajaa?
Verse 81
Yeroo Rabbiin nabiyyoota irraa “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” (jechuun) waadaa qabate [yaadadhu](Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe[Isaan] "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa ta’aa; anis warra isinii wajjin ragaa ta’u irraayi” jedhe.
Verse 82
Namni sana booda garagale, warri sun isaantu finciltoota.
Verse 83
Sila odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan Rabbiif ajajamaniifi gara isaatti deebi’anii, amantii kan Rabbiin alaa barabaaduu?
Verse 84
(Yaa Muhammad SAW) “Rabbitti, Waan nurratti bu’etti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub irratti buufametti, waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amannee jirraIsaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonuNutis isaaf ajajamtoota” jedhi.
Verse 85
Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamuAakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi.
Verse 86
Sila ummata amanantii isaanii booda, erga ergamaan Rabbii dhugaa ta’uu ragaa ba’aniifi ragoonni ifa ta’an isaanitti dhufanii (booda) kafaran Rabbiin akkamitti qajeelcha? Rabbiinis miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
Verse 87
Warri sun mindaan isaanii abaarsi Rabbii, kan maleeykotaafi namoota hundaa isaan irra jiraachuudha.
Verse 88
Ishee (ibidda) keessatti hafoodhaAdabichis isaan irraa hin salphifamuYeroonis isaaniif hin kennamu.
Verse 89
Garuu isaan sana booda tawbatanii toltuu hojjatan (isaaniif ni dhiifama)Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 90
Warra iimaana isaanii booda kafaranii ergasiis kufrii dabalatan tawbaan isaanii hin qeebalamtuIsaan, isaanumatu jallattoota.
Verse 91
Dhugumatti isaan kafaranii, kaafiroota ta’anii du’an, warqee dachii guutuun, odoma ittiin of bituu fedheeyyuu tokkoon isaanii irraa hin qeebalamuSunniin isaaniif adabbii laalessaa ta’etu jiraIsaaniif tumsitoonnis hin jiran.
Verse 92
Hanga waan jaalattan irraa kennattanitti khayrii hin argattanWanta isin qabeenya irraa kennattan Rabbiin isa beeka.
Verse 93
Waan Israa’iil odoo Tawraat hin bu’in dura lubbuu isaa irratti haraama taasise malee nyaanni hunduu Ilmaan Israa’iiliif halaala ture(Yaa Muhammad) "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif Tawraatiin fidaa dubbisaa” jedhi.
Verse 94
Namni sana booda Rabbi irratti kijiba uume, warri sun isaantu miidhaa hojjattoota.
Verse 95
“Rabbiin dhugaa dubbateera; karaa amantii Ibraahiim qajeelaa ta’e hordofaaInnis mushrikoota irraa hin taane" jedhi.
Verse 96
Dhugumatti manni jalqaba ilma namaatiif haala barakeeffamaafi aalama hundaaf qajeelfama ta’een kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha.
Verse 97
Isa keessa mallattoolee ifa ta’an Maqaama Ibraahiimtu jiraNamni isa seenes nagaa ta’aRabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha hajja'uutu dirqamni jiraNamni kafares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha.
Verse 98
“Yaa warra kitaabaa! Sila odoo Rabbiin waan isin dalagdanu beekaa ta’uu maaliif keeyyattoota Rabbiitti kafartu?” jedhi.
Verse 99
“Yaa warra kitaabaa! Sila maaliif odoo beektanuu jallina ishee barbaachaaf karaa Rabbii irraa nama debiftu? Rabbiinis waan isin dalagdanu irraa dagataa miti" jedhi.
Verse 100
Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irraa ta’een ajajamtan, erga amantanii booda gara kufriitti isin deebisu.
Verse 101
Sila odoo keeyyattoonni Rabbii isin irratti qara’amaniifi ergamaan Isaa isin keessa jiruu akkamitti kafartu? Namni Rabbiin of tikse dhugumatti karaa sirraawaa qajeelfameera.
Verse 102
Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa.
