ترجمة معاني سورة الفتح باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
ﰡ
آية رقم 1
ﭑﭒﭓﭔﭕ
ﭖ
(Yaa Muhammad!) Nuti injifannoo ifa ta’e si gonfachiifneerra.
آية رقم 2
Akka Rabbiin dilii kee irraa waan dabreefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi akka karaa qajeelaa si qajeelchuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).
آية رقم 3
ﭧﭨﭩﭪ
ﭫ
Rabbiin tumsa cimaa sii tumsuuf (si injifachiise).
آية رقم 4
Inni Isa tasgabbii onnee mu’uminootaa keessatti buuse(Kunis) akka isaan iimaana isaanii wajjiin iimaana dabalataniifiWaraanni samiifi dachii kanuma RabbiitiRabbiin beekaa ogeessa ta’eera.
آية رقم 5
Mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa jannata isa jala laggeen yaa’an kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan akka seensisuufi ammas hamtuu isaanii isaan irraa haquufiSun Rabbiin biratti milkii guddaa ta’eera.
آية رقم 6
Munaafiqoota dhiiraafi dubartootaa, mushrikoota dhiiraafi dhalaas, isaan Rabbi irratti hamtuu yaadan, isaan irratti marsaan hamtuun taatuudhaDallansuun Rabbii isaan irratti haa jiraatuRabbiin rahmata irraa isaan haa fageessuJahannamiinis isaaniif qopheesseera(Isheen) deebii akkaan fokkattuu dha!
آية رقم 7
Waraanni samiifi dachii (hundi) kan AllaahtiRabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
آية رقم 8
ﯛﯜﯝﯞﯟ
ﯠ
(Yaa Muhammad!) Nuti ragaa, gammachiisaafi sodaachisaa goonee si ergine.
آية رقم 9
(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaahfi ergamaa isaatti amantan, isa guddiftan, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine).
آية رقم 10
Isaan waadaa siif galan, kan isaan waadaa galan RabbiifiHarki Rabbii harka isaanii gubbaadhaNamni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irrattiNama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira.
آية رقم 11
Shanaanota irraa namoonni duubatti hafan “qabeenya keenyaafi maatii keenyatu nu qabe; kanaaf Rabbiin araarama nuuf kadhu” siin jechuuf jiruWaan onnee isaanii keessa hin jirre arraba isaanitiin jedhu(Yaa Muhammad) “yoo Inni miidhaa isin irra geessuu yookiin bu’aa isiniif kennuu fedhe, eenyutu waan Allaahn barbaade gochuu irraa Isa dhorguu danda’a? Garuu Rabbiin waan isin hojjattan beekaa ta’eera” jedhi.
آية رقم 12
Dhugumatti, Ergamaan Rabbiitiifi mu’uminoonni gara maatii isaanii gonkumaa deebi’uu dhabuu yaaddanii turtanSun onnee keessan keessatti miidhagfameeti, yaada hamtuu yaaddanii ummata mancaafamoo taatan.
آية رقم 13
Namni Rabbiifi ergamaa Isaatti hin amanin (kaafira)Nuti kaafirootaaf ibidda boba’aa qopheessinee jirra.
آية رقم 14
Mootummaan samiifi dachii kan Rabbii qofaNama fedheef ni araarama; nama fedhes ni adabaRabbiin araaramaa, mararfataa ta’eera.
آية رقم 15
Isaan duubatti hafan “yeroo gara boojuu, ishee fudhachuuf deemtan isin hordofnaa nu dhiisaa” jedhuJecha Rabbii jijjiiruu fedhu“Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin“Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiruWaa xiqqoo malee hin hubatanu.
آية رقم 16
Shanaanota irraa isaan duubatti hafaniin jedhi: “gara namoota lolatti cimoo ta’aniitti waamamuuf jirtu; isaaniin loltu yookiin harka kennuKana yoo fudhattan, Rabbiin mindaa gaarii isiniif kennaYoo akkuma duraan garagaltanitti ammas garagaltan, Inni adabbii laalessaa isin adaba.
