Hiikkaa Suura الزمر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭴﭵﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi.
Verse 2
Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerraKanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari
Verse 3
Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofaWarri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu)Dhugumatti, Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessaDhugumatti, Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.
Verse 4
Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu gidduu kan fedhe filata tureQulqullina isaaf malu (sana irraa qulqullaa’e)Inni Allaah tokkicha hunda mo’ataadha.
Verse 5
Samiifi dachii dhugaan uumeHalkan guyyaa irratti mara; guyyaas halkan irratti maraAduufi baatiis ni laaffiseHunduu yeroo murtaa’eef deemuDhaga’aa! Inni injifataa, araaramaadha.
Lubbuu tokko irraa isin uumee, ergasii ishee irraa cimdii ishee taasisee; beeyladoota irraas cimdiiwwan saddeet isiniif buuse; Garaa haadha keessanii keessatti uumama boodaan uumama godhee dukkana sadi keessatti isin uumaKun Rabbii gabbaramaa keessan ta’eedhaMootummaan kan IsaatiiIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruAkkamumatti (Isarraa) gara galfamturee?
Verse 7
Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessaGaruu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatuYoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata(Lubbuun) dilii hojjattu tokko dilii (nama) biraa hin baadhattuErgasii deebiin keessan gara Gooftaa keessaniitiInnis waan isin dalagaa turtan isinitti odeessaDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessaati.
Verse 8
Ilmi namaa yoo rakkoon wahii isa tuqe, gara Isaa deebi’uun Gooftaa isaa kadhataErgasii yeroo (Rabbiin) ni’imaa Isa biraa ta’e isaaf kenne, Isa (Rabbii) dura kadhachaa ture irraanfateeti, karaa Isaa irraa (namoota) jallisuuf jecha Rabbiif hiriyaa taasisa“Kufrii keetti xiqqo bashannani; dhugumatti ati warra ibiddaa irraayi” jedhiin.
Verse 9
Sila namni Rabbiif jecha yeroo halkanii sujuudaafi (salaataaf) dhaabbataa, Aakhiraa sodaataa, rahmata Rabbii isaa kajeelaa (Rabbiif) ajajamu (isa hin amanneen wal qixxaataa?) Jedhi: “sila isaan beekaniifi isaan hin beekne wal qixxaatuu?” Dhugumatti, isaan gorfaman warra sammuu qaban qofa.
Verse 10
Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan amantan! Gooftaa keessan sodaadhaaIsaan addunyaa kana keessatti toltuu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun (qophaa’ee) jiraDachiin Rabbiis bal’oodhaWarri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.”
Verse 11
“Ani amantii Isaaf qulqulleessee, Rabbi gabbaruuttin ajajame” jedhi.
Verse 12
ﭛﭜﭝﭞﭟ
ﭠ
“Jalqaba Muslimtootaa ta’uttis nin ajajame.”
Verse 13
“Ani yoon ajaja Gooftaa kiyyaa dide adabbii guyyaa guddaan sodaadha” jedhi.
Verse 14
ﭫﭬﭭﭮﭯﭰ
ﭱ
Jedhi: “Ani Rabbuma qofaan, amantii kiyya Isaaf qulqulleessaa ta’ee gabbara.”
Verse 15
Isaan ala waan feetan gabbaraa“Dhugumatti, warri hoonga’an isaan Guyyaa Qiyaamaa ofiifi maatii isaaniis hoonga’aniidhaDhugumatti, kun isumatu hoongoo ifa galaadha.”
Verse 16
Isaaniif gubbaa isaanii irraa haguuggaa ibidda irraa ta’eetu jira; jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira)Sana Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisa“Yaa gabroota kiyya! Anuma qofa sodaadhaa.”
Verse 17
Isaan gabbaramoota sobaa gabbaruu irraa fagaatanii, gara Rabbii deebi’an, isaaniif gammachuutu jiraGabroota kiyya gammachiisi.
