Hiikkaa Suura الحاقة الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﮯ
ﮰ
Mirkaneessituun,
Verse 2
ﮱﯓ
ﯔ
Mirkaneessituttiin maali?
Verse 3
ﯕﯖﯗﯘ
ﯙ
Mirkaneessituttiin maal akka taate maaltu si beeksise?!
Verse 4
ﯚﯛﯜﯝ
ﯞ
(Ummanni) Samuudiifi Aad rukuttuu qalbii (Qiyaamaa) sobsiisaniiru.
Verse 5
ﯟﯠﯡﯢ
ﯣ
Samuudis iyya daangaa darbaadhaan balleeffaman
Verse 6
ﯤﯥﯦﯧﯨﯩ
ﯪ
Aad immoo qilleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman.
Verse 7
Halkan torbaafi guyyaa saddeetiif walitti aansee isaan irratti ergeIshee keessatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita
Verse 8
ﯼﯽﯾﯿﰀ
ﰁ
Sila isaan irraa haftee wahii ni argitaa?
Verse 9
ﭑﭒﭓﭔﭕﭖ
ﭗ
Fir'awn, warri isa duraatiifi (gandoonni) gombifamtoonnis diliidhaan dhufan.
Verse 10
ﭘﭙﭚﭛﭜﭝ
ﭞ
Ergamaa Gooftaa isaanii faallessinaan qabaa cimtuu isaan qabe.
Verse 11
Nuti yeroo bishaan daangaa dabru doonii keessatti isin baanne.
Verse 12
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
ﭭ
Akka ishee isiniif gorsa goonuufi gurri waa hubattus akka ishee hubattuuf (kana goone)
Verse 13
ﭮﭯﭰﭱﭲﭳ
ﭴ
Yeroo Garrii ykn Faaggaa (xurumbaa) keessa afuuffaan tokkittiin afuufamte,
Verse 14
ﭵﭶﭷﭸﭹﭺ
ﭻ
Dacheeniifi gaarreenis ol fuudhamanii caccabiinsa tokkittii caccaban,
Verse 15
ﭼﭽﭾ
ﭿ
Guyyaa san argamtuun (Qiyaamaan) ni argamti.
Verse 16
ﮀﮁﮂﮃﮄ
ﮅ
Samiinis ni baqaqxi; kanaafuu isheen guyyaa san laaftuudha.
Verse 17
Maleeykonnis daangawwan ishee irratti ta'uArshii Gooftaa keetiis guyyaa san (maleeykota) saddeettu gubbaa isaaniitti baadhatu.
Verse 18
ﮑﮒﮓﮔﮕﮖ
ﮗ
Guyyaa san (murtiidhaaf) ni dhiyeeffamtuu, (iccitiin) dhokattuun isin irraa taate hin dhokattu.
Verse 19
Namni kitaaba isaa mirga isaatiin kenname ni jedha: “hoodhaa kitaaba kiyya dubbisaa.
Verse 20
ﮢﮣﮤﮥﮦ
ﮧ
Ani qormaata koo qunnamuu dhugoomseen ture.”
Verse 21
ﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
Innis jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.
Verse 22
ﮭﮮﮯ
ﮰ
Jannata ol fuudhamtuu keessa (ta'a).
Verse 23
ﮱﯓ
ﯔ
Kan firiiwwan ishee dhihoo ta'an;
Verse 24
"Waan guyyoota darban keessa dabarfattaniif jecha gammadoo ta’aatii nyaadhaa; dhugaa" (isaaniin jedhama).
Verse 25
Namni kitaaba isaa bitaa isaatiin kennames ni jedha: "yaa badii kiyya! Odoon kitaaba kiyya kennamuu hafee.
Verse 26
ﯩﯪﯫﯬ
ﯭ
Qormaanni kiyya maal akka ta'es (odoon) beekuu hafee.
Verse 27
ﯮﯯﯰ
ﯱ
Odoo isheen xumura (jiruu) kiyyaa taateen hawwa!
Verse 28
ﯲﯳﯴﯵﯶ
ﯷ
Qabeenyi kiyya homaa nan duroomsine (fayyadne).
Verse 29
ﯸﯹﯺ
ﯻ
Taaytaan kiyyas narraa bade” (jedha).
Verse 30
ﯼﯽ
ﯾ
Isa qabaatii isa hidhaa (sakaalaa).
Verse 31
ﯿﰀﰁ
ﰂ
Ergasii ibidda isa seensisaa
Verse 32
Ergasii sansalata dheerinni isaa dhundhuma torbaatama ta'e keessa isa seensisaa.
Verse 33
ﰋﰌﰍﰎﰏﰐ
ﰑ
Inni Rabbii Guddaatti hin amanu ture.
Verse 34
ﰒﰓﰔﰕﰖ
ﰗ
Hiyyeeyyii nyaachisuu irrattis (namoota) hin kakaasu ture.
Verse 35
ﰘﰙﰚﰛﰜ
ﰝ
Har’a asitti firri isaaf hin jiru.
____________________
firrii (jaalallee)
____________________
firrii (jaalallee)
Verse 36
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru.
____________________
malaa (---)
____________________
malaa (---)
Verse 37
ﭗﭘﭙﭚ
ﭛ
Warra dilaawoo malee isa hin nyaatu.
Verse 38
ﭜﭝﭞﭟ
ﭠ
Waan isin argitaniinis niin kakadha.
Verse 39
ﭡﭢﭣ
ﭤ
Waan isin hin argineenis (niin kakadha).
Verse 40
ﭥﭦﭧﭨ
ﭩ
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha ergamaa kabajamaati.
Verse 41
Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu.
Verse 42
Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu.
Verse 43
ﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
Verse 44
ﮀﮁﮂﮃﮄ
ﮅ
Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) Nurratti dubbatee,
Verse 45
ﮆﮇﮈ
ﮉ
Silaa Nuti mirgaan isa qabna turre.
Verse 46
ﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre.
Verse 47
ﮏﮐﮑﮒﮓﮔ
ﮕ
Isin irraa namni isarraa dhorgu tokkollee hin jiru.
Verse 48
ﮖﮗﮘ
ﮙ
Innis (Qur'aanni) warra Rabbiin sodaataniif gorsa.
Verse 49
ﮚﮛﮜﮝﮞ
ﮟ
Dhugumatti isin irraa namoonni (Qur'aana) sobsiisan akka jiran Nuti ni beekna.
Verse 50
ﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Inni (Qur'aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.
Verse 51
ﮥﮦﮧ
ﮨ
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) dhugaa mirkanaa’aadha.
Verse 52
ﮩﮪﮫﮬ
ﮭ
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi.
تقدم القراءة