سورة الفتح

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura الفتح الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

(Yaa Muhammad!) Nuti ragaa, gammachiisaafi sodaachisaa goonee si ergine.
(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantan, isa guddiftan, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine).
Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenya keenyaafi maatii keenyatu nu qabe; kanaaf Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiruWaan onnee isaanii keessa hin jirre arraba isaanitiin jedhu(Yaa Muhammad) “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, eenyutu waan Allaahn barbaade gochuu irraa Isa dhorguu danda’a? Garuu Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.
Rabbiin boojii baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeeraIshee kana immoo isiniif jarjarseHarka namootaas isin irraa qabe(Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatee, karaa qajeelaas isin qajeelchuuf.
Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas akka iddoo qalma isaanii hin geenye dhorgamaa godhaniidhaOdoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture)Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini)Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.
____________________
معكوفا لم يذكر
Muhammad ergamaa RabbiitiWarri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodhaTolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argitaMallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jiraSun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaatiFakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti(Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufiRabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira
تقدم القراءة