سورة المجادلة

الترجمة الأورومية

Hiikkaa Suura المجادلة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa

الترجمة الأورومية

Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii mitiHaadholiin isaanii isaanuma isaan da'an sana qofaDhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataafi soba ta'e dubbatuDhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.
Sila Rabbiin waan samii keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti, Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin argamu, giddu namoota shaniittis Inni jahaffaa isaanii ta'u malee, giddu namoota sanaa gadiis ta'ee kan sanaa olii iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee (hin argamu)Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.
Sila gara warra iccitii (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamanii deebi'anii, akkasumas badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti wal mari'atanuu hin ilaallee? Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatuLubbuu isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) "dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne?" jedhuJahannam isaaniif ga'aadha; ishee seenuDeebichi (isaanii) waa fokkate!
Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta'anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argituIsaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseeraJannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala ta'aniin isaan seensisaRabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiruIsaan garee RabbiitiDhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.
تقدم القراءة