ترجمة معاني سورة هود باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
الترجمة الإنجليزية - صحيح انترناشونال
المنتدى الإسلامي
الترجمة الإنجليزية
الترجمة الفرنسية - المنتدى الإسلامي
نبيل رضوان
الترجمة الإسبانية
محمد عيسى غارسيا
الترجمة الإسبانية - المنتدى الإسلامي
الترجمة الإسبانية (أمريكا اللاتينية) - المنتدى الإسلامي
المنتدى الإسلامي
الترجمة البرتغالية
حلمي نصر
الترجمة الألمانية - بوبنهايم
عبد الله الصامت
الترجمة الألمانية - أبو رضا
أبو رضا محمد بن أحمد بن رسول
الترجمة الإيطالية
عثمان الشريف
الترجمة التركية - مركز رواد الترجمة
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة التركية - شعبان بريتش
شعبان بريتش
الترجمة التركية - مجمع الملك فهد
مجموعة من العلماء
الترجمة الإندونيسية - شركة سابق
شركة سابق
الترجمة الإندونيسية - المجمع
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الإندونيسية - وزارة الشؤون الإسلامية
وزارة الشؤون الإسلامية الأندونيسية
الترجمة الفلبينية (تجالوج)
مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - دار الإسلام
فريق عمل اللغة الفارسية بموقع دار الإسلام
الترجمة الفارسية - حسين تاجي
حسين تاجي كله داري
الترجمة الأردية
محمد إبراهيم جوناكري
الترجمة البنغالية
أبو بكر محمد زكريا
الترجمة الكردية
حمد صالح باموكي
الترجمة البشتوية
زكريا عبد السلام
الترجمة البوسنية - كوركت
بسيم كوركورت
الترجمة البوسنية - ميهانوفيتش
محمد مهانوفيتش
الترجمة الألبانية
حسن ناهي
الترجمة الأوكرانية
ميخائيلو يعقوبوفيتش
الترجمة الصينية
محمد مكين الصيني
الترجمة الأويغورية
محمد صالح
الترجمة اليابانية
روايتشي ميتا
الترجمة الكورية
حامد تشوي
الترجمة الفيتنامية
حسن عبد الكريم
الترجمة الكازاخية - مجمع الملك فهد
خليفة الطاي
الترجمة الكازاخية - جمعية خليفة ألطاي
جمعية خليفة الطاي الخيرية
الترجمة الأوزبكية - علاء الدين منصور
علاء الدين منصور
الترجمة الأوزبكية - محمد صادق
محمد صادق محمد
الترجمة الأذرية
علي خان موساييف
الترجمة الطاجيكية - عارفي
فريق متخصص مكلف من مركز رواد الترجمة بالشراكة مع موقع دار الإسلام
الترجمة الطاجيكية
خوجه ميروف خوجه مير
الترجمة الهندية
مولانا عزيز الحق العمري
الترجمة المليبارية
عبد الحميد حيدر المدني
الترجمة الغوجراتية
رابيلا العُمري
الترجمة الماراتية
محمد شفيع أنصاري
الترجمة التلجوية
مولانا عبد الرحيم بن محمد
الترجمة التاميلية
عبد الحميد الباقوي
الترجمة السنهالية
فريق مركز رواد الترجمة بالتعاون مع موقع دار الإسلام
الترجمة الأسامية
رفيق الإسلام حبيب الرحمن
الترجمة الخميرية
جمعية تطوير المجتمع الاسلامي الكمبودي
الترجمة النيبالية
جمعية أهل الحديث المركزية
الترجمة التايلاندية
مجموعة من جمعية خريجي الجامعات والمعاهد بتايلاند
الترجمة الصومالية
محمد أحمد عبدي
الترجمة الهوساوية
الترجمة الأمهرية
محمد صادق
الترجمة اليورباوية
أبو رحيمة ميكائيل أيكوييني
الترجمة الأورومية
الترجمة التركية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفرنسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإندونيسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفيتنامية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة البوسنية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الإيطالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفلبينية (تجالوج) للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
الترجمة الفارسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
مركز تفسير للدراسات القرآنية
Dr. Ghali - English translation
Muhsin Khan - English translation
Pickthall - English translation
Yusuf Ali - English translation
Azerbaijani - Azerbaijani translation
Sadiq and Sani - Amharic translation
Farsi - Persian translation
