Hiikkaa Suura الأعراف الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭑ
ﭒ
Alif Laam Miim Saad
Verse 2
(Kun) kitaaba gara keetti buufameIsa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatinAkka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne)
Verse 3
Waan Gooftaa keessan irraa gara keessanitti buufame hordofaaJaalallee (biraa) isaa gaditti hin hordofinaaXiqqoo qofa gorfamtu
Verse 4
Magaalota irraa kan Nuti balleessinee adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe hedduudha.
Verse 5
Yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufu jechi isaanii "nuti miidhaa raawwattoota turre" jechuu malee waan biraa hin taane.
Verse 6
ﮉﮊﮋﮌﮍﮎ
ﮏ
Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna.
Verse 7
Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessinaNuti (kana irraa) fagoo hin taane.
Verse 8
Madaalli guyyaa san dhugaadhaNamni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun isaanumatu milkaayoodha.
Verse 9
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphatte immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya miidhaa turaniif lubbuu isaanii hoongessaniidha.
Verse 10
Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.
Verse 11
Dhugumatti, isin uumneerraErgasiis isin bocneErgasiis maleykotaan "Aadamiif sujuudaa" jenneAchumaan sujuudani; Ibliis maleeInni warra sujuudan irraa hin taane.
Verse 12
(Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe(Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.
Verse 13
(Rabbiinis) "ishee irraa bu’i; Ishee keessatti boonuun siif hin taane; ba’i ati warra salphattoota irraayi" jedheen
Verse 14
ﭲﭳﭴﭵﭶ
ﭷ
(Ibliis) "Hanga guyyaa isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.
Verse 15
ﭸﭹﭺﭻ
ﭼ
(Rabbiiniis) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen.
Verse 16
(Ibliisis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif taa’a
Verse 17
Ergasii fuuldura isaanii, duuba isaanii, mirga isaaniitiifi bitaa isaanii irraan isaanitti dhufaIrra hedduu isaaniis galateeffattoota ta'anii hin argitu."
Verse 18
(Rabbiinis) ni jedhe: "Ishee irraa arrabsamaa, fageeffamaa haala taateen ba’iIsaan irraa namoota si hordofe, isin hunda irraan Jahannama guuta.
Verse 19
Yaa Aadam! Atiifi niitiin kee jannata keessa taa'aa; iddoo feetan irraas nyaadhaaMiidhaa raawwattoota irraa taatu mukattii kanatti immoo hin dhihaatinaa."
Verse 20
Shayxaanni qaama saalaa isaanii kan dhokatee ture ifatti mul’isuuf isaan lamaanitti hasaase; "Rabbiin keessan mukattii kana irraa akka isin lamaan malaykota hin taaneef yookiin akka isin lamaan hafoo hin taaneefi malee waan biraatiif isin hin dhorgine" jedheen.
Verse 21
ﯰﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
"Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.
Verse 22
Gowwoomsuun isaan jalliseYeroma isaan mukattii dhandhaman, qaamni saalaa isaanii ni mul'atte; isaanis qaama isaanii baala jannataatiin haguuguu jalqabanGooftaan isaaniis "Sila Ani mukattii tana irraa isin hin dhorginee; shayxaanni isin lamaanif diina ifa ta’e isiniin hin jennee?" jechuun isaanitti lallabe.
Verse 23
"Gooftaa keenya! lubbuu keenya miinee jirraYoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin godhin, nuti Dhugumatti, warra hoonga’an irraa taana" jedhan.
Verse 24
(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin bu’aaIsiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’ee ta'eetu jira."
Verse 25
"Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu; ishee irraas baafamtu" jedheen
Verse 26
Yaa ilmaan Aadam! Nuti uffata qaama saalaa keessan haguuguufi faaya isin irratti buufnee jirraUffata sodaa Rabbiitu, saniitu caalaKun mallattoowwan Rabbii irraayi; akka isaan yaadataniif (isaaniif himne).
Verse 27
Yaa ilmaan Aadam! Akka abbaafi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf uffata isaanii isaan irraa mulquun jannata irraa baasetti akka shayxaanni isin hin mokkorreDhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin arguNuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra.
Verse 28
Yeroo waan fokkattuu hojjatanis "abbootii keenya ishee irratti agarre; Rabbiinis isheetti nu ajaje" jedhu"Rabbiin fokkataatti hin ajajuSila isin waan hin beekne Rabbi irratti jettuu?" jedhiin.
Verse 29
"Gooftaan kiyya haqatti ajajeMasjida hunda biratti fuula keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaaAmantii keessan isaaf qulqulleessaa haala taataniin isa gabbaraaAkkuma isin jalqabetti deebitu" jedhi
Verse 30
Garee tokko ni qajeelche; gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’eDhugumatti, isaan Rabbii gaditti shayxaanota jaalallee taasifatani‘Isaan qajeeloo dha’ jechuus yaadu.
