ترجمة معاني سورة الكهف باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
الترجمة الإنجليزية - صحيح انترناشونال
المنتدى الإسلامي
الترجمة الإنجليزية
الترجمة الفرنسية - المنتدى الإسلامي
نبيل رضوان
الترجمة الإسبانية
محمد عيسى غارسيا
الترجمة الإسبانية - المنتدى الإسلامي
الترجمة الإسبانية (أمريكا اللاتينية) - المنتدى الإسلامي
المنتدى الإسلامي
الترجمة البرتغالية
حلمي نصر
الترجمة الألمانية - بوبنهايم
عبد الله الصامت
الترجمة الألمانية - أبو رضا
أبو رضا محمد بن أحمد بن رسول
الترجمة الإيطالية
عثمان الشريف
الترجمة التركية - مركز رواد الترجمة
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة التركية - شعبان بريتش
شعبان بريتش
الترجمة التركية - مجمع الملك فهد
مجموعة من العلماء
الترجمة الإندونيسية - شركة سابق
شركة سابق
الترجمة الإندونيسية - المجمع
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الإندونيسية - وزارة الشؤون الإسلامية
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الفلبينية (تجالوج)
مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - دار الإسلام
فريق عمل اللغة الفارسية بموقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - حسين تاجي
حسين تاجي كله داري
الترجمة الأردية
محمد إبراهيم جوناكري
الترجمة البنغالية
أبو بكر محمد زكريا
الترجمة الكردية
حمد صالح باموكي
الترجمة البشتوية
زكريا عبد السلام
الترجمة البوسنية - كوركت
بسيم كوركورت
الترجمة البوسنية - ميهانوفيتش
محمد مهانوفيتش
الترجمة الألبانية
حسن ناهي
الترجمة الأوكرانية
ميخائيلو يعقوبوفيتش
الترجمة الصينية
محمد مكين الصيني
الترجمة الأويغورية
محمد صالح
الترجمة اليابانية
روايتشي ميتا
الترجمة الكورية
حامد تشوي
الترجمة الفيتنامية
حسن عبد الكريم
الترجمة الكازاخية - مجمع الملك فهد
خليفة الطاي
الترجمة الكازاخية - جمعية خليفة ألطاي
جمعية خليفة الطاي الخيرية
الترجمة الأوزبكية - علاء الدين منصور
علاء الدين منصور
الترجمة الأوزبكية - محمد صادق
محمد صادق محمد
الترجمة الأذرية
علي خان موساييف
الترجمة الطاجيكية - عارفي
فريق متخصص مكلف من مركز رواد الترجمة بالشراكة مع موقع دار الإسلام
الترجمة الطاجيكية
خوجه ميروف خوجه مير
الترجمة الهندية
مولانا عزيز الحق العمري
الترجمة المليبارية
عبد الحميد حيدر المدني
الترجمة الغوجراتية
رابيلا العُمري
الترجمة الماراتية
محمد شفيع أنصاري
الترجمة التلجوية
مولانا عبد الرحيم بن محمد
الترجمة التاميلية
عبد الحميد الباقوي
الترجمة السنهالية
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الأسامية
رفيق الإسلام حبيب الرحمن
الترجمة الخميرية
جمعية تطوير المجتمع الاسلامي الكمبودي
الترجمة النيبالية
جمعية أهل الحديث المركزية
الترجمة التايلاندية
مجموعة من جمعية خريجي الجامعات والمعاهد بتايلاند
الترجمة الصومالية
محمد أحمد عبدي
الترجمة الهوساوية
الترجمة الأمهرية
محمد صادق
الترجمة اليورباوية
أبو رحيمة ميكائيل أيكوييني
الترجمة الأورومية
الترجمة التركية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفرنسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإندونيسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفيتنامية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة البوسنية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإيطالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفلبينية (تجالوج) للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفارسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
Dr. Ghali - English translation
Muhsin Khan - English translation
Pickthall - English translation
Yusuf Ali - English translation
Azerbaijani - Azerbaijani translation
Sadiq and Sani - Amharic translation
Farsi - Persian translation
Finnish - Finnish translation
