ترجمة معاني سورة البقرة باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 1
Alif, Laam, Miim
Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha;warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama
آية رقم 3
Isaan "Ghaybitti" (wantoota miiraan hin dhaqqabamnetti) amanan, kan salaata sirnaan salaataniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennaniidha
Onnee isaanii keessa dhukkuba [shakkiifi nifaaqaatu] jiraRabbiinis dhukkuba isaaniif dabaleWaan kijibaa turaniif jechas adabbii laalessaa ta’etu isaaniif jira
آية رقم 12
Dhagayaa! Dhugumatti isaan isaanumatu warra badiitiGaruu [haala gadhee isaanii kana] hin beekanu.
Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhuYeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo "dhugumatti nuti isin waliin jirra; nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf [akkas goone]" jedhu.
آية رقم 15
Rabbiin [mindaa qishnaa isaaniitiif] isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti odoo isaan dhama’anuu isaan dhiisa.
آية رقم 18
[Isaan] duudaa, arraba qabamaafi jaamaadhaKanaafuu [gara karaa qajeelaa] hin deebi’anu.
Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatuWarri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e ni beekuIsaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu[Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisee (namoota) baay’ees qajeelchaFinciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu
Sila odoo Inni haala isin du’aa turtaniin isin jiraachisee ergasii isin ajjeesee ergasii isin jiraachisuun ergasii gara Isaatti kan deebifamtanu taatanii jirtanuu akkamitti Rabbitti kafartu?
Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "dhugumatti, Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhes [yaadadhu]Isaanis ni jedhan: "Sila odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu namoota ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti taasiftaa?" [Innis] ni jedhe: "Dhugumatti, Ani akkaan beekaa waan isin hin beekneti."
[Rabbiin] ni jedhe: "Yaa Aadam! maqoota isaanii isaanitti himi." Yeroma inni maqoota isaanii isaanitti himu [Rabbiin] ni jedhe: "Sila Ani akkaan beekaa wantoota fagoo kan samiifi dachiiti; ammas Ani akkaan beekaa waan isin ifa taasiftaniifi waan isin dhoksaa turtaniiti’ isiniin hin jennee?"
Yeroo Nuti malaa’ikootaan "Aadamiif sujuuda[] godhaa" jennes [yaadadhu]Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan; [Inni] ni dide; ni boonesKaafiroota irraayis ta’e.
Shayxaannis ishee (jannata) irraa isaan mucucaachiseWaan isaan isa keessa turan irraas isaan baaseNutis ni jenne: "gariin keessan gariif diina ta’aa gadi bu’aaIsiniifis dachii keessa iddoo jireenyaatiifi waan itti fayyadamtan kan yeroo murtaa’eetu jira."
Aadamis Gooftaa isaa irraa jechoota[] fudhatee sana booda [Rabbiin] dhiifama isaaf godheDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
آية رقم 43
Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa; warra rukuu’a godhan wajjinis rukuu’a godhaa.
Ammas yeroo Nuti ummata Fir’awn kan hamtuu adabbii isin dhandhamsiisaa turan, ilmaan dhiiraa keessan gorra’aniifi dubartoota keessan dhiisan irraa bilisa isin baafne san [yaadadhaa]Sana keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
Yeroo bahra isiniif addaan foonee, ergasii bilisa isin baafnee ummata Fir’awn odoo isin argitanuu bishaaniin dhidhimsine sanis [yaadadhaa].
Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamnes [yaadadhaa]Ergasii isin bakka inni hin jirretti warra of miidhe taatanii mirgoo (jibicha) [gabbaramaa] taasifattan.
آية رقم 53
|Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi addaan fooyaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines [yaadadhaa].
Yeroo Muusaan ummata isaatiin "yaa ummata kiyya! isin mirgoo [gabbaramaa] taasifachuun lubbuu keessan miitanii jirtanKanaaf gara [Rabbii] uumaa keessan ta’eetti deebi’aaLubbuu keessanis ajjeesaaSanatu Uumaa keessan biratti isiniif caala" jedhes [yaadadhaa]Ergasii [Rabbiin] dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale)Dhugumatti, Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha.
