Hiikkaa Suura التكوير الأورومية keessatti الترجمة الأورومية irraa
Verse 1
ﭙﭚﭛ
ﭜ
Yeroo aduun maramte,
Verse 2
ﭝﭞﭟ
ﭠ
Yeroo urjiin harcaate,
Verse 3
ﭡﭢﭣ
ﭤ
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,
Verse 4
ﭥﭦﭧ
ﭨ
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),
Verse 5
ﭩﭪﭫ
ﭬ
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,
Verse 6
ﭭﭮﭯ
ﭰ
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),
Verse 7
ﭱﭲﭳ
ﭴ
Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte
Verse 8
ﭵﭶﭷ
ﭸ
Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte,
Verse 9
ﭹﭺﭻ
ﭼ
Balleessa kamiif akka ajjeefamte;
Verse 10
ﭽﭾﭿ
ﮀ
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,
Verse 11
ﮁﮂﮃ
ﮄ
Yeroo samiin buqqifamtee maramte,
Verse 12
ﮅﮆﮇ
ﮈ
Yeroo ibiddi qabsiifamte,
Verse 13
ﮉﮊﮋ
ﮌ
Yeroo jannanni dhiheeffamte,
Verse 14
ﮍﮎﮏﮐ
ﮑ
Lubbuun waan dalagatte beekteetti.
Verse 15
ﮒﮓﮔ
ﮕ
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.
Verse 16
ﮖﮗ
ﮘ
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).
Verse 17
ﮙﮚﮛ
ﮜ
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),
Verse 18
ﮝﮞﮟ
ﮠ
Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha),
Verse 19
ﮡﮢﮣﮤ
ﮥ
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati
Verse 20
ﮦﮧﮨﮩﮪﮫ
ﮬ
(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.
Verse 21
ﮭﮮﮯ
ﮰ
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.
Verse 22
ﮱﯓﯔ
ﯕ
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.
Verse 23
ﯖﯗﯘﯙ
ﯚ
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.
Verse 24
ﯛﯜﯝﯞﯟ
ﯠ
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).
Verse 25
ﯡﯢﯣﯤﯥ
ﯦ
Innis (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.
Verse 26
ﯧﯨ
ﯩ
Mee eessuma deemtu?
Verse 27
ﯪﯫﯬﯭﯮ
ﯯ
Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti.
Verse 28
ﯰﯱﯲﯳﯴ
ﯵ
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).
Verse 29
Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu
تقدم القراءة