Muhammad Hamidullah - French translation
Korean - Korean translation
Maranao - Maranao translation
Abdul Hameed and Kunhi Mohammed - Malayalam translation
Salomo Keyzer - Flemish (Dutch) translation
Norwegian - Norwegian translation
Samir El - Portuguese translation
Polish - Polish translation
Romanian - Romanian translation
Elmir Kuliev - Russian translation
Albanian - Albanian translation
Tatar - Tatar translation
Japanese - Japanese translation
محمد جوناگڑھی - Urdu translation
Ma Jian - Chinese translation
Turkish - Turkish translation
King Fahad Quran Complex - Thai translation
Ali Muhsin Al - Swahili translation
Abdullah Muhammad Basmeih - Malay translation
Hamza Roberto Piccardo - Italian translation
Indonesian - Indonesian translation
Bubenheim & Elyas - German / Deutsch translation
Bosnian - Bosnian translation
Hasan Efendi Nahi - Albanian translation
Sherif Ahmeti - Albanian translation
Sahih International - English translation
Czech - Czech translation
Abul Ala Maududi(With tafsir) - English translation
Tajik - Tajik translation
Alikhan Musayev - Azerbaijani translation
Muhammad Saleh - Uighur; Uyghur translation
Abdul Haleem - English translation
Mufti Taqi Usmani - English translation
Muhammad Karakunnu and Vanidas Elayavoor - Malayalam translation
Sheikh Isa Garcia - Spanish; Castilian translation
Divehi - Divehi; Dhivehi; Maldivian translation
Abubakar Mahmoud Gumi - Hausa translation
Mahmud Muhammad Abduh - Somali translation
Knut Bernström - Swedish translation
Jan Trust Foundation - Tamil translation
Mykhaylo Yakubovych - Ukrainian translation
Uzbek - Uzbek translation
Diyanet Isleri - Turkish translation
Ministry of Awqaf, Egypt - Russian translation
Abu Adel - Russian translation
Burhan Muhammad - Kurdish translation
Dr. Mustafa Khattab, The Clear Quran - English translation
Dr. Mustafa Khattab - English translation
الترجمة الإنجليزية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الفرنسية - محمد حميد الله
الترجمة البوسنية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الصربية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة الألبانية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة اليابانية - سعيد ساتو
الترجمة الفيتنامية - مركز رواد الترجمة
الترجمة التاميلية - عمر شريف
الترجمة السواحلية - عبد الله محمد وناصر خميس
الترجمة اللوغندية - المؤسسة الإفريقية للتنمية
الترجمة الإنكو بامبارا - ديان محمد
الترجمة العبرية
الترجمة الإنجليزية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الروسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة البنغالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الصينية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة اليابانية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
ترجمة معاني القرآن الكريم - عادل صلاحي
عادل صلاحي
ﰡ
آية رقم 1
Faaruun hundi kan Rabbii gabricha Isaa irratti kitaaba buusee isa keessattis daba hin godhiniiti.
آية رقم 2
Qajeelaa (godhee) akka adabbii cimaa Isa biraa ta’e ittiin sodaachisee, mu’uminoota gaggaarii hojjatan ‘mindaan bareedaan isaaniif jiraachuudhaan’ gammachiisuuf (buuse).
آية رقم 3
ﯸﯹﯺ
ﯻ
Isa keessa yeroo hunda jiraatoodha
آية رقم 4
ﯼﯽﯾﯿﰀﰁ
ﰂ
Isaan “Rabbiin ilma qaba” jedhanis sodaachisuuf (isa buuse).
آية رقم 5
Isaaniifi abbootii isaaniitiifis isa irratti beekumsi[] hin jiruJechi afaan isaanii irraa baatu waa guddatte! Soba malee homaa hin haasa’anu.