Verse 103
Haada Rabbiis (Qur’aana) hunda ta'aa qabadhaa; adda addas hin ba’inaaNi’imaa Rabbii kan yeroo isin diina walii turtan Inni onnee keessan wal simsiisuun ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san, isin irra jiruufi (yeroo) isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraarses yaadadhaaAkka isin sirrooftaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.
Verse 104
Isin irraa ummanni gara khayrii waamtuufi kan gaariitti ajajju badii irraa dhorgitus haa jiraattuWarri sun isaantu milkaa’oodha.
Verse 105
Akka warra erga ragoota ifa ta’an isaanitti dhufee booda addaan faca’aniifi wal dhabanii hin ta’inaaWarra sanis isaaniif adabbii laalessaatu jira.
Verse 106
Guyyaa fuulli gariin addaataniifi fuulli gariin gurraacha’an (adabamu)Warri fuulli isaanii gurraachofte immoo “sila erga amantan booda kafartanii? Waan kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa” (isaaniin jedhama).
Verse 107
Warri fuulli isaanii addaatte immoo rahmata Rabbii keessa ta’u; Isaan ishee keessatti hafoodha
Verse 108
Isheen sun, kan Nuti dhugaan ishee sirratti qaraanu taatee, keeyyattoota RabbiitiRabbiinis aalama hundaafuu miidhaa kan fedhu hin taane.
Verse 109
Wantoonni samiifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan RabbiitiWantoonni hunduu gara Rabbiitti deebi’u
Verse 110
Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittuToltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhorgitu; Rabbittis ni amantuOdoo abbootiin kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a tureIsaan irraa mu'uminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota.
Verse 111
Rakkisuu malee isin hin miidhanuOdoo isiniin lolaniiyyuu duuba isin irraa deebi’uErgasii tumsa hin argatan.
Verse 112
Yoo waadaa Rabbirraa ta’eefi waadaa nama irraa ta’een (eegaman) malee bakkuma isaan jiran hundatti salphinni isaan irra kaayamteettiDallansuu Rabbirraa ta’eenis deebi’an; hiyyummaanis isaan irra kaayamteKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa turaniifi karaan ala nabiyyoota ajjeesaa turaniifiKun waan isaan ajaja Rabbii didaniifi daangaa dabraa turaniifi.
Verse 113
Isaan wal qixa mitiAbbootii kitaabaa irraa namoota dhugaaf dhaabbatan, kan sujuudaa sa’aatii halkanii keeyyattoota Rabbii qara’antu jira.
Verse 114
Rabbittiifi guyyaa Aakhiraatti amanu; toltuuttis ni ajaju; hamtuu irraas ni dhorgu; gaggaarii keessattis ni arifatuIsaan sun warra gaggaarii irraayi.
Verse 115
Toltuu irraa wanta hojjatan kamillee hin dhorgatamanuRabbiin warra (Isa) sodaatan beekaadha.
Verse 116
Dhugumatti isaannan kafaran, qabeenyiifi ilmaan isaanii (adabbii) Rabbii irraa homaa isaan hin deebiftuSunniin warra ibiddaatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
Verse 117
Fakkeenyi waan isaan jiruu addunyaa tana keessatti sadaqatanii akka fakkeenya bubbee qorri hamaan isa keessa jiru, kan ooyruu warra lubbuu isaanii miidhanii tuqxee, isa balleessiteetiRabbiin isaan hin miine; garuu isaantu lubbuu isaanii miidha.
Verse 118
Yaa warra amantan! namoota isin irraa hin ta’in jaalalloo iccitii hin godhatinaaIsin balleessuu irraa duubatti hin deebi’anuRakkina keessan hawwaniDhugumatti, jibbaan afaan isaanii irraa mul’atteWanti qomni isaanii dhoksitu immoo irra guddaadhaYoo kan xiinxaltan taataniif raajiwwan ifa isiniif taasifnee jirra.