Verse 31
Yaa ilmaan Aadam! Masjida hunda birattuu uffata keessan qabadhaaNyaadhaa, dhugaa, daangaa immoo hin dabrinaaDhugumatti, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
Verse 32
"Namni uffata ishee Rabbiin gabroota Isaatiif baaseefi soorata irraas gaggaarii dhorge eenyu?" jedhiIsheen Guyyaa Qiyaamaa warra amananiif dhuunfaa haala taateen jiruu addunyaa keessattis kan isaaniiti" jedhiAkka kanatti keeyyattoota ummata beekaniif addeessina.
Verse 33
Jedhi: "wanti Gooftaan kiyya haraama godhe gochaalee fokkatoo, isaan irraa waan ifa ta’ees ta’ee kan dhokate, dilii, karaan ala daangaa dabruu, waan inni ragaa isaaf hin buusin Rabbitti qindeessuufi Rabbi irratti waan hin beekne jechuudha."
Verse 34
Ummata hundaafuu yeroo murtaa’etu jiraYeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.
Verse 35
Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an isinitti dhufan, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
Verse 36
Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
Verse 37
Nama Rabbiin irratti kijiba uume yookiin keeyyattoota Isaa kijibsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Sunniin qoodni isaanii kitaaba irraa haala ta'een isaan dhaqqaba; Ergamoonni keenya lubbuu isaanii kan fuudhan ta'anii yeroo isaanitti dhufan "Warri Rabbii gaditti gabbaraa turtan eessa jiru?" jedhu"Nurraa badaniiru" jedhu"Isaan kaafiroota" jechuu lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
(Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessa ta’aatii ibidda seenaa." Ummanni wahii dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaartiYeroo hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiruKanaaf adabbii dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jedhu(Rabbiinis) "Hundaafuu dachaatu jiraGaruu isin hin beektanu" jedhe.
Verse 39
Warri jalqabaas warra boodaatiin "isiniif nurra caaliinsi wahii hin jiru; Waan hojjachaa turtaniif jecha adabbii dhandhamaa" jedhaniin.
Verse 40
Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi isaan irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamuHanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanuAkka kanatti yakkamtoota mindeessina.
Verse 41
Isaaniif Jahannam irraa firaashii, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu jiraAkka kanatti miidhaa raawwattoota mindeessina.
Verse 42
Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti lubbuu tokkos dandeettii ishee malee hin dirqisiifnu; isaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
Verse 43
Jibbaa qoma isaanii keessa jirus ni baafneLaggeen jala (gamoo) isaanii yaati"Faaruun kan Rabbii kanaaf nu qajeelcheetiOdoo Rabbiin nu qajeelchuu baatee hin qajeellu turre; ergamoonni Rabbii keenyaa dhugaadhaan dhufteetti" jedhan"Jannanni kun sababa waan hojjataa turtaniitiin dhaalchifamtanii dha" jechuun (isaanitti) lallabamu.
Verse 44
Warri jannataa warra ibiddaatti "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerraIsin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" jechuun itti lallabu"Eeyyeen" jedhanLallabaan gidduu isaaniitti ta’e "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" jechuun lallabe.
Verse 45
(Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidhaIsaanis Aakhiratti kafaroodha.
Verse 46
Gidduu isaanii haguuggaatu jira'A’araaf' irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiruWarra jannataatiinis "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun itti lallabuIsaanis (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne.
Verse 47
Yeroo ijji isaanii gara warra ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
Verse 48
Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban"(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
Verse 49
Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
Verse 50
Warri ibiddaa "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isin soore irraa nurratti dhangalaasaa" jechuun warra jannataatti lallabu"Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin.
Verse 51
(Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedhaAkkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa har'aa isaan irraanfanna.
Verse 52
Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een isaanitti dhufnee jirra.
Verse 53
Sila isaan xumura isaa malee maal eegaaru? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan "Dhugumatti, ergamoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhufteettiSila araarsonni nuuf araarsan nuuf jiraa? Yookiin dalagaa isa hojjataa turreen alaa hojjachuuf (gara addunyaatti) deebifamnaa?" jedhuDhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiruWanti isaan kijibaan uumaa turanis isaan jalaa badeera.
Verse 54
Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedhaHaala ariitiidhaan isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugaAduu, ji’aafi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume)Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan IsaatiRabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.
Verse 55
Gooftaa keessan gadi of qabuufi dhoksaadhaan kadhaaDhugumatti, Inni daangaa dabritoota hin jaalatu.
Verse 56
Dachii irrattis erga isheen toltee booda hin balleessinaaSodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaaDhugumatti, rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha.
Verse 57
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee rahmata Isaa dura erguudhaYeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun fuduraalee hunda baafneAkka isin gorfamtaniif jecha akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.