____________________
[1] Wanti aayanni kun itti fedhe yeroo Rabbiin ilmoo qaba jedhanu beekumsas ta’ee ragaa homaatuu hin qabanu; yaaduma isaaniitiin dubbatan jechuudha.
____________________
[1] Wanti aayanni kun itti fedhe yeroo Rabbiin ilmoo qaba jedhanu beekumsas ta’ee ragaa homaatuu hin qabanu; yaaduma isaaniitiin dubbatan jechuudha.
آية رقم 6
Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleessuutu siif sodaatama.
آية رقم 7
Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyu akka irra tolchee hojjatu mul’isuuf waan dachii irra jiru (hunda) isheef miidhagina taasifne
آية رقم 8
ﭼﭽﭾﭿﮀﮁ
ﮂ
Dhugumatti, Nuti wantoota ishee (dachii) irra jiran hunda dirree duwwaa biqilaa hin qabne taasisoodha.
آية رقم 9
Sila (seenaan) warra holqaafi gabatee mallattoolee keenya irraa dinqisiisaa ta’uu yaaddee?
آية رقم 10
Yeroo dargaggoonni gara holqaa galanii “(yaa) Gooftaa keenya! Si biraa rahmata nuuf kenni; dhimma keenya irraas karaa qajeelaa nuuf mijeessi” jedhan (waan ta’e yaadadhu)
آية رقم 11
Holqa keessattis waggoota lakkaa’amaniif dhageettii isaanii irratti (hirriba) darbine.
آية رقم 12
Ergasii Nuti ‘kamii gareewwan lamaaniitu dheerina yeroo turanii irra hubataa beekuuf jecha’ isaan dammaqsine.
آية رقم 13
Nuti oduu isaanii dhugaan siif odeessinaDhugumatti, isaan dargaggoota Gooftaa isaaniitti amananii, qajeeluma isaaniif daballeedha.
آية رقم 14
Ammas Nuti yeroo isaan dhaabbatanii “Gooftaan keenya Gooftaa samiifi dachiitiNuti Isa malee gabbaramaa biraa hin waammannuDhugumatti, (yoo kana raawwanne), haasa’a (kufrii keessa) daangaa dabre dubbanne jirra” jedhan onnee isaanii irratti (iimaana) jabeessinee jirra.
آية رقم 15
“Ummanni keenya kun Isaa gaditti gabbaramoota biraa taasifataniiruMaaliif ragaa ifa ta’e isaan irratti hin fidatanu? Nama Rabbi irratti soba uume caalaa namni miidhaa hojjate eenyu?
آية رقم 16
)Dargaggoonnis ni jedhan): “Yeroo isaaniifi wantoota isaan Rabbiin ala gabbaran irraa fagaattan, gara holqaa galaaGooftaan keessan rahmata Isaa irraa isiniif bal’iseeti dhimma keessan irraas laafina isiiniif qopheessa.”
آية رقم 17
Aduus yeroo baatu holqa isaanii irraa kan gara mirgaatti dabdu argitaYeroo dhiitus, haala isaan bal’ina isa (goda) irraa ta’e keessa jiraniin gara bitaatti isaan dhiiftiKun mallattoolee Rabbii irraayiNamni Rabbiin (isa) qajeelche, isatu qajeelaadhaNamni Inni jallise immoo gargaaraa isa qajeelchu isaaf hin argitu.
آية رقم 18
Kanuma isaan rafaa jiranu dammaqoo isaan seetaMirgaafi bitaatti isaan garagaggalchinaSareen isaaniis dhundhumma isaa lamaan moggaa (holqaatti) diriirsaadhaOdoo isaan argitee dhugumatti, silaa baqannaan isaan irraa garagalta; isaan irraas sodaa guutamta turte.
