ترجمة معاني سورة القصص باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
الترجمة الإنجليزية - صحيح انترناشونال
المنتدى الإسلامي
الترجمة الإنجليزية
الترجمة الفرنسية - المنتدى الإسلامي
نبيل رضوان
الترجمة الإسبانية
محمد عيسى غارسيا
الترجمة الإسبانية - المنتدى الإسلامي
الترجمة الإسبانية (أمريكا اللاتينية) - المنتدى الإسلامي
المنتدى الإسلامي
الترجمة البرتغالية
حلمي نصر
الترجمة الألمانية - بوبنهايم
عبد الله الصامت
الترجمة الألمانية - أبو رضا
أبو رضا محمد بن أحمد بن رسول
الترجمة الإيطالية
عثمان الشريف
الترجمة التركية - مركز رواد الترجمة
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة التركية - شعبان بريتش
شعبان بريتش
الترجمة التركية - مجمع الملك فهد
مجموعة من العلماء
الترجمة الإندونيسية - شركة سابق
شركة سابق
الترجمة الإندونيسية - المجمع
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الإندونيسية - وزارة الشؤون الإسلامية
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الفلبينية (تجالوج)
مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - دار الإسلام
فريق عمل اللغة الفارسية بموقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - حسين تاجي
حسين تاجي كله داري
الترجمة الأردية
محمد إبراهيم جوناكري
الترجمة البنغالية
أبو بكر محمد زكريا
الترجمة الكردية
حمد صالح باموكي
الترجمة البشتوية
زكريا عبد السلام
الترجمة البوسنية - كوركت
بسيم كوركورت
الترجمة البوسنية - ميهانوفيتش
محمد مهانوفيتش
الترجمة الألبانية
حسن ناهي
الترجمة الأوكرانية
ميخائيلو يعقوبوفيتش
الترجمة الصينية
محمد مكين الصيني
الترجمة الأويغورية
محمد صالح
الترجمة اليابانية
روايتشي ميتا
الترجمة الكورية
حامد تشوي
الترجمة الفيتنامية
حسن عبد الكريم
الترجمة الكازاخية - مجمع الملك فهد
خليفة الطاي
الترجمة الكازاخية - جمعية خليفة ألطاي
جمعية خليفة الطاي الخيرية
الترجمة الأوزبكية - علاء الدين منصور
علاء الدين منصور
الترجمة الأوزبكية - محمد صادق
محمد صادق محمد
الترجمة الأذرية
علي خان موساييف
الترجمة الطاجيكية - عارفي
فريق متخصص مكلف من مركز رواد الترجمة بالشراكة مع موقع دار الإسلام
الترجمة الطاجيكية
خوجه ميروف خوجه مير
الترجمة الهندية
مولانا عزيز الحق العمري
الترجمة المليبارية
عبد الحميد حيدر المدني
الترجمة الغوجراتية
رابيلا العُمري
الترجمة الماراتية
محمد شفيع أنصاري
الترجمة التلجوية
مولانا عبد الرحيم بن محمد
الترجمة التاميلية
عبد الحميد الباقوي
الترجمة السنهالية
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الأسامية
رفيق الإسلام حبيب الرحمن
الترجمة الخميرية
جمعية تطوير المجتمع الاسلامي الكمبودي
الترجمة النيبالية
جمعية أهل الحديث المركزية
الترجمة التايلاندية
مجموعة من جمعية خريجي الجامعات والمعاهد بتايلاند
الترجمة الصومالية
محمد أحمد عبدي
الترجمة الهوساوية
الترجمة الأمهرية
محمد صادق
الترجمة اليورباوية
أبو رحيمة ميكائيل أيكوييني
الترجمة الأورومية
الترجمة التركية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفرنسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإندونيسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفيتنامية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة البوسنية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإيطالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفلبينية (تجالوج) للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفارسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
Dr. Ghali - English translation
Muhsin Khan - English translation
Pickthall - English translation
Yusuf Ali - English translation
Azerbaijani - Azerbaijani translation
Sadiq and Sani - Amharic translation
Farsi - Persian translation
Finnish - Finnish translation
Muhammad Hamidullah - French translation
Korean - Korean translation
Maranao - Maranao translation
Abdul Hameed and Kunhi Mohammed - Malayalam translation
Salomo Keyzer - Flemish (Dutch) translation
Norwegian - Norwegian translation
Samir El - Portuguese translation
Polish - Polish translation
Romanian - Romanian translation