آية رقم 17
(Lola irraa hafuudhaan) jaamaa irra badiin hin jiruHokkolaa irras badiin hin jiruDhukkubsataa irras diliin hin jiruNama Rabbiifi ergamaa isaatif ajajame, (Rabbiin) jannata laggeen ishee jala yaatu isa seensisaNama irraa garagale immoo adabbii laalessaa isa adaba.
آية رقم 18
(Yaa Muhammad!) Rabbiin mu’uminoota yeroo isaan muka jalatti waadaa siif galan irraa jaallateeraWaan onnee isaanii keessa jirus beekeeraTasgabbii isaan irratti buusee injifannoo dhihoo ta’e (sulhii hudeebiyaa) isaaniif galata galche.
آية رقم 19
Boojii baay’ee ta’e kan isaan fudhatanis (galata galche)Rabbiin injifataa, ogeessa ta’eera.
آية رقم 20
Rabbiin boojii baay’ee kan ishee fudhattan waadaa isiniif galeeraIshee kana immoo isiniif jarjarseHarka namootaas isin irraa qabe(Kanas kan godhe) akka isheen mu’uminootaaf mallattoo taatee, karaa qajeelaas isin qajeelchuuf.
آية رقم 21
(Injifannoofi boojii) biraa kan to’annaa keessan jala hin jirre kan Rabbiin dhugumatti ishee marsetu jiraRabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
آية رقم 22
Isaan kafaran odoo isinin lolaniiyyuu, dugda garagalanii eegasii tiksaafi tumsaa hin argatanu ture.
آية رقم 23
Karaa Rabbii kan dhugumatti duraan dabarte (karaa godhe)Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.
آية رقم 24
Innis Isa Laga Makkaa keessatti erga isaan irratti isin moosisee booda harka isaanii isin irraa, harka keessanis isaan irraa qabeedhaRabbiin waan isin hojjattan argaa ta’eera.
آية رقم 25
Isaan warra kafaranii, masjiida kabajamaa (seenuu) irraa isin dhorganii, horii wareegaas akka iddoo qalma isaanii hin geenye dhorgamaa godhaniidhaOdoo dhiirotiin mu’uminoota ta’aniifi dubartoonni mu’uminoota ta’an kan isin hin beekne jiraachuu baatanii; isin isaan irra ejjachuun (ajjeesuun) jiraachuu baatee; odoo hin beekin isaan irraa rakkinni (diliin) isin tuquun jiraachuu baatee (Rabbiin isiniif hayyama ture)Rabbiin nama fedhe rahmata Isaa keessa seensisuuf (hin hayyamini)Odoo (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahanii silaa isaan irraa warra kafaran adabbii laalessaa ta’een adabna turre.
____________________
معكوفا لم يذكر
____________________
معكوفا لم يذكر
آية رقم 26
Yeroo warri kafare qalbii isaanii keessa haaloo, hinaaffaa wallaaltotaa godhee, Rabbiin tasgabbii isaa ergamaa isaatiifi mu’uminoota irratti buusee, jecha sodaa (Isaa) isaan qabachiise [yaadadhu]Isaanumatu ishee haqa godhatee, warra ishee ta’eRabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
آية رقم 27
Rabbiin ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugoomsee jiraYoo Rabbiin fedhe nagayaan mataa keessan haaddachaa, (gariinis) gabaabsachaa, odoo hin sodaanne masjiida kabajamaa seenuuf jirtuInni (Rabbiin) waan isin hin beekin beekeeti sanaa asitti injifannoo dhihoo (araara hudeeybiyaa) godhe.
آية رقم 28
Inni Isa ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii dhugaatiin, amantii hunda irratti ol isa taasisuuf jecha ergeedhaRagaaf Rabbiin qofti ga’aadha.
Muhammad ergamaa RabbiitiWarri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodhaTolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argitaMallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jiraSun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaatiFakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti(Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufiRabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira
تقدم القراءة