آية رقم 19
Akkuma san, akka gidduu isaanitti wal gaafataniif jecha isaan dammaqsineJedhaan isaan irraa ta’e tokko “Yeroo hangam (as) turtan?” jedhe“Guyyaa tokko yookiin garii guyyaa turre” jedhanNi jedhan: “Yeroo hangam akka (as) turtan Gooftaa keessan (qofatu) akkaan beekaTokkoo keessan maallaqa keessan kanaan gara magaalaa ergaaNyaanni gaariin kam akka ta’e ilaalee, isa irraa soorata isiniif haa fiduHaa dhokatus; waa’ee keessanis nama tokkos akka hin beeksifne.
آية رقم 20
Isaan yoo isin argan, dhagaan tumanii isin ajjeesu yookiin amantii isaaniitti isin deebisuYoo san ammoo gonkumaa hin milkooftan.”
آية رقم 21
Akka kanatti akka isaan beellamni Rabbii dhugaa ta’uu beekaniifi Qiyaamaas shakkiin ishee keessa jiraachuu dhabuu akka beekaniif, yeroo isaan gidduu isaaniitti waa’ee warra holqaa keessatti wal dhaban, isaan irratti mul’ifneNi jedhan: “Gooftaa isaaniitu akkaan isaan beekaa, ijaarsa isaan irratti ijaaraa.” Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna” jedhan.
آية رقم 22
(Waan hin argin shaallaguudhaan) “Isaan yoo sadi ta’an, afraffaan isaanii saree isaaniiti” jechuuf jiru“Isaan shan yoo ta’an jahaffaan isaanii saree isaaniiti” jedhus“Isaan torba yoo ta’an saddeettaffaan isaaniis saree isaaniti” jedhu(Yaa Muhammad!): “Lakkoofsa isaanii Gooftaa kiyyatu akkaan beeka, namoota muraasa malee isaan hin beeku” jedhiKanaafuu mormii ifa ta’e malee, waa’ee isaanii keessatti hin falminWaa’ee isaanii keessattis isaan irraa nama tokkos hin gaafatin.
آية رقم 23
Waan tokkos “Ani waan san boru hojjataadha” hin jedhin
آية رقم 24
“Yoo Rabbiin fedhe” (jettu) maleeyeroo dagattes Gooftaa kee yaadadhu“Gooftaan kiyya gara karaa isa kana irra qajeelumatti dhihoo ta’ee na qajeelchuun ni kajeelama” jedhi.
آية رقم 25
Isaanis holqa isaanii keessa waggoota dhibba sadi turanii sagalis dabalatan.
آية رقم 26
“Hanga isaan turan Rabbumatu akkaan beekaa(Beekumsi) fagoo kan samiifi dachii Isumaafi” jedhiAkkam arga! Akkam dhaga’as! Isaaniif Isa malee gargaaraan hin jiruMurtii Isaa keessattis tokkollee hin hirmaachisu
آية رقم 27
Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisiJechoota Isaa jijjiiraan hin jiruIsa malee iddoo itti dabdus hin argattu.
آية رقم 28
Lubbuu keetis isaan Fuula Isaa fedhanii Gooftaa isaanii ganamaafi galgala waammatanii wajjiin hidhiMiidhagina jireenya addunyaa feetee ija kee lamaan isaan irra hin qaarsinNama onnee isaa yaadannoo keenya irraa cufne, kan fedha lubbuu isaa hordofuufi dhimmi isaa daangaa darbaa ta’eef hin ajajamin.
آية رقم 29
Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayiNamni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaruDhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirraYoo birmachiifatanis bishaan akka rajaa (siicoo) danfeetti fuula quncisutu isaaniif kennamaDhugaatichis akkaan fokkate! Hirkannaanis akkaan fokkate!
آية رقم 30
Dhugumatti isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Nuti mindaa nama dalagaa tolchee hin balleessinu.
آية رقم 31
Warra san isaaniif jannata qubsumaa kan laggeen isaan jala yaatuutu jiraAchi keessatti isaan gumeewwan warqee irraa ta’een miidhagfamuUffata magariisa hariira haphiifi furdaa irraa hojjatamanis uffatuIshee keessatti sireewwan irratti hirkatanii taa’uMindaan waa tole! Hirkannaanis waa bareedde!