Verse 119
Dhaga'aa! isin warri sun isaan jaallattu; isaan immo isin hin jaalatanuIsin kitaabota hundatti ni amantuYeroo isin qunnaman “nuti amannee jirra” jedhuYeroo kophaa ba’an immoo dallansuu irraa kan ka'e quba isaanii isin irratti ciniinu“Dallansuu keessaniin du’aa" jedhiDhugumatti Rabbiin beekaa waan qoma keessa jiruuti.
Verse 120
Yoo toltuun wahii isin tuqe, isaan gaddisiisaYoo hamtuun isin tuqe immoo isheetti gammaduYoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif malli isaanii homaa isin hin miidhuDhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha.
Verse 121
Yeroo ati mu’uminoota iddoowwan lolaa kan qubsiiftu taatee maatii kee irraa ganamaan baatu [yaadadhu]Rabbiinis dhagayaa, beekaadha
Verse 122
Yeroo gareen lamaan isin irraa ta'an odoo Rabbiin gargaaraa isaan lamaanii ta’uu lunnoomuu yaadan [yaadadhaa]Mu’uminoonnis Rabbirratti qofa haa irkatanu.
Verse 123
Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, dirree Badriitti Rabbiin isin tumseeraAkka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.
Verse 124
Yeroo ati mu’uminootaan “sila Gooftaan keessan maleeykota kuma sadii (samii irraa) buufamoota ta'aniin isin gargaaruun isin hin ga'uu?” jettu [yaadadhaa].
Verse 125
Eeyyeen; yoo obsitaniifi Rabbiin sodaattan, (mushrikoonnis) battalumatti isinitti dhufan; Gooftaan keessan maleeykota mallatteeffamoo ta’an kuma shaniin isin gargaara
Verse 126
Isin gammachiisuufi onneen keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa hin taasifneTumsis Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.
Verse 127
Akka xiqqaatanii deebi’aniif Isaan kafaran irraa garii balleessuuf yookiin isaan salphisuuf (kana godhe).
Verse 128
Hanga Rabbiin toobaa isaanii qeebalutti yookiin waan isaan miidhaa raawwattoota ta'aniif isaan adabutti siif murtiin homaayyuu hin jiru.
Verse 129
Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti(Inni) nama fedheef ni araarama; nama fedhe immoo ni adabaRabbiinis araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 130
Yaa warra amantan! dhala dachaalee dachaafamaa ta'e hin nyaatinaaAkka milkooftaniif jechas Rabbiin sodaadhaa.
Verse 131
ﯶﯷﯸﯹﯺ
ﯻ
Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte san sodaadhaa.
Verse 132
ﯼﯽﯾﯿﰀ
ﰁ
Akka mararfatamtaniif jecha Rabbiifi ergamichaaf ajajamaa.
Verse 133
Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samiifi dachii taateetti ariifadhaa.
Verse 134
(Isaan) warra yeroo gammachuufi gaddaa arjooman; kan dallansuu liqimsaniifi namootaaf dhiifama godhaniidhaRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata.
Verse 135
(Isaan) warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii isaaniitiif araarama gaafataniifi haala (badii ta’uu isaa) beekaniin waan hojjatan irra hin turreedhaRabbiin malee namni badii araaramu hin jiru
Verse 136
Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’eefi jannata laggeen ishee jala yaatuudhaIsaan ishee keessatti hafoodhaMindaan hojjattootaa (jannata ta'uun) waa tole!
Verse 137
Dhugumatti, isiniin dura karaaleen[] darbiteettiDachii keessa deemaatii booddeen (xumurri) kijibsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa.
Verse 138
ﮤﮥﮦﮧﮨﮩ
ﮪ
Kun namootaaf ibsa; warra (Rabbiin) sodaataniif immoo qajeelfamaafi gorsa.
Verse 139
Yoo mu’uminoota taataniif isintu irra aanaa hin laafinaa; hin gaddinaas.
Verse 140
Yoo madaan isin tuqes, dhugumatti ummatas (diinotas) madaan fakkaataan isaan tuqeeraGuyyoota sana gidduu namaatti nanaannessinaRabbiin isaan amanan mul’isuufi isin irraas wareegamtoota taasisuuf (kana godhe)Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu.