Elmir Kuliev - Russian translation
Albanian - Albanian translation
Tatar - Tatar translation
Japanese - Japanese translation
محمد جوناگڑھی - Urdu translation
Ma Jian - Chinese translation
Turkish - Turkish translation
King Fahad Quran Complex - Thai translation
Ali Muhsin Al - Swahili translation
Abdullah Muhammad Basmeih - Malay translation
Hamza Roberto Piccardo - Italian translation
Indonesian - Indonesian translation
Bubenheim & Elyas - German / Deutsch translation
Bosnian - Bosnian translation
Hasan Efendi Nahi - Albanian translation
Sherif Ahmeti - Albanian translation
Sahih International - English translation
Czech - Czech translation
Abul Ala Maududi(With tafsir) - English translation
Tajik - Tajik translation
Alikhan Musayev - Azerbaijani translation
Muhammad Saleh - Uighur; Uyghur translation
Abdul Haleem - English translation
Mufti Taqi Usmani - English translation
Muhammad Karakunnu and Vanidas Elayavoor - Malayalam translation
Sheikh Isa Garcia - Spanish; Castilian translation
Divehi - Divehi; Dhivehi; Maldivian translation
Abubakar Mahmoud Gumi - Hausa translation
Mahmud Muhammad Abduh - Somali translation
Knut Bernström - Swedish translation
Jan Trust Foundation - Tamil translation
Mykhaylo Yakubovych - Ukrainian translation
Uzbek - Uzbek translation
Diyanet Isleri - Turkish translation
Ministry of Awqaf, Egypt - Russian translation
Abu Adel - Russian translation
Burhan Muhammad - Kurdish translation
Dr. Mustafa Khattab, The Clear Quran - English translation
Dr. Mustafa Khattab - English translation
الترجمة الإنجليزية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الفرنسية - محمد حميد الله
الترجمة البوسنية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الصربية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة الألبانية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة اليابانية - سعيد ساتو
الترجمة الفيتنامية - مركز رواد الترجمة
الترجمة التاميلية - عمر شريف
الترجمة السواحلية - عبد الله محمد وناصر خميس
الترجمة اللوغندية - المؤسسة الإفريقية للتنمية
الترجمة الإنكو بامبارا - ديان محمد
الترجمة العبرية
الترجمة الإنجليزية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الروسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة البنغالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الصينية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة اليابانية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
ترجمة معاني القرآن الكريم - عادل صلاحي
عادل صلاحي
ﰡ
آية رقم 1
ﮝ
ﮞ
Xaa Siin Miim.
آية رقم 2
ﮟﮠﮡﮢ
ﮣ
Kun keeyyattoota kitaaba ifa ba’aati
آية رقم 3
Oduu Muusaafi Fir’awn irraa ummata amananiif dhugaadhaan sirratti dubbifna.
آية رقم 4
Dhugumatti, Fir’awn Dachii keessatti of tuulee jiraNamoota ishees garee garee taasiseeraGaree isaan irraa ta’e ni hacuucaIlmaan isaanii kan dhiiraa ni ajjeesa; kan dubaraa immoo ni jiraachisaDhugumatti inni mancaaftota irraa ture
آية رقم 5
Nuti isaan lafa irratti cunqurfaman (hacuucaman) irratti tola oollee, matootii isaan goonee dhaaltotas isaan taasisuu feena
آية رقم 6
Dachii keessas isaaniif mijeessuu [feena]Fir’awniin, Haamaaniifi waraana isaan lamaanii, isaan irraa waan sodaachaa turan agarsiisuu [feena]
آية رقم 7
Gara haadha Muusaas “isa hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, galaana keessatti isa darbiHin sodaatin; hin gaddinisDhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoofi ergamoota irraa isa taasisoodha” jechuun beeksisa goone.
آية رقم 8
Maatiin Fir’awn akka diinaafi gadda isaanitti ta’uuf isa fudhatanDhugumatti Fir’awn, Haamaanifi waraanni isaan lamaanii dogongortoota turan
آية رقم 9
Haati manaa Fir’awn ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [isheen bulan].