Yeroo Nuti "magaalattii[] kana seenaa; ishee irraas iddoo feetanii [nyaata] bal’aa nyaadhaaBalbalichas sujuudaa seenaa"[Kadhaan keenyas badiin] nurraa harca'uudha" jedhaa, badii keessan isiniif araaramnaWarra toltuu hojjataniif [mindaa] dabaluuf jirra" jennes [yaadadhaa].
Yeroo "Yaa Muusaa! nuti nyaata tokko irratti hin obsinuu, akka waan dachiin biqilchitu irraa, kudraa ishee irraa, dabaaqula ishee irraas, qamadii ishee irraas, misira ishee irraas, shunkurtii ishee irraas nuuf baasu Gooftaa kee nuuf kadhu" jettanis [yaadadhaa](Muusaanis) ni jedhe: "Sila isin isa gadi aanaa ta’etti isa caalaa ta’e jijjiirrattuu? Gara magaalaa gadi bu’aa; wanti gaafattan isiniif jira." Salphinaafi hiyyummaan isaan irratti haguugamtee, dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’anKun waan isaan keeyyattoota Rabbiitti kafaraa, nabiyyootas haqaan ala ajjeesaa turaniifiKun waan isaan fincilaa, daangaas dabraa turaniif
[Yaa ilmaan Israa’iil!] Yeroo Nuti waadaa keessan qabanneefi [gaara] Xuuris isin gubbaatti ol kaafnee "waan Nuti isiniif kennine cimsaa qabadhaaAkka Rabbiin sodaattaniif waan isa keessa jirus yaadadhaa’ isiniin jenne [yaadadhaa]."[]
Dhugumatti isin warra isin irraa [dhimma] Sanbataa keessatti[] daangaa dabranii, "isin jaldeeyyii salphattoota ta’aa" isaaniin jenne beektanii jirtu.
Kanaafuu Nuti ishee (adabbii sana) warra isaaniin duraatiifi isaaniin boodaatiif jiilchaa, warra Rabbiin sodaataniif immoo gorsa taasifne.
[Muusaanis] ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘dhugumatti isheen sa’a dachii qotuufi oorruu (bishaan) obaasuu irratti hin leenjifamin, kan [hirdhuu qaamaa irraa] nagaa taateefi bifti makaan ishee keessa hin jirreedha’ jedha." [Ummanni isaas] "amma dhugaa fiddee jirta" jedhanKan hojjachuuttis hin dhihaanne ta’anii ishee qalan.
"Garii [qaama] isheetiin isa (reeffa isaa) rukutaa" jenneAkka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa.
Ammas yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil irraa "Rabbiin malee [waan biraa] hin gabbarinaa; abbaafi haadhaaf, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis tola oolaa; namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jechuun) waadaa qabanne [yaadadhaa]Ergasii nama muraasa isin irraa ta’e malee, duuba deebi’aa taatanii irraa gara galtani.
Yeroo Nuti "dhiiga keessan hin dhangalaasinaa; namoota keessanis manneen isaanii irraa hin baasinaa" (jechuun) waadaa keessan qabannee ergasii isin ragaa taatanii mirkaneessitan [yaadadhaa].
Ergasii isinuma kanneentu lubbuu walii ajjeesaOdoo isaan baasuun dhorgaa isin irratti ta’ee jiruu garee isin irraa ta’e manneen isaanii irraa baaftu; isaan irrattis badiifi diinummaan wal gargaartuYoo isaan booji’amtoota ta’anii isinitti dhufanii immoo isaan bilisoomsituSila garii kitaabaatti amantanii gariitti kafartuu? Mindaan nama isin irraa kana hojjatuu jireenya addunyaa kanaa keessatti salphina malee hin jiruGuyyaa Qiyaamaas gara adabbii cimaa deebifamuRabbiin waan isin dalagdan kan dagatus hin taane.
Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e kan waan isaanii wajjin jiru (Tawraatifi injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argataniif [dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiin] kadhachaa turanii yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaranKanaafuu abaarsi Rabbii kaafiroota irra haa jiraatu.