Verse 18
(Isaan) warra jecha dhageeffatanii, ergasii irra bareedaa isaa hordofaniidhaIsaan sun warra Rabbiin isaan qajeelcheIsaan sun isaanumatu warra sammuuti.
Verse 19
Sila namni jechi adabbii isa irratti mirkanaa’e (nama hamtuu irraa fagaate waliin wal qixaa)? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa?
Verse 20
Garuu warra Rabbii isaanii sodaatan, isaaniif kutaalee isaan gubbaa kutaaleen (biraa) ijaaramtuun jirtu, kan isaan jala laggeen dhangalaatutu jiraWaadaa Rabbii (Inni wareege)Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.
Verse 21
Sila Rabbiin bishaan (rooba) samii irraa buusee, ergasii burqaa godhee dachii keessa gadi isa liccisiise hin agarree? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa gara garaa biqilchee, ergasii goggogee daalacha ta’u argitaErgasii caccabaa godhaDhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.
Verse 22
Sila namni Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee, beekumsa Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)? Yaa badii namoota onneen isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru
Verse 23
Rabbiin haasawa gaarii, kitaaba (miidhagina keessatti) wal fakkaatu, kan oduun isaa lama lamaan deemtu, kan isa irraa gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii suukannooftu, ergasii gogaan isaaniitiifi onneen isaanii gara yaadannoo Rabbiitti laafu buusee jiraKun qajeelfama Rabbiiti; isaan nama fedhe qajeelchaNama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
Verse 24
Sila namni Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin adabbii hamaa san (qaama) isaa irraa eegu (akka nama jannata seenuutii?) Miidhaa dalagtootaan ni jedhama: “Waan oomishaa turtan dhandhamaa.”
Verse 25
Warri isaaniin duraa sobsiisaniiti, adabbiin gara isaan hin beekneen isaanitti dhufe.
Verse 26
Rabbiin jiruu addunyaa keessatti salphina isaan dhandhamsiiseOdoo beekanii adabbiin kan Aakhiraatu irra guddaadha.
Verse 27
Dhugumatti, Nuti namaaf Qur’aana kana keessatti akka isaan gorfamaniif fakkeenya hunda irraa goone.
Verse 28
Dubbifamaa afaan Arabaa haala ta’een, kan jallinna tokko hin qabne ta’ee akka Rabbiin sodaataniif jecha (isaanif buufne)
Verse 29
Rabbiin ‘nama tokko kan shariikkan (isa irratti) wal hin taane waliin qabaniifi kan namni tokko qofti qabu fakkeenya godheIsaan kun lamaan fakkeenyaaf walqixaa? Faaruun hundi kan RabbiitiGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Verse 30
ﰁﰂﰃﰄ
ﰅ
Dhugumatti, (Yaa Muhammad) ati ni duuta; isaanis ni du’u!
Verse 31
Ergasii isin (hunduu) Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.
Verse 32
Sila nama Rabbi irratti sobe, kan yeroo dhugaan isatti dhufu sobsiise irra namni miidhaa hojjate ni jiraa? Sila teessoon kaafirootaa jahannam keessa hin taanee?
Verse 33
Inni dhugaan dhufeefi kan isa dhugoomses, isaan sun isaanuma warra Rabbiin sodaatu.
Verse 34
Isaaniif waan isaan fedhantu Rabbii isaanii bira jiraSun galata warra toltuu hojjataniiti.
Verse 35
Akka Rabbiin hamtuu waan dalaganii isaan irraa haqee mindaa isaanii gaarii waan isaan hojjatanii isaanii galata galchuuf (isaaniif laaffise).
Verse 36
Sila Rabbiin gabricha Isaatiif ga’aa mitii? Warra Rabbii gaditti gabbaraniin si sodaachisuNama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.
Verse 37
Nama Rabbiin qajeelches wanti isa jallisu hin jiruSila Rabbiin injifataa, haaloo baafataa hin taanee?