Verse 58
Biyyi gaariin biqilaan isaa hayyama Gooftaa isaatiin bahaInni bade immoo (biqilaan isaa) dadhabbiidhaan malee hin bahuAkka kanatti keeyyattoota namoota galateeffataniif addeessina.
Verse 59
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaatti erginee "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha" jedheen.
Verse 60
Qondaalonni ummata isaa irraa ta’an "Dhugumatti, nuti jallina ifa galaa keessatti si argina" jedhan.
Verse 61
(Nuuhis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiruGaruu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.
Verse 62
Ergaa Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisa; toltuus isiniifin yaadaRabbi irraahis waan isin hin beeknen beeka.
Verse 63
Akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif nama isin irraa ta’e tokko irratti akka isin akeekkachiisuuf gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu dinqisiifattanii?" (isaaniin jedhe).
Verse 64
Isa kijibsiisanIsaafi warra doonii keessa isa waliin ta’an ni baraarsineIsaan keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo bishaaniin dhidhimsineDhugumatti, isaan ummata jaamaa turan.
Verse 65
Gara Aadis obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila hin sodaattanuu?" jedheen.
Verse 66
Ummata isaa irraas qondaalonni warra kafaranii "Dhugumatti, nuti gowwummaa keessatti si arginaDhugumatti, kijibdootaa irraa ta'uu kees yaanna" jedhaniin.
Verse 67
(Huudis) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiruGaruu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.
Verse 68
Ergaalee Gooftaa kiyyaan isin dhaqqabsiisaAnis isiniif tola yaadaa, amanamaadha.
Verse 69
Akka isin akeekkachiisuuf jecha gorsi Rabbii keessan irraa nama isin irraa ta'e irratti (bu'ee) isinitti dhufuu dinqisiifattanii? Yeroo Inni ummata Nuuh booda bakka bu’oota isin taasiseefi uumama keessattis bal'ina isiniif dabale yaadadhaaAkka milkooftaniif jecha ni’imaa Rabbii yaadadhaa."
Verse 70
"Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruufi wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan dhiifnuuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu san nutti fidi" jedhan.
Verse 71
"Dhugumatti, adabniifi dallansuun Gooftaa keessan irraa isin irratti bu’eeraSila isin maqaalee isiniifi abbootiin keessan ishee moggaaftan kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin keessatti na mormituu? Eegaa; ani isin wajjin warra eegan irraayii" jedhe.
Verse 72
Isaafi warra isa waliin turan rahmata nurraa ta’een nagaa baafneWarra keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi isaan mu’uminootas hin ta’in hundee isaanii buqqifne.
Verse 73
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginaan) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirtiKun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattuHamtuunis ishee hin tuqinaa adabbii laalessaatu isin qabata
Verse 74
Yeroo Inni Aadiin booda bakka bu’oota isin taasiseefi dachii keessa isin jiraachise yaadadhaaDirree ishee irraa gamoowwan ijaarrattu; gaarreen irraas qottaniitin manneen taasiftuKanaafuu, ni’imaa Rabbii yaadadhaa; badii raawwataa taatanii dachii keessa hin balleessinaa."
Verse 75
Ummata isaa irraa qondaalonni warri boonan warra hacuucaman irraa warra amananiin "sila Saalih Rabbii isaa biraa ergamuu ni beektuu?" jedhaniin"(Eeyyeen) Nuti waan inni ittiin ergametti amanoodha" jedhan.
Verse 76
Isaannan boonan "Dhugumatti, nuti isa isin itti amantan sanatti kafarreerra" jedhan.
Verse 77
Yeroma san gaalattii waraanan; ajaja Gooftaa isaanii irraas bahanii "Yaa Saalih! Yoo ergamtoota irraa taateef waan ittiin nu sodaachiftu nutti fidi" jedhan.
Verse 78
ﮞﮟﮠﮡﮢﮣ
ﮤ
Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariifatan.
Verse 79
(Saalihis) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera; tolas isiniif yaadeeraGaruu isin nama isiniif yaadu hin jaalattanu" jedhe.
Verse 80
Luuxiinis, yeroo inni ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkoyyuu isheedhaan isin hin dursin raawwattuu?
Verse 81
Dhugumatti, isin fedhii saalaatiif jecha dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu! Dhugumatti, isin ummata daangaa dabroodha."
Verse 82
Deebiin ummata isaas "magaalaa keessan irraa isaan baasaa; isaan Dhugumatti, ummata qulqulleeffatanuu dha" jechuu malee homaa hin turre.
Verse 83
Isaafi maatii isaa ni baraarsineNiitiin isaa garuu warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate.
