Hiikkaa Suura الأنفال الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
Boojii irraa si gaafatu“Boojiin kan Rabbiifi ergamaa IsaatiKanaafuu Rabbiin sodaadhaaHariiroo gidduu keessan jirus tolchaaYoo mu’uminoota taatan Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa” jedhi
Verse 2
Mu’uminoonni (dhugaa) warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuufi Gooftaa isaanii irratti irkataniidha.
Verse 3
ﭹﭺﭻﭼﭽﭾ
ﭿ
Isaannan salaata seera ishee guutanii dhaabaniifi waan isaaniif kennine irraas kennitaniidha.
Verse 4
Isaannan kun isaan qofatu dhugumatti mu’uminootaGooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduu, araaramaafi soorata gaarii ta’etu (jannatatu) isaaniif jiraaf
Verse 5
)Qoodiinsa boojii kana gariin namaa jibbuun) akkuma gariin mu’uminootaa kan jibban ta’anii dhugaa irratti taatee Rabbiin kee mana kee irraa si baaseeti.
Verse 6
Dhugaa irratti, erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaaraniitti siin falmu.
Verse 7
Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif galee, isinis isheen abbaa lolaa hin ta’Islaamni (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin immoo jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuufi hidda kaafirootaa kutuu yeroo fedhe san (waan ta’e yaadadhu).
Verse 8
(Wanti kana hojjateef) odoo kaafiroonni jibban akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi.
Verse 9
Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii “Ani maleykoota kuma tokko wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” jechuun isiniif owwaate [yaadadhu].
Verse 10
Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneen keessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin gooneInjifannoon Rabbiin biraa malee hin jiruDhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.
Verse 11
Yeroo Inni tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti) hirribaan isin haguugeefi ittiin isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaas isin irraa deemsisuuf, onnee keessanis (obsaan) jabeessuuf, faanawwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse [yaadadhaa].
____________________
mugaatii
____________________
mugaatii
Verse 12
Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti “dhugumatti, Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaaAni onnee isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Morma (isaanii) gubbaa rukutaaIsaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee) beeksisa godhe [yaadadhu].
Verse 13
Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifiNamni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba)Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
Verse 14
ﮱﯓﯔﯕﯖﯗ
ﯘ
Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaaDhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.
Verse 15
Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin baqatinaa).
Verse 16
Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jiraTeessoon isaas jahannamiDeebiin (isaanii jahannam) waa fokkate.
Verse 17
Isin isaan hin ajjeefneGaruu Rabbitu isaan ajjeeseYeroo darbattus ati hin darbanneGaruu Rabbiitu darbateMu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate)Dhugumatti, Rabbiin dhagahaa, beekaadha.
Verse 18
ﭩﭪﭫﭬﭭﭮ
ﭯ
Kun (dhugaadha)Dhugumatti, Rabbiinis dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati.
Verse 19
)Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jiraYoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadhaAmmas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (tumsa keenyaan) ni deebinaTuunni keessan odoo baay’atanillee homaa isin hin fayyadanuDhugumatti Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.
Verse 20
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaaOdoo dhageessanuu Isa irraas gara hin galinaa.
Verse 21
Akka isaan haala hin dhageenyeen “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa.
Verse 22
Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan hubannoo hin qabneedha.
Verse 23
Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee, silaa isaan dhageessisa tureOdoo isaan dhageessisees, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.
Verse 24
Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaaErgamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti isin waame (awwaadhaa)Dhugumatti Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa akka golguufi isinis gara Isaatti kan walitti qabamtan ta’uu beekaa.
Verse 25
Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin mudannes sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin adabbiin isaa cimaa akka ta’es beekaa
Verse 26
Yeroo isin muraasa, dachii keessattis hacuucamoo, namoonnis (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaachaa, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiinis isin gargaaree, akka isin galateeffattaniif wantoota gaggaarii irraas isin soore yaadadhaa.
Verse 27
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaaOdoo beektanii amaanaa keessanis hin ganinaa.