آية رقم 10
Onneen haadha Muusaa duwwaa ta’eAkka isheen mu’uminoota irraa taatuuf jecha odoo onnee ishee jabeessuu baannee, [Ilma ishee ta’uu] isaa ifa gochuutti dhihaattee turte
آية رقم 11
Obboleettii isaatiinis “isa hordofi” jetteen; isheenis fagoo irraa odoo isaan hin beekne isa argite.
آية رقم 12
[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre[Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen.
آية رقم 13
Akka Ijji ishee gammadduufi hin yaaddofneef, akkasumas akka waadaan Rabbii dhugaa ta’uu beektuuf jecha gara haadha isaatti isa deebifneGaruu irra hedduun isaanii hin beekan.
آية رقم 14
Yeroma inni jabina ga’ee umrii dargaggummaa guutu ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkkuma kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
آية رقم 15
Yeroo ummanni ishee daguu keessa jiranitti magaalattii seenee, namoota lama kan wal lolan argeKuni (inni tokko) lammii isaa irraa yoo ta’u, inni kun immoo diina isaa irraa tureInni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafannaan Muusaan abootteen rukutee isa ajjeese[Muusaan] ni jedhe: “kun dalagaa Sheyxaanaa irraayyiDhugumatti, inni diina jallisaa ifa bahaadha.”
آية رقم 16
“Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu kiyya miidheeraa Ati naaf araarami” jedheInnis isaaf araarameDhugumatti, Inni Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
آية رقم 17
“Yaa Gooftaa kiyya! Waan narratti tola oolteen gargaaraa yakkamtootaa hin ta’u” jedhe.
آية رقم 18
Magaalattii keessatti sodaataa of eeggataa ta’ee bariisifateYoma san inni kaleessa gargaarsa isa gaafate isatti lallabnaan Muusaan “dhugumatti ati jallataa ifa bahaadha” isaan jedhe.
آية رقم 19
Yeroma inni isa isaan lamaaniifuu diina ta’e qabuu fedhe, innis “Yaa Muusaa! Sila akkuma kaleessa lubbuu ajjeefte anas ajjeesuu feetaa? Ati dachii keessatti abbaa irree ta’uu malee hin feetu; toltuu hojjattoota irraas ta’uu hin feetu” jedheen
آية رقم 20
Gurbaan tokko magaalattii irraa fiigaa dhufee “Yaa Muusaa! Dhugumatti, qondaalonni [Fir’awn] si ajjeesuuf sirratti mari’achaa jiru; ani dhugumatti namoota toltuu siif yaadan irraayii [magaalattii irraa] bahi” jedhe
آية رقم 21
Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe“Yaa Rabbii kiyya! Ummata miidhaa hojjattoota ta'an jalaa nagaya na baasi” jedhe.
آية رقم 22
Yeroma gara Madyan gara galu “gooftaan kiyya karaa sirrii akka na qajeelchun kajeela” jedhe.
آية رقم 23
Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan?” isaaniin jedheIsaanis “Nuti hanga tiksiteen obaasanii geeffatanitti hin obaafnuAbbaan keenya jaarsa guddaadha” jedhan.
آية رقم 24
Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani toltuu irraa waan Ati naaf murteessitetti haajomaadha” jedhe.
آية رقم 25
Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee “dhugumatti, abbaan kiyya mindaa waan nuuf obaaftee siif kafaluuf si waama” jetteYeroma inni itti dhufee seenaa isatti himu “hin sodaatin; ummata miidhaa hojjattoota jalaa baateetta” jedheen.
آية رقم 26
Tokkoon Isaan lamaaniis “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadiDhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette
آية رقم 27
[Inni] ni jedhe: “Ani tokkoo shamarree koo kana lamaanii woggaa saddeet na tajaajiluu kee irratti sitti heerumsiisuun fedhaKudhan yoo guuttes [sun tola] si biraa ta’e; sirratti jabeessuu hin fedhuYoo Rabbiin fedhe gaggaarii irraa ta’uu na arguuf jirta.”
آية رقم 28
[Muusaanis] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiitiBeellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa dabruun narra hin jiru.[] Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.”