Verse 84
Rooba (adabaas) isaan irratti roobsifneBooddeen yakkamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
Verse 85
Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruDhugumatti, ragaan ifa taate isiniif dhuftee jirtiSafaraafi madaalas guutaaNamootas waan isaanii jalaa hin hir’isinaaDachii keessattis erga toluu isheetii hin balleessinaaYoo mu’uminoota taatan sanatu isiniif caala.
Verse 86
Namoota sodaachisuufi karaa Rabbii irraas namoota isatti amanan deebisuun akka isheen jallattu kan barbaaddan taatanii xiqqoo turtanii isin baay’esses yaadadhaa.karaa hunda irraa hin taa’inaaYeroo isin Booddeen warra badii raawwatanii akkam akka ta’es ilaalaa
Verse 87
Yoo gareen isin irraa ta’e tokko waan ani ittiin ergametti amananii gareen biraa immoo hin amanin hanga Rabbiin gidduu keenyatti murteessutti obsaaInnis irra caalaa warra murteessaniiti" (isaaniin jedhe).
Verse 88
Ummata isaa irraa qondaalonni warra boonanii "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, siifi isaan si waliin amananis magaalaa keenya irraa ni baafna; yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan"Sila odoo kan jibbinus taanee moo!" jedhe.
"Nuti yoo erga Rabbiin sana irraa nu baraarsee booda gara amantii keessanii deebine, Dhugumatti, Rabbiin irratti kijiba uumnee jirraYoo Rabbiin, Gooftaan keenya fedhe malee ishee keessatti deebi’uun nuuf hin taaneGooftaan keenya beekumsaan waan hunda marsee jiraRabbi irratti hirkannee jirra(Yaa) Gooftaa keenya! Gidduu keenyaafi gidduu namoota keenyaatti dhugaan murteessi; Ati irra caalaa warra murteessaniiti" (jedhe).
Verse 90
Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oo dha" jedhan.
Verse 91
ﮥﮦﮧﮨﮩﮪ
ﮫ
Yeroma san sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.
Verse 92
Warri Shu’aybiin kijibsiisan akka waan ishee keessa hin turree ta’anWarri Shu’aybiin kijibsiisan isaan hoonga’oo ta’an.
Verse 93
(Shu’ayb) isaan irraa gara galee "yaa ummata kiyya! Ani ergaa Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseeraToltuus isiniif dhaameeraKanaafuu ani ummata kafaran irratti akkamittiin gadda!" jedhe.
Verse 94
Nuti gara magaalaa tokkoo nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee akka isaan gadi of qabaniif jecha, hiyyummaafi dhibeen isaan qabnee malee hin hafne.
Verse 95
Ergasii hanga isaan baay’atanii "Dhugumatti, abbootii keenyas rakkinniifi toltuun tuqxee jirti (kun waanuma yeroon fiduu dha)" jedhanutti bakka hamtuu toltuutti jijjiirreAchumaan odoo isaan hin beekne tasa isaan qabne.
Verse 96
Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiinis) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turreGaruu isaan ni sobsiisanKanaafuu waan isaan hojjataniif jecha isaan qabne.
Verse 97
Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu?
Verse 98
Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya ganama isaanitti dhufuu of amanuu?
Verse 99
Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu.
Verse 100
Sila isaannan dachii (dhumiinsa) warra ishee boodaan dhaalanuuf nuti odoo feenee dilii isaaniitiin kan isaan adabnu ta’uun keenya isaaniif ifa hin taanee? Onnee isaanii irrattis cufaa goonaa isaan hin dhaga’anu.
Verse 101
Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) seenaalee isaanii irraa siif odeessinaDhugumatti, ergamoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiruWaan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taaneAkka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.
Verse 102
Irra hedduu isaaniis waadaa isaanii irra kan gadi dhaabbatan hin argine; irra hedduu isaanii finciltoota ta’uu argine.
Verse 103
Ergasii isaan booda mallattoowwan keenyaan Muusaa gara Fir’awniifi qondaalota isaatti erginee jirraIsaanis fudhachuu didanBooddeen (itti galli) balleessa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
Verse 104
Muusaanis ni jedhe: "Yaa Fir’awna! Dhugumatti, ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta’eedha.
Verse 105
Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti, ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeeraKanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi."
Verse 106
(Fir’awnis) "Yoo mallattoon dhufteef, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef ishee fidi" jedheen.
Verse 107
ﭱﭲﭳﭴﭵﭶ
ﭷ
Ulee isaa darbate; isheen yeroma san bofa ifa galaa taate
Verse 108
ﭸﭹﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
Harka isaas ni baase; isheenis yoosuu warra ilaalaniif adii (calaqqisaa) taate.
Verse 109
Qondaalonni ummata Fir’awni irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti, saahiree (nama falfalaa) beekaadha.