Verse 141
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Rabbiin warra amanan qulqulleessuufi kaafiroota immoo balleessuf (kana godhe).
Verse 142
Sila odoo Rabbiin isin irraa warra qabsaa’aniifi warra obsan hin mul’ifne jannata seenuu yaadduu?
Verse 143
Dhugumatti isin isa qunnamuu keessan dura du’a hawwaa turtanDhugaatti (amma) kan laaltan taatanii isa argitaniittu.
Verse 144
Muhammad ergamaa dhugumatti ergamoonni dura isaa dabran malee homaa mitiSila yoo inni du’e yookiin ajjeefame of duuba deebituu? Namni faana isaa irra of duuba deebi’e Rabbiin homaa hin miidhuRabbiin galateeffattootaaf fuulduratti mindaa ni galcha.
Verse 145
Lubbuu kamiifuu eeyyama Rabbiitiin ala du'uun isheef hin taaneMurtee baallamamaa (Rabbiin murteesseedha)Nama mindaa addunyaa fedhes ishee irraa isaaf kenninaNama mindaa Aakhiraa fedhes, ishee irraa isaaf kenninaGalateeffattoota fuulduratti mindaa galchuuf jirra.
Verse 146
Nabiyyoota irraa kan beektonni heddu isaa wajjin lolan baay'eedhaWaan karaa Rabbii keessatti isaan mudateefis hin laafne; hin dadhabnes; (diinaafis) hin jilbiiffanneRabbiin obsitoota ni jaallata.
Verse 147
Jechi isaaniis “Gooftaa keenya! badii keenyaafi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenyas gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi” jechuu malee kan biraa hin taane.
Verse 148
Rabbiin mindaa addunyaatiifi gaarii mindaa Aakhiraa isaaniif kenneRabbiinis toltuu hojjattoota ni jaalata.
Verse 149
Yaa warra amantan! Yoo warra kafaraniif ajajamtan faana keessan irra (of duuba) isin deebifnaan hoonga’oota taatanii duubatti deebitu.
Verse 150
Dhugaatti Rabbiin gargaaraa keessaniInni irra caalaa tumsitootati.
Verse 151
Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, onnee warra kafaranii keessa fuulduratti sodaa darbinaTeessoon isaanii ibiddaTeessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate!
Verse 152
Yeroo isin eeyyama Isaatiin isaan ajjeeftan Rabbiin waadaa Isaa isiniif dhugoomseeraErga (Rabbiin) waan jaalattan isin agarsiisee, yeroma isin lunnoomtanii ajaja keessattis wal dhabdanii, faallessitan (Rabbiinis isinii tumsuu dhiise)Isin irraa nama addunyaa fedhutu jiraIsin irraas nama Aakhiraa fedhutu jiraErgasii isin qormaatuuf jecha isaan irraa isin deebiseDhugumatti Rabbiin irra isiniif dabreeraRabbiin mu’uminoota irratti abbaa tolaati.
Verse 153
Odoo ergamaan duuba keessanii isin waamuu namtokkollee kan hin millanne taatanii yeroo baqattanu [yaadadhaa]Akka isin waan isin jala dabreefi waan isin tuqe irratti hin gaddineef jecha gadda irraan gadda isinitti buuseRabbiinis waan isin dalagdan hunda akkaan beekaadha
Ergasii cinqaa booda tasgabbii, hirriba garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuseGaree biraa immoo dhugumatti lubbuun isaanii isaan yaachifteettiWaan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu“Sila nuti dhimmicha[] irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu(Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuu isaanii keessatti dhoksu“Odoo dhimmicha irraa waan tokko qabaannee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhuJedhi “odoma manneen keessan keessa taataniiyyuu, warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qoma keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onnee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe)Rabbiinis waan qoma keessaa beekaadha.