آية رقم 29
Yoroma Muusaan beellama guutee maatii isaatiin deemu, cinaa [gaara] xuuritti ibidda argee maatii isaatiin “asuma turaa; ani ibiddan argee, ishee biraa oduu wahii yookiin xonbooraa ibidda irraa ta’een akka ho’ifattanuuf isinitti dhufuun koo ni kajeelamaa” jedhe
آية رقم 30
Yeroma ishee bira ga’u moggaa lagaa gara mirgaa irraa, dachii barakeeffamtuu keessatti, mukattii irraa “yaa Muusaa! Dhugumatti, Ani Allaah Rabbii aalama hundaati” jechuun itti lallabame.
آية رقم 31
“Ulee kee darbi” [jechuunis itti lallabame]Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, of duuba deebi’ee dheesse; duubas hin mil’anne“Yaa Muusaa! As garagali; hin sodaatinDhugumatti, ati warra nagaa bahan irraayi” [jedhameen]
آية رقم 32
“Harka kee bobaa kee keessa seensisiFokkina tokko malee adii taatee baatiSodaa irraa [bilisa ta’uuf] harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi.[] Isheen kun lamaan mallattoo lama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awniifi qondaaltota isaatti ergamaniidhaDhugumatti, isaan namoota finciltoota turan.”
آية رقم 33
Innis: “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani isaan irraa nama tokko ajjeeseen jiraNa ajjeesuun sodaadha” jedhe.
آية رقم 34
“Obboleessi kiyya Haaruun, inni arrabni isaa ana caalaatti [haasawa] ifa godhaKanaafuu gargaaraa na dhugoomsu godhii ana waliin isa ergiAni na sobsiisuu isaaniin sodaadha.”
آية رقم 35
[Rabbiinis] ni jedhe: “Nuti fuulduratti irree kee obolleessa keetiin jabeessinee isin lamaaniifis aangoo goonaKanaafuu (hamtuun) gara keessan hin ga’anuMallattoolee keenyaan isin lamaaniifi namoonni isin hordofan injifatoodha.”
آية رقم 36
Yeroma Muusaan mallattoolee keenya ifa taateen isaanitti dhufu “kun sihrii uumame malee waan biraatii mitiWaa’ee kanaa abbootii keenya kan durii keessatti dhageenyee hin beeknu” jedhan.
آية رقم 37
Muusaanis ni jedhe: “Rabbiin kiyya nama Isa biraa qajeelumaan dhufeefi nama booddeen ganda Aakiraa isaaf taatus caalaatti beekaDhugumatti, miidhaa raawwattoonni hin milkaa’anu.”
آية رقم 38
Fir’awnis “yaa qondaaltota kiyya! Ana malee gabbaramaa biraa isiniif hin beekuYaa Haamaan! Dhoqqee irratti ibidda naaf bobeessii gamoo dheeraa naaf godhi; gara Rabbii Muusaa ilaaluun koo ni kajeelamaDhugumatti ani sobdoota irraa ta’uun isa yaada” jedhe.
آية رقم 39
Inniniifi waraanni isaa dachii keessatti haqaan malee boonanii, dhugumatti gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadan.
آية رقم 40
Isaafi waraana isaa qabneeti galaana keessatti isaan darbineBooddeen miidhaa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
آية رقم 41
Oggantoota gara Ibiddaatti nama waaman isaan taasifneGuyyaa Qiyaamaas hin tumsamanu.
آية رقم 42
Addunyaa kana keessattis abaarsa isaan hordofsiifneGuyyaa Qiyaamaas isaan warra fokkisiifamoo irraayyi.
آية رقم 43
Erga dhaloota duraanii balleessinee booda beekumsa, qajeelumaafi rahmata namaaf ta’ee akka isaan ittiin gorfamanuuf, dhugumatti Muusaaf kitaaba kenninee jirra
آية رقم 44
[Yaa Muhammad] yeroo Nuti ergaa keenya gara Muusaatti dabarsine ati moggaa tabbaa kan gara dhihaa irra hin turre; hirmaattota irraas hin taane.
آية رقم 45
Haa ta’u malee Nuti [sana booda] dhaloota baay’ee uumnee waggoonni isaan irratti dheerannaan [si ergine]Ati jiraattota Madyan gidduus jiraataa taatee, keeyyattoota keenya isaan irratti kan dubbiftu hin taaneHaa ta’u malee Nuti [ergaa kanaan si] ergoo taanee jirra.