Verse 110
Dachii keessan irraa isin baasuu fedha; maal ajajjuree?" (jedheen).
Verse 111
[Isaan] ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisiMagaalota keessas walitti qabdoota ergi.
Verse 112
ﮚﮛﮜﮝ
ﮞ
Saahiree beekaa hundaan sitti dhufu."
Verse 113
Saahiroonni gara Fir’awni dhufanii "yoo nuti kan injifannu taane mindaan nuuf jiraa?" jedhan.
Verse 114
ﮫﮬﮭﮮﮯ
ﮰ
[Inni] "EeyyeenIsin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.
Verse 115
"Yaa Muusaa! Situ (ulee kee dura) darbatamoo nutu warra darbatu taana" jedhan.
Verse 116
"Darbadhaa" jedheYeroma (funyoo isaanii) darbatan ija namootaa falfalanii isaan sodaachisanSihrii guddaanis dhufan.
Verse 117
Gara Muusaattis "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa gooneAchumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti.
Verse 118
ﯸﯹﯺﯻﯼﯽ
ﯾ
Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turanis ni bade.
Verse 119
ﯿﰀﰁﰂ
ﰃ
Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an.
Verse 120
ﰄﰅﰆ
ﰇ
Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.
Verse 121
ﭑﭒﭓﭔ
ﭕ
Ni jedhan: "Gooftaa aalamaatti amanneerra.
Verse 122
ﭖﭗﭘ
ﭙ
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti."
Verse 123
Fir’awnis ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantuu? Dhugumatti, kun tooftaa isin magaalattii keessatti jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha mari’attaniidhaFuulduratti ni beektu
Verse 124
Dhugumatti, harka keessaniifi miila keessan wal faallessuunan kukkutaErgasii hunda keessaniiyyuu nan fannisa."
Verse 125
ﭹﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
Isaanis "Nuti Dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa deebi’oo dha" jedhan.
Verse 126
"Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiruGooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasiMuslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan)
Verse 127
Ummata Fir’awni irraas qondaalonni "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessanii (Muusaanis) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) dhiiftaa?" jedhan[Inni] ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefnaDubartoota isaanii immoo ni jiraachifnaDhugumatti, nuti isaan irratti moo’attoota."
Verse 128
Muusaan ummata isaatiin "Rabbiin gargaarsifadhaa; obsaasDhugumatti, dachiin kan RabbiitiGabroota Isaa irraa nama fedhe ishee dhaalchisaBooddeenis kan warra Rabbiin sodaataniiti" jedhe.
Verse 129
"Nuti odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas rakkifamnee jirra" jedhan[Inni] "Gooftaan keessan diinota keessan balleessee dachii keessatti bakka isin buusee ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluutu mala" jedhe.
Verse 130
Dhugumatti, Nuti ummata Fir’awni akka isaan gorfamaniif jecha gogiinsa waggootaaf tureefi hir’ina oomishaatiin isaan qabne.
Verse 131
Yeroo toltuun wahii isaanitti dhufte "kun nuuf malti" jedhuYoo hamtuun isaan tuqxe immoo milkii hamaa Muusaafi namoota isa waliinii irratti ilaallatuDhagayaa! Dhugumatti, gaddiin hamaan isaanii Rabbiin bira jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekan.
Verse 132
Isaanis (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."
Verse 133
Achumaan nuti lolaa dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga mallattoowwan addeeffamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirraIsaan garuu ni boonan(Isaaniis) ummata yakkamtoota turan.
Verse 134
Yeroo adabichi isaan irratti kufus ni jedhan: "yaa Muusaa! waan Inni si biraa waadaa qabuun Gooftaa kee nuuf kadhu; yoo ati adabicha nurraa deebifte, Dhugumatti, nuti siif amanna; Ilmaan Israa’ilis si waliin ergina."
Verse 135
Hanga beellama isaan dhaqqabanuutti yeroma nuti isaan irraa adabicha deebifnu achumaan isaan waadaa isaanii diigu.
Verse 136
Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis kan dagatan ta’aniif galaana keessatti isaan dhidhimsinee haaloo isaan irraa ba’anne.
Verse 137
Nuti namoota hacuucamaa turan Bahaafi Dhiha dachii ishee barakaa keessa goonee dhaalchifneSababa isaan obsaniif jechi Rabbii keetii gaariin Banii Israa’iil irratti guutamteWaan Fir’awniifi ummanni isaa dalagaa turaniifi waan isaan ijaaraa turanis ni barbadeessine.
Verse 138
Ilmaan Israa’iilis galaana ceesifneetiin ummata taabota isaanii (gabbaruu) irra taa’aa jirutti dhufanii "yaa Muusaa akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi" jedhan[Inni] ni jedhe: "Isin ummata wallaaloodha.
Verse 139
Isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadhaWanti isaan dalagaa turanis kufaadha."