آية رقم 32
Dhiira lama kan tokkoo isaaniittiif oyruu lama kan inaba irraa ta’an taasifnee, isaan lamaanuu muka timiraatiin marsinee, gidduu isaaniittis midhaan (facaafamu) taasifne fakkeenya isaaniif godhi.
آية رقم 33
Oyruun lamaanuu firii isaanii odoo homaa hin hirdhisin kennite; gidduu isaaniitii laga maddisiifne (san fakkeenya godhiif)
آية رقم 34
Isaaf midhaan godhatee hiriyaa isaatiin odoo itti haasa’uu “Anatu qabeenyaan si caala; gosaanis sirra jabaadha” jedheen.
آية رقم 35
Haala lubbuu isaa miidhaa ta’een oyruu isaa seenee ni jedhe: “Isiin kun gonkumaa ni baddii hin yaadu.
آية رقم 36
Qiyaamaanis ni dhaabbattii hin yaaduDhugumatti, yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifameef, iddoo deebii kan isa caaluun argadha.”
آية رقم 37
Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati Isa biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa si uumee, ergasii nama guutuu si godhetti kafartee?
آية رقم 38
Ani garuu Inni, Allaah’n Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu
آية رقم 39
Yeroo oyruu kee seentu “waan Rabbiin fedhetu (ta’a); Rabbiin malee humni (naaf) hin jiru” maaliif jechuu dhiifte! Yoo ana horiifi ilmaaniiniis sirra xiqqaa ta’uu na agartes;
آية رقم 40
Gooftaan kiyya waan oyruu kee irra caalu naaf kennee, ishee (kee) irratti immoo samii irraa adabbii buusee, dirree duwwaa ta’uun ishee ni mala
آية رقم 41
Yookiin bishaan ishee gadi lixaa taanaan ati isa barbaaduu dadhabuun (ni mala).”
آية رقم 42
Midhaan isaattis ni marfame (ni bade)Innis odoo isheen mogolee (jirma) ishee irratti kukkuftee jirtuu, ganaa (shanacha) isaa lamaan gara gaggalchaa “yaa gaabbii koo! Odoon Gooftaa kiyyatti waa tokko dabaluu baadhee” jechuutti seene
آية رقم 43
Gareen Rabbii gaditti isa tumsitus isaaf hin jirtuInnis tumsamaa hin taane.
آية رقم 44
Achittiis (Qiyaamaas) mootummaan kan Rabbii haqa ta’eetiInni mindeessuutti Isumatu caala; boodattis Isumatu caalaadha.
آية رقم 45
Fakkeenya jiruu addunyaa akka bishaan samii irraa buufnee, biqiltuuwwan dachii isatti makamanii, goggogaa caccabaa bubbeen isa faffacaaftu ta’een godhiifiRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera
آية رقم 46
Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaatiGaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha.
آية رقم 47
Guyyaa Nuti gaarreen deemsifnee dachiis dirree ta’uu argitee, isaanis walitti qabnu [yaadadhu]Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu
آية رقم 48
Hiriiroo godhamanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftanNuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddu turtan” (jedhaman).
آية رقم 49
Galmeenis kaa’amee, yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agartaNi jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne maaluma!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee arguGooftaan kee tokkollee hin miidhu.
آية رقم 50
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes [yaadadhu]Ibliis jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile malee sujuuda godhanSila isaan isiniif diinoota odoo ta’anii jiranuu, Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattuu? (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun akkaan fokkate!
آية رقم 51
Ani uumaminsa samii, dachiifi uumaminsa lubbuu isaanii irrattis isaan hin hirmaachifneAni jallistootas gargaartota godhataa hin taane.
آية رقم 52
Guyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya akka ta’an dubbattan san waamaa” jedhus [yaadadhu]Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatanNutis gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifna.
آية رقم 53
Yakkamtoonni ibidda ni arganIshee keessa bu’oo ta’uu isaanii yaadaniKaraa ishee jalaa ittiin ba’anis hin argatan.
