ترجمة سورة الجمعة

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الجمعة باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Wanti samii keessaafi wanti dachii keessaa Rabbii mootii, qulqulluu, injifataa, ogeessa ta'e qulqulleessa.
Inni Isa ummata wallaalaa keessatti ergamaa isaan irraa ta'e, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara'u, (shirkii irraayis) isaan qulqulleessuufi kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu ergeedhaIsaanis (ergamuu isaatiin) dura jallinna ifa ta'e keessa turan.
(Ummata) biroos kan isaan irraa ta'anii isaanitti hin dhaqqabiniifis (isa erge)Inni injifataa ogeessa
Kun tola RabbiitiIsa abbaa fedheef kennaRabbiinis abbaa tola guddaati.
Fakkeenyi warra Tawraatiin baachifamanii ergasii isa hin baadhatinii (ittiin hin hojjatinii) akka fakkeenya harree kitaabota gurguddaa baadhattuutiFakkeenyi ummata keeyyattoota Rabbii sobsiisanii akkaan fokkataa dha! Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
"Yaa warra yahuudomtan! Namni biraa odoo hafuu isin qofatu jaalalloo Rabbiiti kan jettan yoo taataniif, yoo nama dhugaa dubbatu taataniif du'a hawwaa" jedhiin
Sababa waan harki isaanii dabarsiteef jecha yoomuu isa hin hawwanuRabbiin miidhaa raawwattoota beekaadha.
(Yaa Muhammad! ammas yahuudotaan): "dhugumatti, duuti inni isin isa irraa baqattan sun isinuma argataErgasii gara beekaa fagoofi dhihoo ta'eetti deebifamtanii waan isin dalagaa turtan isinitti hima" jedhiin
Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala.
Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaaAkka milkooftaniif jechas baay'inaan Rabbiin faarsaa.
Yeroo daldala yookiin tapha wahii argan dhaabiitti si dhiisanii gara isaaniitti faffaca'u; "wanta Rabbiin bira jirutu taphaafi daldala irra caalaRabbiinis Irra caalaa arjootaati" jedhiin
Icon