Verse 140
"Sila odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruun ani Rabbiin ala gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa?" jedhe.
Verse 141
Yeroo Nuti namoota Fir’awni kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisaniifi ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan irraa nagaa isin baafnes [yaadadhaa]Kana keessas balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
Verse 142
Muusaafis halkan soddoma waadaa seenneKudhaniinis ishee guunneBeellamni Gooftaa isaas halkan afurtama guuteMuusaanis obboleessa isaa Haaruunin ni jedhe: "Namoota kiyya keessatti bakka na bu’iGaaromsisKaraa warra balleessaa hojjatanii hin hordofin."
Verse 143
Yeroo Muusaan beellama keenyaaf dhufee Rabbiin isaa isaan dubbatu "Yaa gooftaa kiyya (of) na argisiisi sin ilaalaa!" jedhe(Rabbiinis) "Nan argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga'eef Na argitaa" jedheYeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu daakamaa lafaan qixxaa'aa isa godheMuusaanis of wallaalee kufeYeroma of barus "ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e anis jalqaba mu’uminootaati" jedhe.
Verse 144
(Rabbiin) ni jedhe: "Yaa Muusaa! Ani ergaa kiyyaafi haasa’a kiyyaan namoota irra si filadheeraWaan Ani siif kenne qabadhuGalateeffattoota irraas ta’i."
Verse 145
Loohiwwan keessattis waan hunda irraa gorsaafi ibsa waan hundaa isaaf barreessine"Ishee ciminaan qabadhuNamoota keetis akka toltuu ishee qabatan ajajiAni biyya finciltootaa fuuldurattin isinitti agarsiisa" (jedheen).
Verse 146
Ani warra haqaan ala dachii keessatti boonan keeyyattoota kiyya irraa garan galchaYoo mallattoolee hunda arganis isatti hin amananuYoo karaa qajeelaa argan isa karaa hin godhatanuYoo karaa jallinaa argan isa karaa godhatuKun waan isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi ishee irraas dagatoo turaniifi.
Verse 147
Warri keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa kijibsiisan, dalagaaleen isaanii baddeSila waan hojjataa turan malee mindeeffamuu?
Verse 148
Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama sagalee (akka koqiinsaa) qabu tolfatanSila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganuu? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattootas ta’an.
Verse 149
Yeroo gaabbanii jallachuu isaaniis argan, (tawbataniitin) jedhan: "odoo Gooftaan keenya rahmata nuuf godhuu baateefi nuuf hin araaramnee, dhugumatti silaa nuti hoonga’oo irraa taana ture."
Verse 150
Muusaan yeroma dallanaa gaddaa gara ummata isaa deebi’u "wanti isin ana booda na bakka buuftan fokkate; sila ajaja Gooftaa keessanii ariifachiifattani moo?" jedheLoohiiwwanis darbee mataa obboleessa isaa kan harkisu ta'ee ofitti qabe(Obboleessis) "Yaa ilma haadha kiyyaa! Ummanni na hacuucanii anas ajjeesuuf dhihaataniKanaafuu diina natti hin gammachiisinUmmata miidhaa raawwattoota wajjinis na hin godhin" jedhe.
Verse 151
(Muusaanis) "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araaramiRahmata kee keessas nu seensisiAti akkaan rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti" jedhe.
Verse 152
Dhugumatti, isaannan mirgoo (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa kanaa keessatti isaan argataAkka kanatti kijiba uumtota mindeessina.
Verse 153
Isaannan dilii heddu hojjatanii sana booda tawbataniifi amanan, Dhugumatti, Gooftaan kee sana booda araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 154
Yeroma dallansuun Muusaa irraa qabbanaa’u loohiwwan fuudheBarreefama ishee keessas qajeelfamaafi rahmatatu isaan Gooftaa isaanii sodaataniif jira.
Verse 155
Muusaanis ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filateYeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita tureSila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee homaa mitiIsheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchitaAti gargaaraa keenyaNuufis araaramiRahmatas nuuf godhiAti caalaa warra araaramaniiti.
Verse 156
Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabiNuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) adabbii kiyya; naman fedhen isaan tuqaRahmanni kiyyas waan hundaaf ballatteIshee fuulduratti warra Rabbiin sodaatan, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin barreessa."
Verse 157
(Isaan) warra ergamaa, nabiyyii hin barreessineefi hin dubbifne, isa isaan biratti Tawraatiifi Injiiliin keessatti barreeffamee isa argan, kan toltutti isaan ajajuufi hamtuu irraa isaan dhorgu, kan gaggaarii halaala isaaniif taasisu, fokkataa immoo haraama isaan irratti taasisu, kan ba’aa isaaniitiifi hidhaa isaan irra ture isaan irraa lafa kaayu hordofaniidhaIsaannan isatti amananii isa kabajan, kan isa gargaaraniifi ifa isa waliin bu’e hordofan, isaan isaanumatu warra milkaa’oodha.