Finnish - Finnish translation
Muhammad Hamidullah - French translation
Korean - Korean translation
Maranao - Maranao translation
Abdul Hameed and Kunhi Mohammed - Malayalam translation
Salomo Keyzer - Flemish (Dutch) translation
Norwegian - Norwegian translation
Samir El - Portuguese translation
Polish - Polish translation
Romanian - Romanian translation
Elmir Kuliev - Russian translation
Albanian - Albanian translation
Tatar - Tatar translation
Japanese - Japanese translation
محمد جوناگڑھی - Urdu translation
Ma Jian - Chinese translation
Turkish - Turkish translation
King Fahad Quran Complex - Thai translation
Ali Muhsin Al - Swahili translation
Abdullah Muhammad Basmeih - Malay translation
Hamza Roberto Piccardo - Italian translation
Indonesian - Indonesian translation
Bubenheim & Elyas - German / Deutsch translation
Bosnian - Bosnian translation
Hasan Efendi Nahi - Albanian translation
Sherif Ahmeti - Albanian translation
Sahih International - English translation
Czech - Czech translation
Abul Ala Maududi(With tafsir) - English translation
Tajik - Tajik translation
Alikhan Musayev - Azerbaijani translation
Muhammad Saleh - Uighur; Uyghur translation
Abdul Haleem - English translation
Mufti Taqi Usmani - English translation
Muhammad Karakunnu and Vanidas Elayavoor - Malayalam translation
Sheikh Isa Garcia - Spanish; Castilian translation
Divehi - Divehi; Dhivehi; Maldivian translation
Abubakar Mahmoud Gumi - Hausa translation
Mahmud Muhammad Abduh - Somali translation
Knut Bernström - Swedish translation
Jan Trust Foundation - Tamil translation
Mykhaylo Yakubovych - Ukrainian translation
Uzbek - Uzbek translation
Diyanet Isleri - Turkish translation
Ministry of Awqaf, Egypt - Russian translation
Abu Adel - Russian translation
Burhan Muhammad - Kurdish translation
Dr. Mustafa Khattab, The Clear Quran - English translation
Dr. Mustafa Khattab - English translation
الترجمة الإنجليزية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الفرنسية - محمد حميد الله
الترجمة البوسنية - مركز رواد الترجمة
الترجمة الصربية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة الألبانية - مركز رواد الترجمة - جار العمل عليها
الترجمة اليابانية - سعيد ساتو
الترجمة التاميلية - عمر شريف
الترجمة السواحلية - عبد الله محمد وناصر خميس
الترجمة اللوغندية - المؤسسة الإفريقية للتنمية
الترجمة الإنكو بامبارا - ديان محمد
الترجمة العبرية
الترجمة الإنجليزية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الروسية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة البنغالية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة الصينية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
الترجمة اليابانية للمختصر في تفسير القرآن الكريم
ترجمة معاني القرآن الكريم - عادل صلاحي
عادل صلاحي
ﰡ
آية رقم 1
Alif Laam Raa(Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, sana booda (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraa addaan baafamteedha
آية رقم 2
“Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte)Dhugumatti, ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha
آية رقم 3
“Gooftaa keessanis araarama kadhadhaa; ergasiis gara Isaatti tawbaa deebi’aaInni hanga beellama beekamaatti qananii bareedaa isin qanansiisaAbbootii tolaa hundaafis tola (mindaa) isaa ni kenna” jechuun (addaan baafamte)Yoo (irraa) gara galan, ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.