آية رقم 46
Yeroo Nuti [Muusaatti] lallabne ati gaara Xuur maddii hin turreHaa ta’u malee ummata siin duratti akeekkachiisaan itti hin dhufin haa gorfamaniif akka akeekkachiiftuuf jecha rahmata Rabbii kee irraa ta’een [si ergine].
آية رقم 47
Odoo waan harki isaanii dabarsiteef balaan isaan tuqee “yaa Rabbii keenya! keeyyattoota kee hordofnee mu’uminoota irraas akka taanu, maaliif ergamaa gara keenyatti hin ergine” jechuu baatanii [silaa si hin erginu turre].
آية رقم 48
Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “Inni maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhanSila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turree? “[Tawraatiifi Qur’aanni] Sihrii lama kan wal gargaaraniidha” jedhan“Dhugumatti, nuti hundattuu kafaroodha” jedhan
آية رقم 49
[Yaa Muhammad] “yoo dhugaa kan dubbattan taataniif, mee kitaaba Rabbiin biraa ta’e isaan lamaan irra qajeelaa ta’e qabadhaa kottaa[Yoo san] anis isa nan hordofaa” jedhiin.
آية رقم 50
Yoo siif hin owwaatin, fedhii isaanii qofa hordofuu isaanii beekiNama qajeeluma Rabbi irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate tokkoyyuu hin jiruRabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
آية رقم 51
Dhugumatti, Nuti akka isaan gorfamanuuf jecha [Qur’aana] isaaniif ifa goonee jirra.
آية رقم 52
Warri isa (Qur’aana) dura kitaaba isaaniif kennine, isaan isatti ni amanu
آية رقم 53
Yeroo inni isaan irratti qara’amus “Isatti amanne; dhugumatti, inni haqa Rabbii keenya irraa ta’eedhaNuti isa duras Muslimtoota turre” jedhan.
آية رقم 54
Isaan sun waan obsanii, hamtuus toltuudhaan deebisanii, waan Nuti isaaniif kennine irraas kennataniif jecha mindaa isaanii yeroo lama kennamu.
آية رقم 55
Yeroo dhara dhaga’anis, irraa garagalaniiti “nuuf dalagaa keenyatu jira; isiniifis dalagaa keessantu jiraNageenyi isin irra haa jiraatuNuti wallaaltota hin barbaannu” jedhan
آية رقم 56
Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchituGaruu Allaahtu nama fedhe qajeelchaInnis warra qajeelan beekaadha
آية رقم 57
[Isaan] “yoo si waliin karaa qajeelumaa hordofne dachii keenya irraa butamna (guuramna)” jedhanSila nuti [iddoo] kabajamaa, nagayaa, soorata Nu biraa ta’eef fuduraaleen wanta hundaa gara isheetti kan guuramu isaaniif hin mijeessinee? Haa ta’u malee irra hedduun isaanii hin beekanu.
آية رقم 58
[Warra] gandaa irraas kan jireenya ishee keessatti boontee ishee balleessine hedduudhaIsheen sun gandoota isaanii kan isaaniin booda xiqqoo malee keessa hin jiraataminiidha.[] Nutis dhaaltota taaneerra.
آية رقم 59
Rabbiin kee [warra] magaalotaa hanga irra guddoo ishee keessatti ergamaa keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisu ergutti kan balleessu hin taaneNuti warra magaalotaa qubattoonni ishee miidhaa hojjattoota ta’anii malee kan balleessinu hin taane.
آية رقم 60
Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofaWanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadhaSila hin xiinxaltanuu?
آية رقم 61
Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii?
آية رقم 62
Guyyaa [Rabbiin] “Hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu]
آية رقم 63
Warri jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e “Yaa Rabbii keenya! Isaan kun warra nuti jallifneedhaAkkuma ofii jallannetti isaan jallifneNuti gara keetti quulqulloofnee, isaan kun nu gabbaraa hin turre” jedhan.
آية رقم 64
“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeniIsaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni arganOdoo qajeeluun isaanii argameera ta’ee [adabbii hin argan turan].
آية رقم 65
ﮢﮣﮤﮥﮦﮧ
ﮨ
Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhus [yaadadhu].
آية رقم 66
Guyyaa san oduun isaan jalaa dhokattiIsaan walis hin gaafatanu.
آية رقم 67
Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha.
