ترجمة سورة القصص

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة القصص باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Xaa Siin Miim.
Kun keeyyattoota kitaaba ifa ba’aati
Oduu Muusaafi Fir’awn irraa ummata amananiif dhugaadhaan sirratti dubbifna.
Dhugumatti, Fir’awn Dachii keessatti of tuulee jiraNamoota ishees garee garee taasiseeraGaree isaan irraa ta’e ni hacuucaIlmaan isaanii kan dhiiraa ni ajjeesa; kan dubaraa immoo ni jiraachisaDhugumatti inni mancaaftota irraa ture
Nuti isaan lafa irratti cunqurfaman (hacuucaman) irratti tola oollee, matootii isaan goonee dhaaltotas isaan taasisuu feena
Dachii keessas isaaniif mijeessuu [feena]Fir’awniin, Haamaaniifi waraana isaan lamaanii, isaan irraa waan sodaachaa turan agarsiisuu [feena]
Gara haadha Muusaas “isa hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, galaana keessatti isa darbiHin sodaatin; hin gaddinisDhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoofi ergamoota irraa isa taasisoodha” jechuun beeksisa goone.
Maatiin Fir’awn akka diinaafi gadda isaanitti ta’uuf isa fudhatanDhugumatti Fir’awn, Haamaanifi waraanni isaan lamaanii dogongortoota turan
Haati manaa Fir’awn ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [isheen bulan].
Onneen haadha Muusaa duwwaa ta’eAkka isheen mu’uminoota irraa taatuuf jecha odoo onnee ishee jabeessuu baannee, [Ilma ishee ta’uu] isaa ifa gochuutti dhihaattee turte
Obboleettii isaatiinis “isa hordofi” jetteen; isheenis fagoo irraa odoo isaan hin beekne isa argite.
[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre[Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen.
Akka Ijji ishee gammadduufi hin yaaddofneef, akkasumas akka waadaan Rabbii dhugaa ta’uu beektuuf jecha gara haadha isaatti isa deebifneGaruu irra hedduun isaanii hin beekan.
Yeroma inni jabina ga’ee umrii dargaggummaa guutu ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkkuma kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Yeroo ummanni ishee daguu keessa jiranitti magaalattii seenee, namoota lama kan wal lolan argeKuni (inni tokko) lammii isaa irraa yoo ta’u, inni kun immoo diina isaa irraa tureInni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafannaan Muusaan abootteen rukutee isa ajjeese[Muusaan] ni jedhe: “kun dalagaa Sheyxaanaa irraayyiDhugumatti, inni diina jallisaa ifa bahaadha.”
“Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu kiyya miidheeraa Ati naaf araarami” jedheInnis isaaf araarameDhugumatti, Inni Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
“Yaa Gooftaa kiyya! Waan narratti tola oolteen gargaaraa yakkamtootaa hin ta’u” jedhe.
Magaalattii keessatti sodaataa of eeggataa ta’ee bariisifateYoma san inni kaleessa gargaarsa isa gaafate isatti lallabnaan Muusaan “dhugumatti ati jallataa ifa bahaadha” isaan jedhe.
Yeroma inni isa isaan lamaaniifuu diina ta’e qabuu fedhe, innis “Yaa Muusaa! Sila akkuma kaleessa lubbuu ajjeefte anas ajjeesuu feetaa? Ati dachii keessatti abbaa irree ta’uu malee hin feetu; toltuu hojjattoota irraas ta’uu hin feetu” jedheen
Gurbaan tokko magaalattii irraa fiigaa dhufee “Yaa Muusaa! Dhugumatti, qondaalonni [Fir’awn] si ajjeesuuf sirratti mari’achaa jiru; ani dhugumatti namoota toltuu siif yaadan irraayii [magaalattii irraa] bahi” jedhe
Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe“Yaa Rabbii kiyya! Ummata miidhaa hojjattoota ta'an jalaa nagaya na baasi” jedhe.
Yeroma gara Madyan gara galu “gooftaan kiyya karaa sirrii akka na qajeelchun kajeela” jedhe.
Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan?” isaaniin jedheIsaanis “Nuti hanga tiksiteen obaasanii geeffatanitti hin obaafnuAbbaan keenya jaarsa guddaadha” jedhan.
Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani toltuu irraa waan Ati naaf murteessitetti haajomaadha” jedhe.
Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee “dhugumatti, abbaan kiyya mindaa waan nuuf obaaftee siif kafaluuf si waama” jetteYeroma inni itti dhufee seenaa isatti himu “hin sodaatin; ummata miidhaa hojjattoota jalaa baateetta” jedheen.
Tokkoon Isaan lamaaniis “Yaa abbaa kiyya! Isa nuuf ramadiDhugumatti, irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette
[Inni] ni jedhe: “Ani tokkoo shamarree koo kana lamaanii woggaa saddeet na tajaajiluu kee irratti sitti heerumsiisuun fedhaKudhan yoo guuttes [sun tola] si biraa ta’e; sirratti jabeessuu hin fedhuYoo Rabbiin fedhe gaggaarii irraa ta’uu na arguuf jirta.”
[Muusaanis] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiitiBeellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa dabruun narra hin jiru.[] Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.”
Yoroma Muusaan beellama guutee maatii isaatiin deemu, cinaa [gaara] xuuritti ibidda argee maatii isaatiin “asuma turaa; ani ibiddan argee, ishee biraa oduu wahii yookiin xonbooraa ibidda irraa ta’een akka ho’ifattanuuf isinitti dhufuun koo ni kajeelamaa” jedhe
Yeroma ishee bira ga’u moggaa lagaa gara mirgaa irraa, dachii barakeeffamtuu keessatti, mukattii irraa “yaa Muusaa! Dhugumatti, Ani Allaah Rabbii aalama hundaati” jechuun itti lallabame.
“Ulee kee darbi” [jechuunis itti lallabame]Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, of duuba deebi’ee dheesse; duubas hin mil’anne“Yaa Muusaa! As garagali; hin sodaatinDhugumatti, ati warra nagaa bahan irraayi” [jedhameen]
“Harka kee bobaa kee keessa seensisiFokkina tokko malee adii taatee baatiSodaa irraa [bilisa ta’uuf] harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi.[] Isheen kun lamaan mallattoo lama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awniifi qondaaltota isaatti ergamaniidhaDhugumatti, isaan namoota finciltoota turan.”
Innis: “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani isaan irraa nama tokko ajjeeseen jiraNa ajjeesuun sodaadha” jedhe.
“Obboleessi kiyya Haaruun, inni arrabni isaa ana caalaatti [haasawa] ifa godhaKanaafuu gargaaraa na dhugoomsu godhii ana waliin isa ergiAni na sobsiisuu isaaniin sodaadha.”
[Rabbiinis] ni jedhe: “Nuti fuulduratti irree kee obolleessa keetiin jabeessinee isin lamaaniifis aangoo goonaKanaafuu (hamtuun) gara keessan hin ga’anuMallattoolee keenyaan isin lamaaniifi namoonni isin hordofan injifatoodha.”
Yeroma Muusaan mallattoolee keenya ifa taateen isaanitti dhufu “kun sihrii uumame malee waan biraatii mitiWaa’ee kanaa abbootii keenya kan durii keessatti dhageenyee hin beeknu” jedhan.
Muusaanis ni jedhe: “Rabbiin kiyya nama Isa biraa qajeelumaan dhufeefi nama booddeen ganda Aakiraa isaaf taatus caalaatti beekaDhugumatti, miidhaa raawwattoonni hin milkaa’anu.”
Fir’awnis “yaa qondaaltota kiyya! Ana malee gabbaramaa biraa isiniif hin beekuYaa Haamaan! Dhoqqee irratti ibidda naaf bobeessii gamoo dheeraa naaf godhi; gara Rabbii Muusaa ilaaluun koo ni kajeelamaDhugumatti ani sobdoota irraa ta’uun isa yaada” jedhe.
Inniniifi waraanni isaa dachii keessatti haqaan malee boonanii, dhugumatti gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadan.
Isaafi waraana isaa qabneeti galaana keessatti isaan darbineBooddeen miidhaa hojjattootaa akkam akka ta’e ilaali.
Oggantoota gara Ibiddaatti nama waaman isaan taasifneGuyyaa Qiyaamaas hin tumsamanu.
Addunyaa kana keessattis abaarsa isaan hordofsiifneGuyyaa Qiyaamaas isaan warra fokkisiifamoo irraayyi.
Erga dhaloota duraanii balleessinee booda beekumsa, qajeelumaafi rahmata namaaf ta’ee akka isaan ittiin gorfamanuuf, dhugumatti Muusaaf kitaaba kenninee jirra
[Yaa Muhammad] yeroo Nuti ergaa keenya gara Muusaatti dabarsine ati moggaa tabbaa kan gara dhihaa irra hin turre; hirmaattota irraas hin taane.
