ترجمة سورة الليل

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الليل باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) haguuge.
Guyyaanis yeroo inni mul'ate;
Isa kormaafi dhalaa uumeenis;
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba).
Namni kennatee Rabbiin sodaate,
Islaamummaas dhugoomse,
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra.
Nama don’oomee of ga’e,
Islaamummaa sobsiise immoo,
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra.
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu.
Dhugumatti, karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.
Dhugumatti, Aakhiraafi addunyaan keenya.
Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.
Hoonga’aa malee ishee hin seenu.
Kan sobsiisee gara gale (malee).
Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira.
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu).
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).
Dhugumatti, inni fuulduratti jaalachuuf jira
Icon