Verse 38
“Samiifi dachii eenyutu uume?” (jettee) odoo isaan gaafattee “Rabbuma” jedhu“Mee naaf odeessaa? Wanti isin Rabbiin ala waammattan (gabbartan) odoo Rabbiin hamtuu naan fedhee, sila isaan (na) rakkisuu isaa san ni deebisuu? Yookiin odoo rahmataan na fedhee, isaan rahmata Isaa qabuu ni danda’uu?” jedhiin: “Rabbumatu naaf ga’a; warri hirkatan Isa irratti hirkatu.”
Verse 39
“Yaa ummata kiyya! Karaa irra jirtan irratti dalagaa; anis dalagaadhaFuulduratti beekuuf jirtu” jedhiin.
Verse 40
“Nama adabbiin isa xiqqeessu itti dhufuufi kan adabbiin dhaabbataan isa irratti bu’u eenyu akka ta’e (beekuuf jirtu).”
Verse 41
Nuti namootaaf kitaaba (Qur’aana) dhugaan sirratti buufneNamni qajeele lubbuma isaatiifiNamni jallates isheedhuma irratti jallataAti isaan irratti dirqama (qajeelchuu) hin qabdu
Verse 42
Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa)Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qabaIshee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisaDhugumatti, kana keessa warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Verse 43
Sila Rabbii gadittii manguddoota godhatanii? “Odoma isaan homaa hin qabneefi sammuus hin qabne (godhatanii?)” jedhi.
Verse 44
“Araarri hunduu kanuma RabbiitiMootummaan samiifi dachii kan IsaatiErgasii gara Isaatti deebifamtu” jedhiin
Verse 45
Yeroo Rabbiin kophaa Isaa faarfamu onneen warra Aakhiratti hin amannee ni sunturrooftiYeroo warri Isaan (Rabbiin) alaa faarfaman yeruma san gammadu.
Verse 46
Jedhi: “Yaa Rabbii uumaa samiifi dachii! Beekaa fagoofi dhihoo! gidduu gabroota keetiitti waan isaan irratti wal dhabaa turan keessatti sumatu murteessa.”
Verse 47
Odoo wanti dachii keessa jiru hundi isaan miidhaa dalaganiif ta’ee fakkaataan isaas isaa waliin (isaanif ta’e), adabbii Guyyaa Qiyaamaa hamaa san irraa isaan of baasu turanWaan isaan hin yaadintu Rabbi irraa isaaniif mul’ate.
Verse 48
Hamtuun waan isaan hojjatanii isaaniif mul’ateWanti isaan itti qishnaa turanis isaanitti marse.
Verse 49
Namni yeroo rakkoon isa tuqe nu kadhataErgasii yeroo Nuti ni’imaa Nu biraa ta’e isaaf kennine, “beekumsuma kiyyaafiin kenname” jedhaLakkisaa! isheen sun mokkoraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Verse 50
Warri isaaniin duraas isuma jedhanii jiruWanti isaan hojjachaa turan homaa isaan irraa hin deebifne
Verse 51
(Mindaa) hamtuu isaan hojjataniitu isaan tuqeKanneen irraa warri miidhaa dalaganis hamtuuwwan waan isaan dalaganii isaan tuquuf jiraIsaan Rabbi duraa hin bahan.
Verse 52
Sila akka Rabbiin nama fedheef kenna bal’isee, (kan fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattooleetu jira.
Verse 53
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaaDhugumatti Rabbiin balleessa hundaa ni araaramaInni araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 54
Odoo adabbiin isinitti hin dhufin gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaaSana booda hin tumsamtanu.
Verse 55
Adabni tasa odoo isin hin beekin isinitti dhufuu dura irra gaarii waan Goftaa keessan irraa gara keessanitti bu’ee hordofaa
Verse 56
Lubbuun “Yaa sheenaa kiyya kanin karaa Rabbii keessatti daangaa dabree, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).