Dhugumatti Muusaanis ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jiraErgasii isin lubbuu keessan miidhoo taatanii isa booda (bakka inni hin jirretti) mirgoo [gabbaramaa] godhattan.
Yeroo Nuti waadaa keessan qabannee Gaara Xuurii gubbaa keessan irratti ol fuunee "Waan Nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa[Jecha keenyas] dhaga'aa" jenne [yaadadhaa]Ni jedhan: "Dhageenyee faallessineerra." Onnee isaanii keessa sababaa kufrii isaanitiin [jaalala] mirgoo [gabbaruu] obaafamanii jiru"Yoo mu’uminoota taataniif wanti iimaanni keessan itti isin ajaju waa fokkate" jedhi!
"Namni sababa Jibriil isa (Qur’aana) dhugoomsaa waan isa duraatiifi mu’uminootaaf qajeelfamaafi gammachuu ta’e fedha Rabbiitiin onnee kee irratti waan buuseef Jibriiliif diina ta’e, [dallansuu isaatiin haa du’u]” jedhi.
Sila isaan dhawaata waadaa wahii seenaniin, gareen isaan irraa ta’e isa gataa (waadaa diigaa)? Dhugaatti irra hedduun isaanii hin amanan.
| Waan shayxaanonni bara mootummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofanSulaymaanis hin kafarreGaruu shayxaanonni sihriifi waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabil keessatti buufame nama kan barsiisan ta'anii kafaranIsaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarinaa" hin jedhin (sihrii) hin barsiisanu(Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratuIsaanis nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan miidhan hin taaneWaan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratanDhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) jijjiirrate Aakhiratti qooda hin qabaanne sirritti beekaniiruOdoo kan beekan ta’anii, wanti isaan lubbuu isaanii itti gurguran waa fokkate!
Odoo isaan amananii Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture; odoo kan beekan ta’anii (silaa kan biraa hin filatanu).
Yaa ilmaan Israa’iil! Ni’imaa kiyya kan Ani isin irratti oole san yaadadhaa; Ani Aalama hunda irra isin caalchisuu kiyyaas [yaadadhaa].
Yeroo Ibraahiimiin Gooftaan isaa jechootaan isa mokkoree (Ibraahiimis) isa guute [yaadadhaa](Rabbiinis) "Dhugu-matti, Ani namootaaf imaama (dursaan) si taasisa" jedhe(Ibraahiim) ni jedhe:"Sanyii kiyya irraas (taasisi)." (Rabbiinis) ni jedhe: "Waadaan (nabiyyummaan) kiyya warra miidhaa hojjatan hin argatu."
Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes [yaadadhaa]Maqaama Ibraahiim irraas iddoo salaataa taasifadhaa(Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessuu isaan ajajnee jirra.
Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Magaalaa kana (Makkaan) iddoo tasgabbii taasisiWarra (jiraattota) isaas, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa](Rabbiinis) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara adabbii ibiddaattin isa geessaIddoo deebii kan akkaan fokkateedha!" jedhe.
"Gooftaa keenya! Nu lamaanuu Siif ajajamtoota nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi)‘Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah irratti raawwachuu qabnus) nutti agarsiisiTawbaa keenyas nurraa qeebaliDhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e kan keeyyattoota kee isaan irratti qara’u, kan kitaabaafi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergiDhugumatti, Ati Situ akkaan injifataa, ogeessa."
Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).
(Yaa Muhammad! Yahuudotaafi Kiristaanotaan) jedhi: “odoo Inni Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessan ta’ee jiruu, nuufis dalagaan keenya, isiniifis dalagaan keessan jiruu, waa’ee Rabbii keessatti nuun falmituu? Nuti (amantii) Isaaf qulqulleessoodha.
Akkasuma (akkuma isin qajeelchinetti) namoota irratti ragaa akka taatanuufi ergamichis ragaa isin irratti ta’uuf jecha filatamtuu ummataa isin taasifneNuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifneDhugumatti sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turteRabbiin iimaana (salaata) keessan (kan gara Beytal-Maqdis gara galtanii sagadaa turtan) kan balleessu hin taaneDhugumatti, Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha.