آية رقم 54
Nuti dhugumatti Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irra deddeebinee (namootaaf) ibsinee jirraNamnis waan hunda irra falmii baay’isaa ta’eera.
آية رقم 55
Namoota yeroo qajeelumni isaanitti dhufe amanuufi Gooftaa isaanii araara kadhachuu irraa wanti isaan dhorge karaan (dhumiinsi) warra durii isaanitti dhufuu yookiin adabbiin fuulduraa isaanitti dhufuu (eeguu) malee homaa hin jiru
آية رقم 56
Nuti ergamtootas gammachiiftotaafi dinniintoota goonee malee hin erginuWarri kafaran sobaan haqa deemsisuuf isaan falmu; keeyyattoota kiyyaafi waan dinniinamanis qishnaa godhatan.
آية رقم 57
Nama keeyyattoota Gooftaa isaatiin yaadachiifamee ergasii ishee irraa garagaluufi waan harki isaa lamaan dabarfatte dagate caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti dhugumatti akka isaan isa (Qur’aana) hin hubanne onnee isaanii irratti qadaaddaafi gurra isaanii keessattis duudiinsa taasifnee jirraYoo gara qajeellumaa isaan waamtes, isaan yoo san gonkumaa hin qajeelan.
آية رقم 58
Gooftaan keetis akkaan araaramaa, abbaa rahmataatiOdoo waan isaan hojjataniin isaan qabee, silaa dhugumatti, adabbii isaaniif jerjersa tureGaruu isaaniif waadaa isa malee garri itti deebi’an hin jirre qabu.
آية رقم 59
)Warra) magaalotaa sanis sababaa isaan miidhaa hojjatan isaan balleessineYeroo isaan itti balleeffamanuufis beellama murtaa’aa taasifneerra.
آية رقم 60
Yeroo Muusaan dargaggoo isaatiin “hangan iddoo galaanni lamaan itti wal qunnaman ga’utti yookiin deemsa irratti waggoota (hedduu) fixutti (deemuu) hin dhiisu” jedhe [yaadadhu]
آية رقم 61
Yeroma isaan lamaan iddoo wal ga’iinsa galaana lamaanii ga’an, qurxummii isaanii ni dagatanInnis (qurxummiin) karaa isaa galaana keessa baqaqaa godhate.
آية رقم 62
Yeroma isaan lamaan (iddoo san) qaxxaamuran, (Muusaan) dargaggicha isaatiin ni jedhe: “Laaqana keenya nuuf fidiDhugumatti, nuti imala keenya kana irraa dadhabbii guddaa qunnamnee jirra.”
آية رقم 63
)Innis) ni jedhe: “Argitee? Sila yeroo nuti gara dhagaa hirkanne, dhugumatti, ani qurxummii irraanfadheeraWanti akka isa hin yaadanne na irraanfachiises sheyxaana malee hin jiruInnis karaa isaa galaana keessa dinqisiisaa godhate.”
آية رقم 64
)Muusaan) ni jedhe: “Sun waan nuti barbaadaa turreedha.” Faana isaanii irras hordafaa gara duubaa deebi’an.
آية رقم 65
Gabricha gabroota keenya irraa ta’e, kan Nuti of biraa rahmata isaaf kennineefi beekumsa Nurraa ta’e isa barsiifne wahii argan.
آية رقم 66
Muusaanis isaan “sila waan barsiifamte kan qajeelaa ta’e irraa akka na barsiiftuuf si hordofuu danda’aa?” jedhe
آية رقم 67
ﮘﮙﮚﮛﮜﮝ
ﮞ
)Namichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu
آية رقم 68
Sila waan beekumsa isaa hin qabnee irratti akkamitti obsita?”
