ترجمة معاني سورة الحجر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 1
Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
آية رقم 3
Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.
آية رقم 10
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.
آية رقم 12
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.
آية رقم 13
Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
آية رقم 16
Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
آية رقم 24
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa
آية رقم 30
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.
آية رقم 34
(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha.
آية رقم 37
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
آية رقم 40
Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee.
آية رقم 41
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
آية رقم 43
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti.
آية رقم 44
Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”
آية رقم 45
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
آية رقم 46
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
آية رقم 49
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.
آية رقم 50
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
آية رقم 57
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
آية رقم 59
“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
آية رقم 60
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
آية رقم 62
“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe.
آية رقم 64
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
آية رقم 67
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
آية رقم 68
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
آية رقم 70
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
آية رقم 71
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
آية رقم 72
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
آية رقم 73
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
آية رقم 76
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti.
آية رقم 78
Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.
آية رقم 79
Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
آية رقم 81
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
آية رقم 83
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
آية رقم 91
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
آية رقم 92
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
آية رقم 95
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra.
تقدم القراءة