Dhugumatti, gara samii deddeebi’uu fuula keetii arginee jirraGara qiblaa ati jaallattuu si deebisuuf jirra(Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchiEessallee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaaDhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beekuRabbiinis waan isaan hojjatan irraa dagataa miti.
Akkuma ergamaa isin irraa ta’e kan keeyyattoota keenya isin irratti qara’u, isin qulqulleessu, kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisu isin keessatti ergine (isin qanansiifne).
آية رقم 152
Ana yaadadhaa; Anis isiniin yaadadhaaGalatas naaf galchaa; Nattis hin kafarinaa.
Garuu warri tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan warra san tawbaa isaanii isaan irraa nan qeebalaAni akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
Dhugumatti uumama samiifi dachii, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaa, doonii waan namoota fayyaduun galaana keessa yaatu, bishaan irraa waan Rabbiin samii irraa buusee ittiin dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hunda irraa isii keessa facaase, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaayanii (akka isaan hin jallisin ibsanii)fi (yeroo) adabbii argan, hariiroon isaanii hundi yeroo isaan jalaa citu (odoo beekanii gabbaramaa biraa hin godhatanu ture).
Dalagaan gaariin fuula keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti amanee, odoo jaallatuu qabeenya firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf kennee, salaatas gadi dhaabee, zakaa kenneefi warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutanii, warra rakkina, dhukkuba hamaafi yeroo lolan obsaniidhaIsaan warra dhugaa qabataniIsaanis warra Rabbiin sodaataniidha.
Yaa warra amantan! Ajjeechaa keessatti "qisaasni" (seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameeraBilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaanNamni obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi kaffaltiin gumaa dhiigaas haala gaariin raawwatamuutu irra jiraKun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedhaNamni sana booda daangaa dabre, isaaf adabbii laalessaa ta’etu jira.
آية رقم 179
Yaa warra sammuu qabdan! "Qisaasa" keessa lubbuu (du’a) irraa baraaruutu isiniif jiraAkka isin ajjeechaa irraa eeggattaniif (kana goone).
Jiini Ramadaanaa isa Qur’aanni namootaaf qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) ta’e keessa buufameedhaNamni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomuNamni dhukkubsataa yookiin kara deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira)Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessuu hin fedhuAkka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi waan isin qajeelcheef akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone).
Halkan soomaa gara dubartoota (niitiwwan) keessanii dhaquun (qunnamtii saalaa gochuun) isiniif hayyamameeraIsaan isiniif uffata; isiniis isaaniif uffataRabbiin akka isin lubbuu keessan ganaa turtan beekee tawbaa keessan isin irraa qeebalee dhiifamas isiniif godheAmma isaan waliin qunnamtii saalaa godhaa; (ilmaan irraa) waan Rabbiin isiniif katabe barbaaddadhaaHanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda fooyamutti nyaadhaatii dhugaaErgasii hanga halkaniitti sooma keessan guutaaOdoo masjiidoota keessa i’itikaafa taa’aa jirtanuu isaan waliin qunnamtii saalaa hin raawwatinaaSun daangaawwan Rabbiitii isheetti hin dhihaatinaaAkka Isa sodaataniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa namootaaf ibsa.
آية رقم 192
Yoo isaan (waraana) dhaabanii amantii seenan Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.
Baatiin kabajamaan baatuma sana keessa (galata galfama); kabajaan gamaa gamanaayi (yoo isaan baaticha san kabajan isiniis kabajju)Nama isin irratti daangaa dabre isinis fakkaatuma waan inni isin irratti daangaa dabreetiin isa irratti daangaa dabraaRabbiin sodaadhaa; Rabbiin warra Isa sodaatuu wajjiin ta’uus beekaa.
Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaaYoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa)Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’uttis mataa keessan hin haaddatinaaNamni isin irraa dhukkubsate yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasuYeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jiraNamni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu)Sun (guyyaa) kudhan guutuudha(Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif qofaRabbiin sodaadhaa; adabbiin Rabbii cimaa ta’uus beekaa
Namoonni amantii tokkicha irra turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee ergeIsaan waliinis kitaaba akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf dhugaan buuseWarra inni kennameef qofatu erga ragaawwan ifa ta’an isaaniif dhufanii booda wal jibbaa gidduu isaanii jiru irraa kan ka’e wal dhabeRabbiin fedha Isaatiin warra amanan gara dhugaa waan isaan irratti wal dhabanii qajeelcheRabbiin nama fedhe gara karaa sirraawaa qajeelcha.
Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatuJedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadhaKaraa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, namoota Masjidal Haraam irraa dhorguuniifi jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadhaShirkiitu ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadhaYoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deemanNamni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirtiAmmas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.
Hanga isaan amananutti (dubartoota) mushrikaa hin fuudhinaaOdoma isheen isin gammachiifteeyyuu gabrittii mu’uminaatu mushrika caaltiYoo amanan malee dhiira mushrikootaattis hin heerumsiisinaaOdoma (inni) isin gammachiiseeyyuu gabricha mu’uminaatu mushrika irra caalaWarri sun gara ibiddaatti waamu; Rabbiin immoo heyyama isaatiin gara jannataafi araaramaatti waamaHaa xiinxalaniif jecha aayatoota isaa namootaaf ibsa.
Dubartoonni hiikaman xurii laguu sadi ofii isaaniitiif eeguu qabuYoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanan ta’an waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaala mitiYeroo san keessatti yoo tolchuu fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhirsota isaaniitiIsaaniifis (mirga) fakkaataa akka (dirqama) isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jiraDhiironni isaan irra sadarkaa qabuRabbiinis hunda injifataa, ogeessa.
Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama.[] Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudhaIsin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamuYoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin of baafte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiruKun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaa Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha.
Yeroo dubartoota hiiktanii beellamni isaaniis ga’e; bifa gaariin isaan qabadhaa yookiin bifa gaariin isaan gaggeessaaRakkisuudhaan akka daangaa isaanitti dabartaniif isaan hin qabatinaaNamni sana hojjate, dhugumatti lubbuu ofii miidheeraKeeyyattoota Rabbiis qishinaa hin taasifatinaaNi’imaa Rabbii kan isin irra jirtuufi kitaaba (Qur’aana)fi hikmaa (Sunnaa) irraas waan Inni isin irratti buuse kan ittiin isin gorsu yaadadhaaRabbiin sodaadhaasAkka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa.
Nama yeroo hoosisaa guutuu fedheef haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisuSoorataafi uffata isaanii (haadholeef) akka dandeettii isaatiin kennuun nama ilmi isaaf dhalate (abbaa) irra jiraLubbuun tokkos dandeettii isheetii ol hin dirqisiifamtuHaati sababaa ilma isheetiin hin rakkifamtu; namni ilmi isaaf dhalates (abbaanis) sababaa ilma isaatiin (hin rakkifamu)Nama (abbaa) dhaalu irras fakkaataa sanaatu jiraYoo isaan lamaan fedha isaaniitiifi wal mariin guusisuu fedhan, badiin isaan irra hin jiruYoo ilmaan keessaniif hoosiftuu gootanii hoosisuu feetanis, yoo waan kennitan akkaataa gaariin kennitan, badiin isin irra hin jiruRabbiin sodaadhaa, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’uu beekaa.
Waan dubartoota (dhirsi irraa du’e iddaan isaanii xumuramuu dura) mallattoon isaan dubbatachuu mul’iftan yookiin (waan) onnee keessan keessatti dhoksitan keessatti badiin isin irra hin jiruAkka isin isaan dubbatuuf jirtan Rabbiin beekeeraGaruu yoo jecha beekamaa jechuu ta’e malee, iccitiidhaan waadaa waliif hin seeninaaHanga beellamni daangaa ga’utti nikaah hidhuu hin murteessinaaRabbiin waan lubbuu keessan keessa jiru beekaa ta'uus beekaa; Isa sodaadhaaRabbiin araaramaa, obsaa ta’us beekaa.