Verse 158
Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha)Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruNi jiraachisa; ni ajjeesasRabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’ee Rabbiifi jechoota Isaatti amanutti, amanaaAkka qajeeltaniif jecha isa hordofaa."
Verse 159
Ummata Muusaa irraas ummata dhugaan qajeelaniifi ittiin haqa murteessantu jira.
Ummata gosa kudha lama goonee isaan qoqqoodneGara Muusattis, yeroo namoonni isaa dhugaatii isa gaafatan "Ulee keetiin dhagaa rukuti" jechuu beeksifneIsa irraas burqituu kudha lamatu madditeNamoonni hunduu iddoo irraa dhugan ni beekanDuumessa isaan irratti gaaddiseessine'Mannii'fi 'salwiis' isaan irratti buufne: "Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa" (jenneen)Isaan Nu hin miine; garuu isaan lubbuu isaanii miidhaa turan.
Verse 161
Yeroo "magaalattii kana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa'(kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaaBalbalas sujuuda godhaa seenaaBadiiwwan keessan isiniif dhiifna(Mindaa) warra toltuu hojjataniis ni daballa" jedhames [yaadadhaa].
Verse 162
Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiranWaan miidhaa hojjataa turaniif jecha adabbii samii irraa isaan irratti ergine.
Verse 163
Waa’ee magaalattii galaanicha cinaa jirtuu yeroo isaan sanbata keessatti daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu irraa isaan gaafadhu; guyyaa isaan sanbata hin guddifne (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftuWaan isaan fincilaa turaniif akka kanatti isaan qormaanna.
Verse 164
Yeroo ummanni isaan irraa ta’e "Namoota Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" jedhan yaadadhu(Gorsitoonnis) "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaanis Rabbiin sodaataniifi" jedhan.
Verse 165
Yeroma isaan waan ittiin gorfaman dagatan, isaan hamtuu irraa (namoota) dhorgan nagaa baafnee isaan miidhaa hojjatan immoo waan isaan fincilaa turaniif jecha adabbii hamaan isaan qabne.
Verse 166
Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii darban "jaldeessa salphattoota ta’aa" isaanin jenne.
Verse 167
Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti isaan irratti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadhaInnis akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.
Verse 168
Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirraIsaan irraas gaggaariitu jiraIsaan irraas sanaan alatu jiraAkka isaan deebi’aniif jecha toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra.
Verse 169
Booda isaaniitiis bakka bu’oonni badaan kitaaba dhaalan bakka bu’anMeeshaa dhihoo (hoosa) kana fudhataa "fuulduratti nuuf dhiifama" jedhuYoo meeshaan san fakkaatu isaanitti dhufes ni fudhatuSila waadaan kitaabaa kan akka isaan Rabbiin irratti dhugaa malee hin dubbanne isaan irraa hin fuudhamnee? Waan isa keessa jirus hin dubbifnee? Manni Aakhiraas isaan Rabbiin sodaataniif caalaadhaSila isin hin xiinxaltanuu?
Verse 170
Isaannan kitaabicha qabatanii, salaatas sirnaan dhaaban, Dhugumatti, Nuti mindaa warra toltuu hojjatanuu hin balleessinu.
Verse 171
Yeroo Nuti gaara xuur gubbaa isaanii irratti akka gaaddisaa ta’ee ol fuunee, isaanis nurratti kufa jechuu dhugoomsanii "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaaAkka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru qu’adhaa" (jenne yaadadhu)
Verse 172
Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugda isaanii irraa sanyii isaanii baaseefi "Ani Gooftaa keessanii mitii?" jechuun lubbuu isaanii irratti ragaa isaan godhe [yaadadhu]Isaanis "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhanKunis akka isin Guyyaa Qiyaamaa "Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre" hin jenneefi.
Verse 173
“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nutis sanyii isaaniin boodaa turreSila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).
Verse 174
ﮔﮕﮖﮗﮘ
ﮙ
Akka isaan (yaadanii)fi deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.
Verse 175
Oduu isa keeyyattoota keenya isaaf kenninaan ishee irraa bahee, sheyxaana isa hordofsiiseefi jallattoota irraa ta’ee isaan irratti dubbisi.
Verse 176
Odoo feenee, isheedhaan (keeyyattoota keenyaan) ol isa fuuna tureGaruu inni gara dachiitti dabe; fedhii lubbuu isaas ni hordofeFakkeenyi isaa akka fakkii saree yoo ariite arraba baasuu, yoo dhiiftes arraba baasuutiKuni fakkeenya ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniitiAkka isaan xiinxalaniif jecha seenaalee odeessi.