آية رقم 4
Deebiin keessan gara RabbiittiInnis waan hunda irratti danda’aadha
آية رقم 5
Dhagayaa! Dhugumatti, isaan Isa jalaa dhokachuuf qoma isaanii maruDhagayaa! yeroo isaan uffata isaanii haguuggatan, (Rabbiin) waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekaDhugumatti, Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti
آية رقم 6
Lubbu qabeeyyiin tokkollee sooranni ishee Rabbi irratti ta’u malee dachii keessatti hin taaneIddoo jireenya isheetiifi iddoo du’a ishees ni beekaHundumtuu kitaaba ifa ta’e keessa jira
آية رقم 7
Inni (Rabbiin) Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumeedhaArshiin Isaas bishaan gubbaa tureEenyuu keessantu dalagaan isaa irra gaarii ta’uu isin qormaatuuf (isaan uume)Yoo ati “Dhugumatti isin du’a booda kaafamoodha” jetteen, isaan kafaran “kun sihrii ifa ta’e malee waan biraatii miti” jedhu
آية رقم 8
Adabichas yoo hanga beellama murtaa’eetti isaan irraa tursiifne, “maaltu isa qabe (tursiise)?” jedhuDhagayaa! guyyaa inni isaanitti dhufu, isaan irraa deebifamaa mitiWanti isaan ittiin qishinaa turanis isaanitti marsee jira.
آية رقم 9
Yoo Nuti rahmata Nu biraa ta’e Nama dhandhamsiifnee ergasii isa irraa mulqine, (abdii muratee itti kafara)Dhugumatti inni hedduu abdii murataa, hedduu kafaraadha
آية رقم 10
Yoo Nuti eega rakkoon isa mudatee booda qananiiwwan isa dhandhamsiifne, dhugumatti “hamtuuwwantu narraa deeme” jedhaDhugumatti, inni akkaan gammadaa, akkaan dhaaddataadha.
آية رقم 11
Garuu isaannan obsaniifi toltuuwwan dalagan warri sun araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
آية رقم 12
“Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuu isaanii sodaachuuf jecha garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatamaAti akeekkachiisaa qofaRabbiin wanta hunda irratti tiksaadha
آية رقم 13
“Inumaayyuu isatu (Qur’aana) of biraa uume” jedhuu? “yoo kan dhugaa dubbattan taatan Rabbiin ala waan dandeessan waamadhaatii, suuraa kudhan kan (isin biraa) uumamtuu taate kan isa fakkaattu fidaa” jedhiin.
آية رقم 14
Yoo isaan isiniif hin awwaatin, inni (Qur’aanni kun) kan buufame beekumsa Rabbiitiin akka ta’eefi Isa malees gabbaramaan haqaa akka hin jirre beekiSila isin Muslima hin taatanuu? (Muslima ta’aa jedhiin).
آية رقم 15
Namni jireenya Addunyaatiifi miidhagina ishee fedhe, Nuti dalagaa isaanii ishee keessatti guunnee isaaniif kenninaIsaanis ishee keessatti hin hir’ifamanu.
آية رقم 16
Isaan sun warra Aakiraatti ibidda malee homtuu isaaniif hin jirreedhaWanti isaan ishee keessatti dalaganis ni badeWanti isaan dalagaa turanis badaadha
آية رقم 17
Sila namni ragaa mul’ataa Gooftaa isaa biraa ta’e irra jiru, kan ragaan Isa (Allaah) irraa ta’e isa hordofuufi isa duras kitaabni Muusaa kan hogganaafi rahmata ta’ee (ragaa isaaf ba’e) (akka nama jiruu addunyaa fedhuu ni ta’aa)? Warri sun isatti (Qur’aanatti) ni amanuAhzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaatiIsa irraa shakkii keessatti hin ta’inDhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’eedhaGaruu irra hedduun namootaa hin amananu
آية رقم 18
Isa Rabbi irratti kijiba uume irra namni of miidhe eenyu? Warri sun Gooftaa isaanii irra fidamuRagoonnis “isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha” jedhuDhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu.
آية رقم 19
Isaanis warra karaa Rabbii irraa (namoota) deebisaniifi dabiinsa ishees fedhaniidhaIsaan isaanumatu Aakiraattis kaafiroota
آية رقم 20
Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turreRabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin turreAdabichis dachaa isaaniif godhama(Haqa) dhagahuus kan danda’an hin turre; kan arganis hin turre.
آية رقم 21
Warri sun isaan lubbuu isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.
آية رقم 22
Dhugumatti, isaan isaanumatu Aakiraatti hoonga’oota, jechuutti Shakkiin hin jiru.
آية رقم 23
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataatiIsaan ishee keessatti hafoodha.
آية رقم 24
Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaatiSila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?
آية رقم 25
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra(Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
آية رقم 26
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Dhugumatti, ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”
آية رقم 27
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarruGadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarreIsiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarreInumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” jedhan.