Verse 57
Yookiin “odoo Rabbiin na qajeelchee sila warra Rabbiin sodaatan irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
Verse 58
Yookaan yeroo adabbii (Rabbii) argite, “carraan (addunyaatti deebi’uu) tokko odoo naaf ta’ee, toltuu dalagdoota irraan ta’a ture” akka hin jenneef.
Verse 59
Lakkii; dhugumatti mallattooleen kiyya sitti dhufaniiti, ati isaan sobsiiftee, boontee, kaafiroota irraa taate.
Verse 60
Guyyaa Qiyaamaa warra Rabbi irratti soban kan fuulli isaanii gurracha ta’e argitaSila warra boonaniif teessoon jahannam keessa hin taanee?
Verse 61
Rabbiin warra Isa sodaatan milkii isaaniitiin (jahannam irraa) isaan baraara; hamtuun isaan hin tuqu; isaan hin gaddanus.
Verse 62
Rabbiin uumaa waan hundaatiInni waan hunda irrattis tiksaadha.
Verse 63
Furtuuwwan samiifi dachii kan IsaatiIsaan keeyyattoota Rabbiitti kafaran, isaan sun hoonga’oon isaanuma.
Verse 64
(Yaa Muhammad!) “Yaa wallaaltotaa! Sila Rabbiin ala (waan biraa) gabbaruutti na ajajjuu?” jedhi
Verse 65
Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.
Verse 66
ﯟﯠﯡﯢﯣﯤ
ﯥ
Rabbiin qofa gabbari; galateeffattoota irraas ta’i.
Verse 67
Isaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifneGuyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati; samiinis mirga Isaatiin maramtuudhaInni qulqullaa’e; waan isaan Isa waliin gabbaran irraas ol ta’e.
Verse 68
Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufamaWarri samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, nama Allaahn fedhe malee, ni dhumuErgasii yeroo biraas isa keessatti afuufamaYeroo san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.
Verse 69
Dachiinis ifa Gooftaa isiitiin iftiGalmeenis ni kaayamaNabiyyootaafi ragooleenis ni fidamuGidduu isaaniitti odoo isaan hin miidhamne haqaan murteeffama.
Verse 70
Lubbuun hundi waanuma hojjate galata galfamtiInni waan isaan hojjatan akkaan beekaadha
Verse 71
Isaan kafaran gara jahannam gareen ta’anii oofamu; yeroo ishee bira ga’an balballi ishee banamteeti, waardiyoonni ishee “sila ergamtoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisaniifi wal ga’ii guyyaa keessanii kana isin sodaachisan isinitti hin dhufnee?” isaaniin jedhan[Isaan] “eeyyee (dhufaniiru), garuu jecha adabaatu kaafiroota irratti mirkanaa’e” jedhan.
Verse 72
“Balbala jahannam ishee keessatti hafoo ta’aatii seenaa” jedhamaTeessoon warra boonanii akkam fokkataa dha!
Verse 73
Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara jannataatti oofamuYeroma isaan isheetti dhufanii balballi ishees banamtee, waardiyoonni ishees “nageenyi isin irra haa jiraatu; toltaniittu; keessatti hafoo ta’aatii ishee seenaa” isaanin jettu (ishee seenan).
Verse 74
Ni jedhanis: “faaruun hundi kan Rabbii Isa waadaa Isaa dhugaa nuuf godhee, dachii (jannataas) nu dhaalchiseetiJannata keessaa iddoo barbaanne qubannaMindaan hojjattootaa waa tole!”
Verse 75
Maleykotas, kan naannoo Arshii Gooftaa isaanii marsanii, faaruu Gooftaa isaanii waliin Isa qulqulleessan argitaGidduu isaaniitti (uumamaatti) dhugaan murteeffameeti “faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati” jedhame.
تقدم القراءة