Verse 177
Fakkeenyi ummata keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi Lubbuu isaanii kan miidhan ta’anii waa fokkate!
Verse 178
Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaadhaNamni Inni jallise immoo, isaan warra hoonga’oodha.
Verse 179
Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa heddu uumnee jirraIsaan onnee ittiin hin hubanne qabuIsaan ijas kan ittiin hin argine qabuAmmas isaan gurra ittiin hin dhageenye qabuWarri sun akka beyladaatiInumaa jarri irra jallatoodhaIsaan isaanumatu dagattoota.
Verse 180
Rabbiif maqaalee gaariitu jiruIsheedhaan Isa kadhaaWarra maqaalee Isaa jallisanis dhiisaaWaan dalagaa turan fuulduratti mindeffamu.
Verse 181
Namoota Nuti uumne irraa, ummata dhugaan qajeelaniifi isaanis haqa murteessantu jiru.
Verse 182
Isaannan keeyyattoota keenya kijibsiisan, Nuti karaa isaan hin beekne irraan sadarkaa sadarkaadhaan isaan qabna.
Verse 183
ﮕﮖﮗﮘﮙﮚ
ﮛ
Yeroos isaaniifin kenna; Dhugumatti, tooftaan kiyya cimaadha.
Verse 184
Sila isaan Nabiyyii isaaniitti maraa-tummaan dhibamuu hin xiinxalanuu? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee homaa miti.
Verse 185
Sila mootummaa samii, dachiifi waan Rabbiin wantoota hunda irraa uume, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu hin ilaalanuu? Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?
Verse 186
Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiruJallina isaanii keessattis dhama'aa ta'anii isaan dhiisa.
Verse 187
Waa’ee Qiyaamaa irraa yoom akka dhaabbattu (dhuftu) si gaafatu"Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira qofaIsa malee homtuu yeroo isheetiif ishee hin ibsuSamiifi dachii keessatti ulfaatteIsheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" jedhiAkka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu"Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jiraGaruu irra hedduun namootaa hin beekan" jedhi.
Verse 188
"Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'uOdoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuunis na hin tuqu tureAni namoota amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee homaa miti" jedhi.
Verse 189
Inni Isa lubbuu tokko irraa isin uumee isa irraas akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf) niitii isaaf taasiseedhaYeroo inni ishee qunnamus ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemteYeroma isheen ulfaattu "yoo Ati ilma gaarii nuuf kennite, dhugumatti, nuti warra Si galateeffatan irraa taana" jechuun Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan.
Verse 190
Yeroo Inni ilma gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisanRabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.
Verse 191
Sila warra ofiifuu uumamoo ta’anii, waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessuu?
Verse 192
Isaan gargaaruus ta’ee lubbuu isaanii gargaaruu hin danda’an.
Verse 193
Yoo isin gara qajeelumaa isaan waamtanis isin hin hordofanIsaan waamtanus yookiin cal’iftoota taatanus isin irratti walqixa.
Verse 194
Dhugumatti, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan gabrootuma fakkii keessaniitiYoo kan dhugaa dubbattan taataniif mee isaan kadhaa isiniif haa awwaatanuu.
Verse 195
Sila isaan miila ittiin deeman qabuu? Yookiin harka ittiin qabatan qabuu? Yookiin ija ittiin argan qabuu? Yookiin gurra ittiin dhagayan qabuu? "Mee warra Rabbii waliin gabbartan waamadhaaErgasii tooftaa kessan natti baasaaYeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu).
Verse 196
Dhugumatti, jaalalleen kiyya Rabbii Isa kitaaba buuseedhaInni warra toltuu hojjatan ni gargaara" (jedhiin).
Verse 197
Warri isin Isaa gaditti gabbartan isin gargaaruus ta’ee lubbuu isaanii gargaaruu hin danda’anu.
Verse 198
Yoo gara qajeelumaa isaan waamtanis hin dhaga'anuKan isaan homaa hin argine ta'anii gara kee ilaalanu argita.
Verse 199
Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; toltuuttis ajaji; wallaalaa irraahis gara gali.
Verse 200
Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni dhagayaa, argaadha.
Verse 201
Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e tokko isaan tuqe, (Rabbiin) yaadatuAchumaan argaa ta'u.
Verse 202
Obboleeyyan isaaniis jallina isaaniif dabaluErgasiis (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.
Verse 203
Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu"Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa(Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e kan ummata amananiif qajeelfamaafi rahmata ta’ee dha" jedhi.
Verse 204
Yeroo Qur’aanni qara’amus akka rahmanni isiniif godhamuuf gara isaa dhageeffadhaa; cal’isaas.
Verse 205
Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsiDagattoota irraas hin ta’in.
Verse 206
Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessu; Isaafis sujuuda godhu.
تقدم القراءة