Hiikkaa Suura القمر الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮬﮭﮮﮯ
ﮰ
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.
Verse 2
Yeroo mallattoo wahii argan gara galaniiti “(kun) sihrii cimaadha” jedhu.
Verse 3
(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofuWanti hunduu galma ga’aadha.
Verse 4
Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa dhorgaan jiru isaanitti dhufeera.
Verse 5
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
ﯰ
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.
Verse 6
Isaan irraa garagaliGuyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu;
Verse 7
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
Verse 8
Gara waamaatti ori’uKaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.
Verse 9
Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteeraGabricha keenya (Nuuh) sobsiisanii, “inni maraataa dha, dhorgameeras.” jedhan
Verse 10
ﭯﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.
Verse 11
ﭵﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.
Verse 12
Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.
Verse 13
ﮅﮆﮇﮈﮉ
ﮊ
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)
Verse 14
ﮋﮌﮍﮎﮏﮐ
ﮑ
Galata isa itti kafaramee taatee tika keenyaan deemti.
Verse 15
ﮒﮓﮔﮕﮖﮗ
ﮘ
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata?
Verse 16
ﮙﮚﮛﮜ
ﮝ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?
Verse 17
Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerraNamni ittiin gorfamu jiraa?
Verse 18
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?
Verse 19
Qilleensa qorraa guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa isaanitti ergine.
Verse 20
ﯘﯙﯚﯛﯜﯝ
ﯞ
Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.
Verse 21
ﯟﯠﯡﯢ
ﯣ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?
Verse 22
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirraNamni gorfamu jiraa?
Verse 23
ﯬﯭﯮ
ﯯ
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.
Verse 24
Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti oggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.
Verse 25
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.
Verse 26
ﰅﰆﰇﰈﰉ
ﰊ
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.
Verse 27
Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.
Verse 28
Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himiDhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.
Verse 29
ﭛﭜﭝﭞ
ﭟ
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane
Verse 30
ﭠﭡﭢﭣ
ﭤ
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?
Verse 31
Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.
Verse 32
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa?
Verse 33
ﭶﭷﭸﭹ
ﭺ
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.
Verse 34
Dhugumatti, Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirraMaatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.
Verse 35
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine)Akka kanatti nama galata Nuuf galche mindeessina.
Verse 36
ﮏﮐﮑﮒﮓ
ﮔ
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru.
Verse 37
Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).
Verse 38
ﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.
Verse 39
ﮥﮦﮧ
ﮨ
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).
Verse 40
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerraEgaa namni gorfamu jiraa?
Verse 41
ﮱﯓﯔﯕﯖ
ﯗ
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiifni dhufeera.
Verse 42
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.
Verse 43
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?
Verse 44
ﯫﯬﯭﯮﯯ
ﯰ
Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.
Verse 45
ﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.
Verse 46
ﯶﯷﯸﯹﯺﯻ
ﯼ
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.
Verse 47
ﯽﯾﯿﰀﰁ
ﰂ
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.
Verse 48
Guyyaa fuula isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar dhandhamaa” (jedhamaan).
Verse 49
ﰍﰎﰏﰐﰑ
ﰒ
Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne.
Verse 50
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Ajajni keenya akkuma liphsuu ijaa yeroo tokko qofa.
Verse 51
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa?
Verse 52
ﭟﭠﭡﭢﭣ
ﭤ
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.
Verse 53
ﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.
Verse 54
ﭪﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu.
Verse 55
ﭰﭱﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.
تقدم القراءة