Verse 155
Dhugumatti warri isin irraa guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman duubatti deebi’an, sababaa garii wantoota isaan hojjataniitiif kan isaan mucuceesse sheyxaanumaDhugumatti Rabbiin dhiifama isaaniif godheeraRabbiin araaramaa, obsaadha.
Verse 156
Yaa warra amantan! akka warra kafaranii obboleeyyan isaaniitiin, yeroo isaan dachii keessa deeman yookiin loltoota ta'an “odoo nu bira ta’anii silaa hin du’anu; hin ajjeefamanus” jedhanii hin ta’inaaRabbiin kana onnee isaanii keessatti gaabbii gochuuf (kana jedhan)Rabbiin ni jiraachisa; ni ajjeesasRabbiin waan isin dalagdanis argaadha.
Verse 157
Yoo karaa Rabbii keessatti ajjeefamtan yookiin duutan, araaramaafi rahmata Rabbi irraa ta’etu waan isaan walitti qaban irra caala.
Verse 158
Yoo duutan yookiin ajjeefamtanis, dhugumatti isin garuma Rabbiitti walitti qabamtu.
Verse 159
)Yaa Muhammad!) rahmata Rabbi irraa ta’een isaaniif laafteOdoo ati nama haala gadheefi qalbii gogaa taatee silaa si biraa faca’uIrra isaaniif darbi; isaaniifis araarama kadhu; dhimmoota (adda addaa) irrattis isaan mari’achiisiYeroo murattes Rabbirratti hirkadhuDhugumatti, Rabbiin warra (Isa) irratti hirkatan ni jaalata.
Verse 160
Yoo Rabbiin isin gargaare, wanti isin injifatu hin jiruYoo Inni isin xiqqeesse immoo, inni booda isaatii isin gargaaru sun eenyu? Mu’uminoonni Rabbuma irratti haa hirkatanu.
Verse 161
Nabiyyii kamiifuu (boojuu) dhokfachuun hin taaneNamni boojuu irraa miliqfate, Guyyaa Qiyaamaa waan miliqfate qabatee dhufaErgasii lubbuun hundi mindaa waan hojjattee guutuutti argattiIsaanis hin miidhamanu
Verse 162
Sila namni jaalala Rabbii hordofe akka nama dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee manni isaa jahannam ta'eetii? Deebiin isaa waa fokkate!
Verse 163
Isaan Rabbiin biratti sadarkaa adda addaa qabuRabbiinis waan isaan dalagan argaadha.
Verse 164
Dhugumatti Rabbiin yeroo ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara’u, (badii) irraas isaan qulqulleessu, kitaabaafi sunnaa (hikmaa) isaan barsiisu isaan keessatti ergu mu’uminoota irratti tola ooleeraDhugaatti sana dura isaan jallina ifa bahaa keessa turan.
Verse 165
Sila yeroma rakkoon kan isin fakkaataa ishee lama (injifannoo) argattan isin mudattu “kun eessaa nutti dhufe” jettuu? “Inni isinuma biraayyi" jedhiDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 166
Wanti guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman isin tuqe hayyamuma Rabbiitiini(Rabbiin) mu’uminootas (ittiin) ifa baasuuf (akkas godhe).
Verse 167
Isaan munaafiqoomanii “kottaa; karaa Rabbii keessatti lolaa; yookiin ofirraa deebisaa” isaaniin jedhamnaan “nuti odoo lola beeknee silaa isin hordofna turre” jedhanis akka ifa baasuufIsaan guyyaa san amantii caalaa kufriitti irra dhihoodhaWaan onnee isaanii keessa hin jirre afaan isaaniitiin jedhuRabbiinis irra beekaa waan isaan dhoksaniiti.
Verse 168
(Isaan) warra taa’anii obboleeyyan isaaniitiin “odoo nuuf ajajamanii silaa hin ajjeefamanu turan” jedhaniidha“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif du’a lubbuu keessan irraa deebisaa” jedhi
Verse 169
Warra karaa Rabbii keessatti du’an du’aatti hin yaadinDhugumatti isaan Gooftaa isaanii biratti jiraatoodha; ni sooramu.