آية رقم 28
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
آية رقم 29
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyya Rabbiin qofa irra jiraAnis ari’aa warra amananiitii mitiDhugumatti, isaan Gooftaa isaanii wajjin wal qunnamoodhaGaruu ani ummata wallaalaa ta’uun isin arga
آية رقم 30
Yaa ummata kiyya! Yoo ani isaan ari’e, (adabbii) Rabbii jalaa maaltu na baraarsa? Sila homaa hin gorfamtanuu?
آية رقم 31
Ani kuusaan qabeenya Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhuGaybii (wanta fagoos) hin beekuAni maleeykaa dhas isiniin hin jedhuIsaannan ijji keessan tuffattu (xinneessituu)nis Rabbiin toltuu isaaniif hin kennu hin jedhuRabbiin waan lubbuu isaanii keessa jiru irra beekaadhaYoo san, ani dhugumatti warra miidhaa hojjatan irraayyi.”
آية رقم 32
[Isaan] “yaa Nuuh! Ati dhugumatti nu mormitee jirtaMormii keenyas baay’essitee jirtaYoo warra dhugaa dubbatan irraa taate, waan nuun sodaachiftu sana nutti fidi” jedhan.
آية رقم 33
Isa kana kan isinitti fidu Rabbuma qofaYoo fedhes (ni ariifachiisa)Isinis kan dadhabsiiftan hin taane” jedhe.
آية رقم 34
“Yoo an isin gorsuu fedhes, yoo Rabbiin isin jallisuu fedha ta’e gorsi koo isin hin fayyaduInni Gooftaa keessaniGaruma isaa qofa deebitus” jedhe.
آية رقم 35
Sila “(Muhammad) isa (Qur’aana) of irraa uume” jedhuu? “Yoo ani of irraa isa uume, badiin kiyya anuma irra jiraAnis badii isin hojjattan irraa qulquulluudha” jedhiin.
آية رقم 36
Gara Nuuhittis akkana jechuun beeksisa goone: “Dhugumatti, warra kana dura amanan malee ummata kee irraa kana booda homtuu hin amanu;Kanaaf waan isaan hojjatanitti hin gaddin
آية رقم 37
Doonis ilaalcha (tika) keenyaafi ajaja keenyaan hojjadhuWarra miidhaa dalagan keessatti natti hin dubbatinDhugumatti, isaan bishaanin dhidhimfamoodha.”
آية رقم 38
Innis (Nuuhis) doonii hojjata (ture)Dhawaatuma qondaalonni ummata isaa irraa ta’an isa irra qaxxaamuraniin, isatti qishinuInnis ni jedhe: “Yoo isin nutti qishintanis nutis akkuma isin qishintan isinitti qishinuuf jirra.
آية رقم 39
Namni adabbiin isa salphisu itti dhufuufi adabbiin itti fufaanis isa irra qubatu eenyu akka ta’e beekuuf jirtu.”
آية رقم 40
Yeroma ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (keessaa bishaan) burqe “Wantoota hunda irraa (saala) lama lama (kormaafi dhalaa), maatii keetis nama jechi (adabaa) isa irratti dabre malee, namoota amananis ishee keessatti fe’i” isaan jenneIsa waliinis namoota muraasa malee (baay’een) hin amanne.
آية رقم 41
“Haala deemsi isheetiifi dhaabbatiinsi ishees maqaa Rabbiitiin taa’een, ishee yaabbadhaaDhumatti Rabbiin kiyya araaramaa, rahmata godhaadha
آية رقم 42
Isheenis danbalii akka gaaraa keessa isaanin adeemtiNuuhis ilma isaa(doonittii irraa) fagoo tureen “Yaa ilma kiyya! Nu waliin yaabbadhuWarra kafaran wajjinis hin ta’in” jechuun lallabe.
آية رقم 43
(Ilmi isaas) ni jedhe: “Ani fuula dura gara gaara bishaan jalaa na baraarsuun qubadha.” (Nuuhis) ni jedhe: “Har’a wanti ajaja Rabbii irraa nama baraarsu hin jiru; nama Rabbiin rahmata isaaf godhe malee.” Danbaliinis gidduu isaanii haguugeInni warra bishaaniin nyaataman irraa ta’e.