Verse 28
Dhugumatti, qabeenyi keessaniifi ilmaan keessanis mokkoroo (fitnaa) akka ta’an beekaaDhugumatti Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira
Verse 29
Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattaniif, addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godhaBadii keessanis isin irraa harcaasaIsiniif araaramasRabbiin abbaa tola guddaati.
Verse 30
Yeroo isaan kafaran si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf tooftaa sirratti baasan [yaadadhu]Isaan tooftaa baasu; Rabbiinis tooftaa baasa (tooftaa isaanii isaan irratti deebisa)Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
Verse 31
Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti” jedhu.
Verse 32
Yeroo isaan “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi” jedhan [yaadadhu].
Verse 33
Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taaneAmmas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane.
Verse 34
Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) kan dhorganiifi itti gaafatamaa isaas hin ta’aniin, Rabbiin maaliif isaan hin adabne? Warra Rabbiin sodaatan malee itti gaafatamaan isaa kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
Verse 35
Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu)fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taaneSababa kufrii keessaniif adabbii dhandhamaa.
Verse 36
Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennuFuula duras ishee kennuSana booda isaan irratti gaabbii taatiErgasiis ni injifatamu; isaan kafaran gara jahannamitti walitti qabamu.
Verse 37
Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasee, fokkataas garii isaa garii gubbaatti taasisee, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu)Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
Verse 38
Isaan kafaraniin, yoo (kufrii irraa) dhorgamtan wanti dabre isaaniif araaramamaYoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.
Verse 39
Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
Verse 40
.Yoo isaan irraa gara galanis, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessan ta’uu beekaaTiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.
Verse 41
Wanti isin boojitan kumiyyuu, tokko shanaffaan isaa Rabbiif, ergamaa Isaa, firoota dhihoo, yatiima, hiyyeeyyiifi kara deemaaf ta’uu isaa beekaa; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa)Rabbiinis waan hunda irratti danda’aadha
Verse 42
Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihoo taatanii, isaanis moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa)Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtanGaruu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa ifa ta’e booda akka baduuf, namni jiraatus ragaa ifa ta’e booda akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe)Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.
Verse 43
Yeroo Rabbiin abjuu kee keessatti xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiises [yaadadhu]Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee, silaa luynoomtanii, dhimmicha keessattis wal mormitu turtanGaruu Rabbiin nagaya (isin) godheDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.
Verse 44
Yeroo walitti dhuftanii Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) raawwatamaa ta’e galmaan ga’uuf jecha, isin ija isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’ee, yeroo ilaalcha keessan keessatti xiqqoo taasisee isaan isin agarsiise [yaadadhu]Wantoonni hundi gara Rabbii deebifamti
Verse 45
Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa; akka milkooftaniifis (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa
Verse 46
Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; walis hin morminaa; luynoomtanii humni keessanis (isin irraa) ni deemtii; obsaaDhugumatti, Rabbiin obsitoota wajjin jira
Verse 47
Akka isaan boonaa, namootatti of argisiisiisan ta’anii, karaa Rabbii irraas (namoota) dhorgaa, manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaaRabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha
Verse 48
Yeroo sheyxaanni dalagaa isaanii (gadhee) miidhagsee, “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiruAnis gargaaraa keessan” jedheen san [yaadadhu]Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee “Dhugumatti, ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa jiraAni Rabbiinin sodaadhaRabbiin adabbiin Isaa cimaadha” jedhe
Verse 49
Yeroo munaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse” jedhan [yaadadhu]Namni Rabbi irratti hirkate (ni moo’ata)Dhugumatti Rabbiin injifataa, ogeessa.
Verse 50
Yeroo maleeykonni lubbuu warra kafaranii fuula isaaniitiifi duuba isaanii rukutaa “adabbii gubu dhandhamaa” jedhaa fuudhan odoo gartee (dubbii cimaa argita).
Verse 51
”Kun waan harki keessan dabarfatteefi (waan) Rabbiinis gabroota miidhaa hin ta’iniifi” (isaaniin jedhama)
Verse 52
)Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turan kan keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeetiDhugumatti Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati.