Verse 170
Isaan waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen gammadoo ta'anii (sooramu)Warra isaan boodaa kan isaan hin dhaqqabiniinis waan sodaan isaan irra hin jirreefi isaanis hin gaddineef jecha ni gammadu.
Verse 171
Ni’imaafi tola Rabbirraa ta’eefi Rabbiin mindaa mu’uminootaa balleessuu dhabuun ni gammadu.
Verse 172
)Isaan) warra erga madaan isaan tuqee booda Rabbiifi ergamaaf awwaataniidhaIsaan irraa warra toltuu hojjataniifi Rabbiin sodaataniif mindaa guddaatu jira.
Verse 173
)Isaan) warra namoonni isaaniin “Namoonni isiniif (waraana) walitti qabanii jiruu sodaadhaa” jennaan iimaana isaaniif dabalee “ga’aan keenya Rabbii, isarratti hirkachuun toleera” jedhaniidha.
Verse 174
Odoo hamtuun isaan hin tuqin jaalala Rabbiis hordofanii ni’imaa Rabbi irraa ta’eefi tola isaatiin deebi’anRabbiin abbaa tola guddaati.
Verse 175
Inni sun sheyxaana; jaalalloo isaa (isin) sodaachisaa, yoo mu’umina taataniif isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa.
Verse 176
Isaan kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisinIsaan Rabbiin homaa hin miidhanuRabbiin akka isaaniif Aakhiratti qooda homaatuu hin taasifne fedhaIsaaniifis adabbii guddaatu jira.
Verse 177
Dhugumatti isaan iimaanaan kufriijijjiirratan, Rabbiin homaa hin miidhanuAmmas isaaniif adabbii laalessaatu jira.
Verse 178
Warri kafaran (adabbii) isaaniif tursiisuun gaarii isaaniif ta'uu hin yaadinKan Nuti isaaniif tursiifnuuf akka badii dabalataniif qofaAmmas isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.
Verse 179
Hanga fokkataa gaarii irraa adda fooyutti Rabbiin waan isin irra jirtan irratti kan mu’uminoota dhiisu hin taaneAmmas Rabbiin fagoo irratti kan isin mullisu hin taaneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa irraa nama fedhe filataRabbiifi ergamaa Isaatti amanaaYoo amantanii (Rabbiin) sodaattan, mindaa guddaatu isiniif jira.
Verse 180
Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don’oomanu inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadinDhugumatti inni isaaniif badaadhaFuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa (bofa ta’ee) isaanitti fannifamaDhaalli samiifi dachii kanuma RabbiitiRabbiinis waan isin dalagdan beekaadha.
Verse 181
Dhugumatti Rabbiin jecha warra “Rabbiin hiyyeessa; nuti dureeyyiidha” jedhanii dhagayeeraWaan isaan jedhaniifi ajjeechaa isaan nabiyyoota irratti haqaan ala raawwatanis ni barreessina“Adaba (ibidda) gubaas dhandhamaa” isaaniin jenna.
Verse 182
Sun sababaa waan harki keessan dabarfatteefi Rabbiinis gabroota kan miidhu ta'uu dhabuu isaatiini.
Verse 183
)Isaan) warra “hanga inni kennaa (qurbaana) ibiddi nyaatuun nutti dhufutti akka ergamaa kamittiyyuu hin amanne Rabbiin nu ajajeera” jedhaniidha“Dhugumatti ana duras ergamtoonni ragoota ifa ta’aniifi isa isin jettaniinis isinitti dhufanii jiruYoo kan dhugaa jettan taataniif maaliif isaan ajjeeftan?” jedhi.
Verse 184
Yoo si kijibsiisaniif, ergamtoonni si duraa kan ragoota ifa ta’an, xalayaafi kitaaba ibsaa ta'een dhufanis kijibsiifamanii jiru.
Verse 185
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudhaMindaawwan keessanis guutummaatti kan argattan Guyyaa QiyaamatiNamni ibidda irraa fageeffamee jannata seensifame, dhugumatti milkaayeeraJireenyi addunyaas meeshaa gowwoomsaa qofa.