آية رقم 44
Ni jedhames: “Yaa dachii! Bishaan kee liqimsiYaa samii! (Bokkaa kee) qabadhu.” Bishaanis xuuxamee hir’ateMurtiin Rabbiis (adabichis) ni raawwatameIsheenis tabba juudiyyi jedhamu irra dhaabbatteNi jedhames: “(rahmata Rabbii irraa) Fageenyi ummata miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu!”
آية رقم 45
Nuuhis Gooftaa isaatti lallabee, “Gooftaa kiyya! dhugumatti, ilmi kiyya maatii kiyya irraayiWaadaan keetis dhugaadhaAtis irra haqa murteessaa abbootii murtiiti” jedhe.
آية رقم 46
(Rabbiinis) “Yaa Nuuh! dhugumatti, inni maatii kee irraa mitiInni hojii gaarii hin ta’iniidhaKanaafuu waan beekumsa itti hin qabne na hin gaafatinAni akka ati wallaaltota irraa hin taanen si gorsa” jedhe.
آية رقم 47
(Nuuhis) “Gooftaa kiyya! Ani waan beekumsa itti hin qabne si gaafachuu irraa sittin maganfadhaYoo Ati naaf araaramtee, rahmatas naaf hin godhin, warra hoonga’an irraan ta’a” jedhe.
آية رقم 48
“Yaa Nuuh nageenyaa Nu biraa ta’eefi barakaa siifi garii ummata si wajjin jiran irratti ta’een, (doonittii irraa) bu’aa(Sanyii isaanii irraas) ummata fuula dura yeroof isaan qanansiifnee san booda Nu biraa adabbiin dhukkubsaan isaan tuqutu jira” jedhame.
آية رقم 49
Isheen kun oduu fagoo kan gara keetti beeksisa goonu irraayiSis ta’ee ummanni keetis kana dura kan ishee beektan hin turreObsiDhugumatti, booddeen (gaariin) kan warra (Rabbiin) sodataniiti
آية رقم 50
Gara Aadittis obboleessa isaanii Huudiin (erginee jirra)Innis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaGabbaramaan (haqaa) Isa malee isiniif hin jiruIsin kijiba uumoo malee waa biraa hin taane.
آية رقم 51
Yaa ummata kiyya! Ani isa (ergaa qaqqabsiisuu) irratti mindaa isin hin gaafadhuMindaan kiyyas Isa na uume irratti malee hin taaneSila isin hin xiinxaltanii?
آية رقم 52
Yaa ummata kiyya! Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaBokkaa walitti dhaabbataa godhee isiniif ergaaHumna keessan irrattis humna isiniif dabalaaYakkamtoota taatanii irraa gara hin galinaa.”
آية رقم 53
“Yaa Huud! Ati ragaan nutti hin dhufneNutis jecha keetiif jennee gabbaramtoota keenya kan dhiifnu hin taaneNutis siif amanoo miti” jedhan.
آية رقم 54
Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu(Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.
آية رقم 55
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudhaYoo dandeessan) Tooftaa natti baasaa haala huda taataniin; Sana booda yeroo naaf hin kenninaa.
آية رقم 56
Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheeraUumama lubbuu qabu tokkos kan Inni odoo sammuu isaa hin qabin hafe hin jiruDhugumatti, Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira.
آية رقم 57
Yoo gara galtanis, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame dhaqqabsiiseeraGooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusaHomaas Isa hin miitanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.”
آية رقم 58
Yeroo ajajni keenya dhufu, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafneadabbii cimaa ta’e irraas nagaa isaan baafne
آية رقم 59
Isheen sun (ummata) AadiMallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan
آية رقم 60
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanii jiru; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiruDhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.
آية رقم 61
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra)Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruInni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachiseKanaaf araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihoo, awwaataa dhas.”
آية رقم 62
Ni jedhan: “Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turteSila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii guddaa qabna.”
آية رقم 63
(Saalih) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya mee naaf himaa! Yoo ani ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, yoo ani Isa dide Rabbiin jalaa eenyutu na baraarsa? Isin hoongeessuu malee homaa naaf hin dabaltanu.