آية رقم 69
)Muusaanis) “Yoo Rabbiin fedhe obsaa ta’uu na argitaAjaja keetis hin didu” jedhe
آية رقم 70
)Namichis) yoo na hordofte, waan tokkoyyuu hanga ani waa’ee isaa siif himutti homaa irraa na hin gaafatin” jedheen
آية رقم 71
Isaan lamaanuu hanga doonii tokko keessa yaabbatanitti ni deemanInnis (namichis) ishee ure(Muusaanis) ni jedhe: “Sila namoota ishee keessa jiran bishaan nyaachisuuf ishee urtee? Dhugumatti, ati waan guddaa fidde!”
آية رقم 72
)Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”
آية رقم 73
(Muusaanis) ni jedhe: “Waanan irraanfadheef na hin qabinDhimma kiyya irraas rakkoo na hin baachisin.”
آية رقم 74
Hanga mucaa tokkotti dhufanitti deemanii achumaan isa (mucicha) ajjeese(Muusaanis) “Sila ati lubbuu qulqulluu lubbuu (ajjeesuun) ala ajjeeftaa? Dhugumatti, ati waan fokkataa hojjatteetta” jedhe.
آية رقم 75
(Namichis) ni jedhe: “Sila ani dhugumatti, ati ana wajjiin obsuudhaaf hin dandeessu siin hin jennee?”
آية رقم 76
)Muusaanis) ni jedhe: “Yoon ishee kana booda waan tokko irraas si gaafadhe, natti hin miiltomiin (natti hin shariikin)Dhugumatti, ana biraa dhiifama dhumaa irra geessee jirta.”
آية رقم 77
Ergasii isaan lamaan hanga warra magaalattii tokkoo bira dhufanii, jiraattota ishee nyaata gaafannaan, isaan keessummeessuu didanitti deemanErgasii dhaaba mana jiguu fedhuu tokko arganii, (namichi) ol kaasee isa dhaabe(Muusaanis): “Odoo feetee isa irratti mindaa fudhachuu ni dandeessa” jedhe.
آية رقم 78
)Namichis) ni jedhe: “Kun addaan ba’iinsa gidduu kiyyaafi gidduu keetiitiAni hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdee sittiin hima.
آية رقم 79
Doonittiin qabeenya namoota hiyyeeyyii galaana keessa dalaganii turteWaan isaan fuula duratti mootiin dooniwwan (fayyaa) hunda saamee fudhatu tokko jiruufin ishee irratti hirdhina uumuu fedhe.
آية رقم 80
Mucichi immoo, haadhaafi abbaan isaa mu’uminootaNutis (yoo guddate) jallinaafi kufriidhaan isaan haguuguu sodaanne.
آية رقم 81
Gooftaan isaanii (ilma) qulqullinaan isa irra caaluufi rahmatattis irra dhihoo ta’e bakka isaaniif buusu feene.
آية رقم 82
Dhaabni manichaa immoo kan ijoollee yatiimota ta’an lama magaalattii keessa jiraataniiti tureIsa jala immoo qabeenya awwaalame kan isaan lamaaniitu jiraAbbaan isaanii nama gaarii tureGooftaan keetis (ijoollen lamaan) umrii ciminaa irra ga’anii qabeenya isaanii kan lafa jalatti awwaalame rahmata Gooftaa kee irraa ta’een akka baafatan fedheAnis kana (hunda) fedha kiyya irraa ka’ee hin hojjanneKun hiikkaa wantoota ati irratti obsuu dadhabdeeti.”
آية رقم 83
Zulqarnayni irraas si gaafatu“Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi.
آية رقم 84
Dhugumatti, Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirraWaan hunda irraas tooftaa isaaf kennine.
آية رقم 85
ﭜﭝ
ﭞ
Innis karaa deeme
آية رقم 86
Yeroma iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa galaana dhoqqee gurraacha qabdu keessaan lixxuu argeIshee birattis ummata wahii argeNuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu yookiin isaan keessatti toltuu hojjachuu (filannoo qabda).”
آية رقم 87
Inni ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabnaErgasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e isa adabuuf jira.
آية رقم 88
Nama amanee, gaariis hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jiraNutis ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.”