Haa ta’u malee Nuti [sana booda] dhaloota baay’ee uumnee waggoonni isaan irratti dheerannaan [si ergine]Ati jiraattota Madyan gidduus jiraataa taatee, keeyyattoota keenya isaan irratti kan dubbiftu hin taaneHaa ta’u malee Nuti [ergaa kanaan si] ergoo taanee jirra.
Yeroo Nuti [Muusaatti] lallabne ati gaara Xuur maddii hin turreHaa ta’u malee ummata siin duratti akeekkachiisaan itti hin dhufin haa gorfamaniif akka akeekkachiiftuuf jecha rahmata Rabbii kee irraa ta’een [si ergine].
Odoo waan harki isaanii dabarsiteef balaan isaan tuqee “yaa Rabbii keenya! keeyyattoota kee hordofnee mu’uminoota irraas akka taanu, maaliif ergamaa gara keenyatti hin ergine” jechuu baatanii [silaa si hin erginu turre].
Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “Inni maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhanSila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turree? “[Tawraatiifi Qur’aanni] Sihrii lama kan wal gargaaraniidha” jedhan“Dhugumatti, nuti hundattuu kafaroodha” jedhan
[Yaa Muhammad] “yoo dhugaa kan dubbattan taataniif, mee kitaaba Rabbiin biraa ta’e isaan lamaan irra qajeelaa ta’e qabadhaa kottaa[Yoo san] anis isa nan hordofaa” jedhiin.
Yoo siif hin owwaatin, fedhii isaanii qofa hordofuu isaanii beekiNama qajeeluma Rabbi irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate tokkoyyuu hin jiruRabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
Dhugumatti, Nuti akka isaan gorfamanuuf jecha [Qur’aana] isaaniif ifa goonee jirra.
Warri isa (Qur’aana) dura kitaaba isaaniif kennine, isaan isatti ni amanu
Yeroo inni isaan irratti qara’amus “Isatti amanne; dhugumatti, inni haqa Rabbii keenya irraa ta’eedhaNuti isa duras Muslimtoota turre” jedhan.
Isaan sun waan obsanii, hamtuus toltuudhaan deebisanii, waan Nuti isaaniif kennine irraas kennataniif jecha mindaa isaanii yeroo lama kennamu.
Yeroo dhara dhaga’anis, irraa garagalaniiti “nuuf dalagaa keenyatu jira; isiniifis dalagaa keessantu jiraNageenyi isin irra haa jiraatuNuti wallaaltota hin barbaannu” jedhan
Dhugumatti, ati nama jaallatte hin qajeelchituGaruu Allaahtu nama fedhe qajeelchaInnis warra qajeelan beekaadha
[Isaan] “yoo si waliin karaa qajeelumaa hordofne dachii keenya irraa butamna (guuramna)” jedhanSila nuti [iddoo] kabajamaa, nagayaa, soorata Nu biraa ta’eef fuduraaleen wanta hundaa gara isheetti kan guuramu isaaniif hin mijeessinee? Haa ta’u malee irra hedduun isaanii hin beekanu.
[Warra] gandaa irraas kan jireenya ishee keessatti boontee ishee balleessine hedduudhaIsheen sun gandoota isaanii kan isaaniin booda xiqqoo malee keessa hin jiraataminiidha.[] Nutis dhaaltota taaneerra.
Rabbiin kee [warra] magaalotaa hanga irra guddoo ishee keessatti ergamaa keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisu ergutti kan balleessu hin taaneNuti warra magaalotaa qubattoonni ishee miidhaa hojjattoota ta’anii malee kan balleessinu hin taane.
Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofaWanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadhaSila hin xiinxaltanuu?
Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii?
Guyyaa [Rabbiin] “Hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu]
Warri jechi (adabbiin) isaan irratti mirkanaa’e “Yaa Rabbii keenya! Isaan kun warra nuti jallifneedhaAkkuma ofii jallannetti isaan jallifneNuti gara keetti quulqulloofnee, isaan kun nu gabbaraa hin turre” jedhan.
“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeniIsaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni arganOdoo qajeeluun isaanii argameera ta’ee [adabbii hin argan turan].
Guyyaa [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhus [yaadadhu].
