سورة الأحقاف

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الأحقاف الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Namootaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamneHaati isaa rakkoon isa baadhattee, rakkoon isa deesseUlfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; yeroo jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisiSanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisiAni gara kee tawbaa deebi’eeraAni Muslimtoota irraayi” jedhe.
(Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef waan nuun sodaachiftuun nutti koottu.”
Yeroo isa (adabicha) (duumessa fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa rooba nuuf kennuu dhufe” jedhan“Lakkisaa! Inni waan jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isa keessa jiruudha” (jedhaman).
Dhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran gidduu (heddu) balleessinee jirraMallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne.
(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii gara keetti garagalchine [yaadadhu]Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa dhageeffadhaa” (waliin) jedhanYeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an.
تقدم القراءة