آية رقم 89
ﮖﮗﮘ
ﮙ
Sana booda karaa hordofe.
آية رقم 90
Yeroma iddoo baha biiftuu ga’e, isheedhaa ummata ishee irraa golgaa Nuti isaaniif hin taasisin irratti baatu arge.
آية رقم 91
)Dubbichi) akka kanaWantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra.
آية رقم 92
ﯓﯔﯕ
ﯖ
Ergasii karaa (kaabaa) hordofe.
آية رقم 93
Yeroma gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge.
آية رقم 94
)Isaanis) “Yaa Zalqarnayn! Dhugumatti, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodhaNuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti baasii siif goonuu?” jedhan
آية رقم 95
)Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caalaGidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, humnaan na gargaaraa.
آية رقم 96
Muraa Sibiilaa naaf kennaa.” Yeroo iddoo gaara lamaan gidduu jiru guutu “afuufaa” jedheYeroo ibidda (diimaa) isa godhus “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa” jedhe
آية رقم 97
)Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; jalaanis isa uruu hin dandeenye.
آية رقم 98
)Zulqarnayn) ni jedhe: “Kun rahmata Gooftaa kiyya irraa ta’eYeroo waadaan Gooftaa kiyyaa dhufe, Inni bittinnaa’aa isa godhaWaadaan Gooftaa kiyyaa dhugaa ta’eera.”
آية رقم 99
Guyyaa (Ya’ajuujifi Ma’ajuuj dhufan) san garii isaanii garii keessa kan dhangala’u taasifnee dhiifnaGarriinis (xurumbaanis) ni afuufamaa (uumama hunda) guutumatti walitti isaan qabna.
آية رقم 100
ﭱﭲﭳﭴﭵ
ﭶ
Guyyaa san jahannamiin kaafirootaaf dhiyeessuu dhiheessina.
آية رقم 101
(Isaan) warra ijji isaanii yaadannoo kiyya (Qur’aana) irraa haguuggaa keessa turanii, (isa) dhaga’uu hin dandeenyeedha.
آية رقم 102
Sila warri kafaran gabroota kiyya Anaa gaditti gabbaramtoota godhachuu yaaduu? Dhugumatti, Nuti jahannamiin kaafirootaf iddoo simannaatiif qopheessineerra.
آية رقم 103
ﮓﮔﮕﮖﮗ
ﮘ
”Sila warra hojiin isaanii akkaan honga’oo ta’an isiniif himnuu?” jedhi.
آية رقم 104
Isaan warra odoo dalagaa tolchinee hojjannaa yaadanuu adunyaa keessatti hojiin isaanii duraa badeedha.
آية رقم 105
Isaan sun warra keeyyattoota Gooftaa isaanitiifi wal qunnamtii Isaatti kafaranii dalagaan isaanii baddeedhaKanaafuu Guyyaa Qiyaamaa madaala isaaniif hin dhaabnu.
آية رقم 106
Isaan sun waan kafaranii keeyyattoota kiyyaafi ergamtoota kiyyas qishnaa godhataniif galanni isaanii jahannami.
آية رقم 107
Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Jannanni Firdaws iddoo simannaa isaaniif taatee jirti.
آية رقم 108
ﯪﯫﯬﯭﯮﯯ
ﯰ
Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIshee irraa jijjiiramuu hin barbaadan.
آية رقم 109
Jedhi: “Odoo galaanni qalama jechoonni Gooftaa kiyyaa (ittiin barraa’u) ta’ee, silaa odoo jechoonni Gooftaa kiyyaa hin dhumne galaanni dhuma ture; odoma (galaanni biraa) kan isa fakkaatu gargaarsaan finneeyyuu (galaanatu dhuma ture).”
آية رقم 110
Jedhi: “Ani namuma akka keessanii kan haqaan gabbaramaan keessan gabaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudhaKanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu sodaatu (kajeelu) dalagaa gaarii haa hojjatu; Gooftaa isaa gabbaruu keessattis eenyunillee hin qindeessin.”
تقدم القراءة