Verse 53
Kun waan Rabbiin tola ummata irratti oole tokko hanga isaan waan lubbuu isaaniitti jiru jijjiiranitti kan hin jijjiirre ta’eefi Rabbiinis dhagayaa beekaa waan ta’eefi.
Verse 54
Akka haala namoota Fir’awniifi warra isaan duraa, kan keeyyattoota Gooftaa isaaniitti kafaranii, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessineeti; ummata Fir’awnis bishaaniin dhidhimsine; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.
Verse 55
Dhugumatti, irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.
Verse 56
(Isaan) warra ati waadaa isaan irraa fuutee, yeroo (waadaa seenan) hunda kan Rabbiin hin sodaanne ta’anii waadaa isaanii diiganiidha.
Verse 57
Yoo lola irratti isaan argite akka isaan gorfamaniif jecha namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi.
Verse 58
Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (waadaa isaanii) gara isaanitti darbiDhugumatti, Rabbiin warra (waadaa) ganan hin jaalatu.
Verse 59
Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliquu hin yaadinDhugumatti, isaan Nu hin dadhabsiisanu.
Verse 60
Humnaafi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessaniin, kan ittiin diina Rabbii, diina keessaniifi ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan Rabbiin isaan beeku, isin isaan hin beekne ittiin akka sodaachiftaniif isaaniif qopheessaaWanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) isiniif kennamaIsin hin miidhamtanu.
Verse 61
Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhuDhugumatti, Inni dhaga’aa, argaadha.
Verse 62
Yoo isaan si ganuu fedhanis, dhugumatti ga’aan kee RabbumaInni Isa tumsa Isaatiifi mu’uminootaan si jabeesseedha.
Verse 63
Gidduu onnee isaaniis kan wal taasiseedhaGaruu Rabbitu wal taasise malee odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu, gidduu onnee isaanii wal taasisuu hin dandeessuDhugumatti Inni injifataa, ogeessa.
Verse 64
Yaa nabiyyii (kiyya)! Siifi mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis Rabbiin gahaadha.
Verse 65
Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasiIsin irraa obsitoonni digdamni yoo argame, dhibba lama haa injifatanuIsin irraa dhibbi tokko yoo argame, waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu.
Verse 66
Amma Rabbiin isin irraa laaffiseeraIsin keessa dadhabbiin akka jirus beekeeraIsin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatuIsin irraa kumni tokko yoo argame, hayyama Rabbiitiin kuma lama haa injifatuRabbiinis obsitootaa wajjin jira.
Verse 67
Nabiyyii kamiifuu hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti), booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin maluIsin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedhaRabbiin injifataa, ogeessa.
Verse 68
Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattaniif adabbiin guddaan isin mudata ture.
Verse 69
Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaaRabbiinis sodaadhaaDhugumatti, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha
Verse 70
Yaa nabiyyii (kiyya)! Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “Odoo Rabbiin onnee keessan keessatti toltuu wahii beekee, silaa waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna ture; isiniifis ni araarama tureRabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
Verse 71
Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraas (ajjeesuufi booji’uun) mijjeeffatee jiraRabbiin beekaa, ogeessa.
Dhugumatti, isaan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuu isaanitiin qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsas (isiniif) godhan, warri sun gariin isaanii jaalallee gariitiIsaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taaneYoo amantii keessatti gargaarsa isin gaafatan, namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee isaan gargaaruun isin irratti dirqamaRabbiin waan isin hojjattan argaadha.
Verse 73
Isaan kafaranis gariin isaanii jaalallee gariitiYoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) raawwachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.
Verse 74
Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isin) qubsiisanii, gargaarsa (isiniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaatiIsaaniif araaramaafi soorata gaariitu jira.
Verse 75
Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi(Dhaala ilaalchisee) kitaaba Rabbii keessatti warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadhaDhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha
تقدم القراءة