Guyyaa san oduun isaan jalaa dhokattiIsaan walis hin gaafatanu.
Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha.
Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatasIsaaniif garuu filannoon hin jiruAllaahn waan isaan itti dabalan irraa qulqullaa’ee olis ta’eera
Rabbiin kee waan qomti isaanii dhoksituufi waan isaan mul’isanis ni beeka.
Inni AllaahdhaIsa malee dhugaan gabbaramaan hin jiruFaaruun hundi addunyaafi Aakhiraa keessatti kan IsaatiMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaa qofa deebifamtu.
“Mee naaf odeessaa! Yoo Rabbiin halkan walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamaatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan ifaan isiniif dhufu eenyu? Sila isin hin dhageessanuu?” jedhiin.
Ammas “mee naaf odeessaa! yoo Rabbiin guyyaa walitti aansee hanga Guyyaa Qiyaamatti tursiise, sila Rabbiin malee gabbaramaan halkan isa keessa boqottan isiniif fidu eenyu? Sila isin hin argitanuu?” jedhi.
Rahmata Isaa irraayyi halkaniifi guyyaa akka isa (halkan) keessa boqottanii [guyyaa] tola Isaa irraa barbaaddattanii fi, akka Isa galatoomfattaniif isinii taasise.
Guyyaa [Rabbiin] “hiriyoonni kiyya kan isin dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu]
Ummata hunda irraa ragaa fuuneeti “ragaa keessan fidaa” jennaanYeroo san dhugaan kan Rabbii qofa ta’uu beekuWanti isaan uummatanis isaan irraa bada.
Dhugumatti, Qaaruun ummata Muusaa irraa tureIsaan irrattis daangaa dabreKuusaa qabeenyaa irraas waan furtuuleen isaa garee jajjaboo ta’anitti ulfaattu isaaf kennineYeroo ummanni isaa “[qabeenyaan] hin boonin; dhugumatti, Allaahn warra boonan hin jaalatu” isaan jedhan san [yaadadhu].
“Waan Rabbiin siif kenne keessattis mana Aakhiraa ittiin barbaadiAddunyaa irraas qooda kee hin dagatinAkkuma Allaahn tola gara keetti oole atis tola ooliDachii keessattis badii [facaasuu] hin barbaadinDhugumatti Allaahn balleessitoota hin jaalatu.”
[Qaaruunis] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedheDhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’ee ta’e dhugumatti isa dura Rabbiin balleessuu hin beeknee? Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafatamanu
Faaya isaa uffatee ummata isaa irratti baheIsaan jireenya addunyaa fedhan “fakkaataan waan Qaaruuniif kennamee nuuf ta’uu hawwina; dhugumatti inni abbaa qooda guddaati” jedhan
Isaan beekumsa kennamanis ni jedhan: “yaa badii keessan! Nama amanee, gaarii hojjateef mindaa Rabbiitu irra caalaKanas obsitoota malee eenyunuu hin kennamu.”
Isaafi ganda isaatis ni dhidhimsine (dachii ittiin kunne)Gareen Rabbiin alaa kan isa tumsan isaaf hin taaneInnis warra of baraarsan irraa hin taane.
Isaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef soorata bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun kuta (dhidhimsa) tureEdaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan.
Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol aantummaafi badii [raawwachuu] hin feeneef ishee goonaBooddeen (gaariin) warra Rabbiin sodaataniifi
Namni gaarii dalage waan san irra caalutu isaaf jiraNamni hamtuun dhufes, [fakkii ishee argata]Warri hojii gadhee hojjatan waan hojjataa turan malee hin mindeeffamanu.
Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti (Makkaatti) si deebisa.[] “Rabbiin kiyya nama qajeelumaan dhufeefi nama jallina ifa bahaa ta’e keessa jiru akkaan beekaadha” jedhi.
Rahmata Rabbii kee irraa ta’een [sirratti buufne malee] ati kitaabni gara keetti buufamuu kajeelaa hin turreKaafirootaaf gargaaraa hin tahin.
Erga isheen gara keetti buufamtee booda keeyyattoota Rabbii irraa isaan si hin deebisinGara Rabbii keetiitti waamiMushrikoota irraas hin ta’in.
Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa hin kadhatin (hin gabbarin)Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiruFuula Isaa malee wanti hundi ni badaMurtiinis kan IsaatiGaruma Isaatti deebifamtu
Icon