Verse 186
Isin dhugumatti qabeenya keessaniifi lubbuu keessan keessatti ni qormaatamtuWarra isin dura kitaabni kennameef irraafi warra (Rabbitti) qindeessan irraas wantoota isin rakkisan baay’ee dhageessuYoo obsitanii, (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti kun gocha cimaadha.
Verse 187
Yeroo Rabbiin warra kitaaba kennamaniin “namootaaf isa ibsaa; akka isa hin dhoksine” (jedheenii) irraa waadaa kakuun jabeeffame fuudhe [yaadadhu]Isaan garuu dugda duuba isaaniitti isa darbanii gatii xiqqaattis isa gurguratanWanti isaan bitatan waa fokkate!
Verse 188
Warra waan hojjatanitti gammadanii, waan hin dalagin irratti galateeffatamuu jaalatan hin yaadin; adabbii irraa baraaramuu isaaniis hin yaadinIsaaniifis adabbii laalessaa ta’etu jira.
Verse 189
Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiRabbiinis waan hunda irratti danda’aadha.
Verse 190
Uumuu samiifi dachii; wal bakka bu’uu halkaniifi guyyaa keessa warra sammuu qabaniif mallattooleetu jira.
Verse 191
)Isaan) warra dhaabatanii, taa’anii, cinaacha isaanii irrattis Rabbiin faarsanii, “yaa Gooftaa keenya! Ati kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraas nu baraarsi" jedhaa uumama samiifi dachii keessattis xiinxalaniidha
Verse 192
)Ammas) "Gooftaa keenya! Ati nama ibidda seensifte, dhugumatti isa salphiftee jirtaMiidhaa hojjattootaaf gargaaraan hin jiru.
Verse 193
Gooftaa keenya! dhugumatti nuti lallabaa ‘Gooftaa keessanitti amanaa’ jechuun iimaanaaf lallabu dhageenyee amannee jirraGooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi.
Verse 194
Gooftaa keenya! Waan ergamtoota kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenniGuyyaa Qiyaamaas nu hin salphisinDhugumatti Ati waadaa hin faallessitu" (jedhaa xiinxalanii dha).
Verse 195
Gooftaan isaaniis “Ani dalagaa nama isin irraa dalagee kan dhiiraas ta’ee dhalaa hin balleessuGariin keessan garii irraayyi" jechuun isaaniif awwaateIsaannan godaananii; manneen isaanii irraa baafamanii, kan karaa kiyya keessatti rakkifamanii,fi lolaniifi ajjeefaman, dhugumatti hamtuuwwan isaanii isaan irraa harcaaseen ashaakiltii laggeen jala ishee yaatu isaan seensisaMindaa Rabbiin biraa ta’e (mindeffaman)Rabbiin isa bira mindaa gaariitu jira.
Verse 196
Dachii keessa garagaggaluun warra kafaranii si hin gowwoomsin.
Verse 197
(Kun) qananii muraasaErgasii teesson isaanii jahannamiAfatichi waa fokkate!
Verse 198
Garuu isaan Gooftaa isaanii sodaatan ishee keessatti hafoo ta'anii isaaniif ashaakiltiilee laggeen ishee jala yaatutu jiraAffeerraa Rabbiin biraa ta’e (affeeraman)Waan Rabbin biraatu qulqullootaaf caalaadha.
Verse 199
Warra kitaabaa irraa kan Rabbiif of gadi qaban, Keeyyattoota Rabbii maallaqa xiqqaan hin jijjiirranne ta'anii warra Rabbiitti, waan gara keessanitti buufameefi waan gara isaaniitti buufamettis amanantu jiruWarri sun isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jiraDhugumatti, Rabbiin qormaanni isaa ariifataadha.
Verse 200
Yaa warra amantan! Obsaa; obsaan (diinota keessan) injifadhaa; karaa Rabbii keessattis of hidhaaAkka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa
تقدم القراءة