Dubartoota odoo isaan hin tuqin yookiin mahrii isaaniis isaaniif hin murteessin yoo hiiktan badiin isin irra hin jiru; kennaa itti fayyadaman isaaniif kennaaNamni qabu akkaatuma dandeettii isaatiin, kan hin qabnes akkaatuma dandeettii isaatiin bifa gaariin kennaa isaan itti fayyadamanu (kennuu qaba)Kuni warra toltuu hojjatan irratti dirqama.
Odoo mahrii isaaniif murteessitanii jirtanuu isaan tuquun dura yoo isaan hiiktan, walakkaa waan murteessitaniitu (isheef jira), garuu yoo isaan (duubartoonni) dhiisan yookiin inni hidhaan nikaa harka isaa jiru (dhirsi) dhiise (walakkaan dirqamaa miti)Isin dhiisuutu sodaa (Rabbiitti) irra dhiyoodhaTola giddu keessanii hin irraanfatinaa; Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.
آية رقم 238
Salaatowwan irratti, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti tikfadhaaHaala Rabbiif ajajamoo taataniinis dhaabbadhaa.
Isin irraa isaan du’anii, niitiiwwan of duubatti dhiisan, niitiiwwan isaaniitiif (qabeenya dhiisanii du’an irraa) waan odoo mana isaanii irraa hin baafamne hanga waggaa tokkoo isaan itti fayyadaman isaaniif haa dhaamanYoo isaan (niitiiwwan fedha isaanitiin) bahan, waan shari’aa keessatti beekamaa irraa isaan ofii isaaniitii hojjataniif badiin isin irra hin jiruRabbiinis injifataa, ogeessa.
آية رقم 241
Dubartoota hiikamaniifis wanti isaan ittiin fayyadaman haala sababa qabeessa ta’een kennamuufii qaba(Kun) warraRabbiin sodaatan irratti haqa.
Sila gara qondaaltota Ilmaan Israa’iil irraa ta’an kan booda Muusaa, yeroo isaan nabiyyii isaaniitiin "hogganaa nuuf godhi karaa Rabbii keessatti lollaa" jedhan hin ilaallee? [Inni] "Sila yoo lolli isin irratti murteeffame loluu dhabuu keessan hin sodaattamuu?" jedhe"Odoo manneeniifi ilmaan keenya irraa baafamnee jirruu maaltu nuuf jiraayyi karaa Rabbii keessatti hin lolle?" jedhanYeroma lolli isaan irratti murteeffamus namoota muraasa isaan irraa ta’an malee irraa gara galanRabbiin miidhaa raawwattoota ni beeka.
Nabiyyiin isaaniis isaaniin jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin Xaaluutiin mootii godhee isiniif ramadeera." [Isaan] "Sila odoo nuti mootummaaf isarra abboomnuu, inni qabeenya ga’aas argatee hin beekne akkamiin nurratti mootummaan isaaf ta’a?" jedhanNi jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin isin irra isa filatee beekumsaafi qaama keessattis bal'ina isaaf dabaleRabbiin mootummaa Isaa nama fedheef kennaRabbiin (arjummaan isaa) bal’aa, beekaadha."
Xaaluutis yeroma waraana (isaa) qabatee ba’u ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin laga wahiitiin isin mokkoraadhaNama harka isaatiin hammaarrii tokkittii hammaarrate malee namni isa irraa dhuge anarraayii mitiNamni isa hin dhandhamin immoo anarraayyiMuraasa isaan irraa ta'e malee isa irraa dhuganiYeroma inniifi warri isaa wajjin amanan isa qaxxaamuran, (warri dhugan) ni jedhan: "Har'a Jaaluutiifi waraana isaa irratti dandeettiin nuuf hin jiru." Warri Rabbiin wal qunnamoo ta'uu isaanii dhugoomsan ni jedhan: "Garee muraasa heddutu hayyama Rabbiitiin garee baay’ee injifate." Rabbiinis warra obsan wajjin jira.
Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifneIsaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jiraGarii isaaniis sadarkaa heddu ol kaaseIisaa ilma Maryamiifis ragaawwan ifa ta’an kenninee jirraRuuhii qulqulluunis (Jibriiliiniis) isa jajjabeessineOdoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turanGaruu isaan wal dhabaniIsaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jiraOdoo Rabbiin fedhee, wal hin lolanGaruu Rabbiin waan fedhe hojjata.
Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadhaMugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabatuWanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan IsaatiInni hayyama Isaatiin ala Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beekaBeekumsa Isaa irraas waan Inni fedhetti malee hin marsanuKursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateeraIsaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisuInnis ol ta’aa, guddaadha.
Sila gara isa Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan (waa’ee) Gooftaa isaa keessatti Ibraahiimiin mormee hin ilaallee? Yeroo Ibraahiim "Gooftaan kiyya Isa jiraachisuufi ajjeesu" jedhu "Anis nan jiraachisa; nan ajjeesas" jedheIbraahiim "Dhugumatti, Rabbiin aduu Baha irraa fida; ati immoo Dhiha irraa fidi" jedheAchumaan inni kafare dhama'eRabbiin miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
Yookiin gara namicha haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun ganda irra dhufee "akkamumatti Rabbiin erga du’a isheetii ishee kana jiraachisa!" jedhee (hin ilaallee?) Rabbiiniis waggaa dhibba isa ajjeesee ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen"Guyyaa tokko, yookiingarii guyyaan ture" jedhe(Rabbiiniis) ni jedhe: "Ati waggaa dhibba turteMee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne! Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone)Akkamitti akka walitti qabnuufi ergasii foonis itti uffifnu gara lafees ilaali." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe.
Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka kaaftu natti agarsiisi" jedhes [yaadadhaa](Rabbiiniis) "Sila hin amannee?" jedhe(Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe"Simbira irraa afur gara keetti fuudhii isaan kukkutiSana booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra kaayiErgasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki.
Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan akka isa qabeenya isaa namoonni isaaf haa arganiif arjoomuu fi, Rabbiifi guyyaa Aakhiraattis hin amannetti dhaaddannaafi (nama) rakkisuudhaan hin balleessinaaFakkeenyi isaa akka fakkeenya dhagaa diriiraa biyyeen isa irra jiruu kan bokkaan cimaan isa tuqee (biyyee irraa dhiquun) duwwaa isa hanbiseetiIsaan waan horatan irraa homaa irratti dandeettii hin qabanRabbiinis ummata kaafirootaa hin qajeelchu.
Warri dhala nyaatan (Guyyaa Qiyaama) akka isa shayxaanni maraatummaa irraa isa kukuffisu dhaabbatuutti malee hin dhaabbatanuKunis waan isaan "bittaa gurgurtaan akkuma dhalaati" jedhaniifiRabbiin immoo bittaa gurgurtaa hayyamee dhala dhorgeNamni gorsi Gooftaa isaa irraa itti dhufee (dhala nyaachuu irraa) dhorgame, wanti (dhorgaan dura) darbe kanuma isaatiDhimmi isaas (waan dhufu keessatti) gara RabbiitiNamni (itti) deebi’e immoo isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii wahii yoo walii liqeessitan isa barrreessaaBarreessaan wahiis gidduu keessanitti haqaan haa barreessuBarreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didinHaa barreessu; Inni liqiin isa irra jirus haa dubbisuAllaah gooftaa isaa ta’es haa sodaatuIsa irraas homaa hin hir’isinYoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haa dubbisuRagaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaaYoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaaRagoonnis yeroo waamaman hin didinXiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaaKanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodhaGaruu yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiruYeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaaNamni barreessuufi kan ragaa bahus miidhamuu hin qabuYoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessaniRabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisaRabbiin waan hunda beekaadha.
Rabbiin lubbuu tokkos dandeettii isheetiin ala hin dirqisiisu(Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wamti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a)"Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabinGooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisinGooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisinIrras nuuf dabri; nuuf araaramisRahmatas nuuf godhiAti gargaaraa keenyaUmmata kaafirootaa irrattis nuuf tumsi.
تقدم القراءة