آية رقم 68
Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatasIsaaniif garuu filannoon hin jiruAllaahn waan isaan itti dabalan irraa qulqullaa’ee olis ta’eera
آية رقم 69
Rabbiin kee waan qomti isaanii dhoksituufi waan isaan mul’isanis ni beeka.
آية رقم 70
Inni AllaahdhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruFaaruun hundi addunyaafi Aakhiraa keessatti kan IsaatiMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaa qofa deebifamtu.
آية رقم 71
“Mee naaf odeessaa! Yoo Rabbiin halkan walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamaatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan ifaan isiniif dhufu eenyu? Sila isin hin dhageessanuu?” jedhiin.
آية رقم 72
Ammas “mee naaf odeessaa! yoo Rabbiin guyyaa walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan halkan isa keessa boqottan isiniif fidu eenyu? Sila isin hin argitanuu?” jedhi.
آية رقم 73
Rahmata Isaa irraayyi halkaniifi guyyaa akka isa (halkan) keessa boqottanii [guyyaa] tola Isaa irraa barbaaddattanii fi, akka Isa galatoomfattaniif isinii taasise.
آية رقم 74
Guyyaa [Rabbiin] “hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu]
آية رقم 75
Ummata hunda irraa ragaa fuuneeti “ragaa keessan fidaa” jennaanYeroo san dhugaan kan Rabbii qofa ta’uu beekuWanti isaan uummatanis isaan irraa bada.
آية رقم 76
Dhugumatti, Qaaruun ummata Muusaa irraa tureIsaan irrattis daangaa dabreKuusaa qabeenyaa irraas waan furtuuleen isaa garee jajjaboo ta’anitti ulfaattu isaaf kennineYeroo ummanni isaa “[qabeenyaan] hin boonin; dhugumatti, Allaahn warra boonan hin jaalatu” isaan jedhan san [yaadadhu].
آية رقم 77
“Waan Rabbiin siif kenne keessattis mana Aakhiraa ittiin barbaadiAddunyaa irraas qooda kee hin dagatinAkkuma Allaahn tola gara keetti oole atis tola ooliDachii keessattis badii [facaasuu] hin barbaadinDhugumatti Allaahn balleessitoota hin jaalatu.”
آية رقم 78
[Qaaruunis] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedheDhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’ee ta’e dhugumatti isa dura Rabbiin balleessuu hin beeknee? Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafatamanu
آية رقم 79
Faaya isaa uffatee ummata isaa irratti baheIsaan jireenya addunyaa fedhan “fakkaataan waan Qaaruuniif kennamee nuuf ta’uu hawwina; dhugumatti inni abbaa qooda guddaati” jedhan
آية رقم 80
Isaan beekumsa kennamanis ni jedhan: “yaa badii keessan! Nama amanee, gaarii hojjateef mindaa Rabbiitu irra caalaKanas obsitoota malee eenyunuu hin kennamu.”
آية رقم 81
Isaafi ganda isaatis ni dhidhimsine (dachii ittiin kunne)Gareen Rabbiin alaa kan isa tumsan isaaf hin taaneInnis warra of baraarsan irraa hin taane.
آية رقم 82
Isaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun kuta (dhidhimsa) tureEdaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan.
آية رقم 83
Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol aantummaafi badii [raawwachuu] hin feeneef ishee goonaBooddeen (gaariin) warra Rabbiin sodaataniifi
آية رقم 84
Namni gaarii dalage waan san irra caalutu isaaf jiraNamni hamtuun dhufes, [fakkii ishee argata]Warri hojii gadhee hojjatan waan hojjataa turan malee hin mindeeffamanu.
آية رقم 85
Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti (Makkaatti) si deebisa.[] “Rabbiin kiyya nama qajeelumaan dhufeefi nama jallina ifa bahaa ta’e keessa jiru akkaan beekaadha” jedhi.
آية رقم 86
Rahmata Rabbii kee irraa ta’een [sirratti buufne malee] ati kitaabni gara keetti buufamuu kajeelaa hin turreKaafirootaaf gargaaraa hin tahin.
آية رقم 87
Erga isheen gara keetti buufamtee booda keeyyattoota Rabbii irraa isaan si hin deebisinGara Rabbii keetiitti waamiMushrikoota irraas hin ta’in.
آية رقم 88
Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa hin kadhatin (hin gabbarin)Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiruFuula Isaa malee wanti hundi ni badaMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaatti deebifamtu
تقدم القراءة