آية رقم 64
Yaa ummata kiyya! Isheen kun haala mallattoo isiniif taateen gaala RabbiitiDachii Rabbii keessa haa nyaattuu ishee dhiisaa, Hamtuudhaan ishee hin tuqinaa(Yoo akkas gootan) adabbiin dhihoo ta’e isin tuqa.”
آية رقم 65
Ishee ni waraananInnis “Manneen keessan keessa guyyoota sadihiif qanani’aaKun waadaa (adabbii) hin kijibsiifamneedha” jedhe
آية رقم 66
Yeroma ajajni keenya dhufu, Saalihiifi warra isa wajjiin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa (isaan) baafne; xiqqeenya guyyaa sanii irraas (isaan baraarsine)Dhugumatti, Gooftaan kee isatu jabaa, injifataadha.
آية رقم 67
Iyyansi hamaan miidhaa hojjattoota qabattee, manneen isaanii keessatti kan jilbeenfatan ta’anii (du’anii) bariisifatan.
آية رقم 68
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! Dhugumatti Samuud Gooftaa isaaniitti kafaranii jiruDhagayaa! fageenyi Samuudiif haa ta’u!
آية رقم 69
Dhugumatti, ergamtoonni keenya Ibraahiimitti oduu gammachiisaan dhufanii “nagaa (sirratti buufna)” jedhanInnis “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedheOdoo hin turre jibicha waadamaan dhufe.
آية رقم 70
Yeroma harki isaanii gara isaa (nyaatichaa) kan hin geenye ta’uu argu, isaan morme; isaan irraas sodaa dhokfate“Hin sodaatin; nuti gara ummata Luux ergamnee” jedhan.
آية رقم 71
Niitiin isaa dhaabattuu turtee achumaan kolfiteNuti Isihaaqiin, Isihaaq boodas Ya’aquubiin ishee gammachiifne.
آية رقم 72
Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, dhirsi kiyya kunis dullacha ta’ee jiruun da’aa? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”
آية رقم 73
Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Yaa warra manichaa! Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu; dhugumatti, Inni faarfamaa, guddaadha.”
آية رقم 74
Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale
آية رقم 75
ﭼﭽﭾﭿﮀ
ﮁ
Dhugumatti, Ibraahiim obsaa, mararfataa, deebi’aadha.
آية رقم 76
Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara galiDhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jiraIsaanis adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa
آية رقم 77
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate“Kun guyyaa cimaadha” jedhe.
آية رقم 78
Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufanSana duras gocha fokkataa kan raawwatanu turan(Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan) isiniif qulqulluudhaRabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessattis na hin xiqqeessinaaSila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
آية رقم 79
Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa fedha hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu sirritti beekta.”
آية رقم 80
Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara gosa jabduu hirkadhee (isinin adabbii ture).”
آية رقم 81
(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anuMaatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemiNiitii kee malee Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anneDhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadhaBeellamni isaaniis bariidhaSila bariin dhihoo mitii?”
آية رقم 82
Yeroo ajajni keenya dhufu, gubbaa ishee (magaalattii) jala ishee taasifnee, Ishee irrattis dhagaa dhoqqee gubamaa wal hordofaa irraa ta’e ishee irratti roobsifne.
آية رقم 83
(Dhagattiin) Gooftaa kee biratti kan mallatteeffamte taatee (ishee roobsine)Isheen miidhaa hojjattoota irraa fagoo miti.
آية رقم 84
Gara Madyanis obboleessa isaanii Shu’aybiin (erginee jirra)“Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraaIsa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSafaraafi madaala hin hir’isinaaAni qabeenya keessattin isin argaaraDhugumatti ani adabbii guyyaa marsaa ta’een isin irratti sodaadha
آية رقم 85
Yaa ummata kiyya! Safaraafi madaalas haqaan guutaaNamoota jalaas wantoota isaanii hin hirdhisinaa; dachii keessattis balleessitoota taatanii badii hin facaasinaa
آية رقم 86
Yoo mu’uminoota taataniif waan Rabbi isiniif hambisetu isiniif caala; Anis isin irratti eegaa miti.”
آية رقم 87
Ni jedhan: “Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu waan abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnu yookiin akka nuti qabeenya keenya irratti akka feene hin dalagne si ajajjii? Dhugumatti, ati simatu obsaa, qajeelaa dha!”
آية رقم 88
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoon ragaa ifa ba’aa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, innis kennaa gaarii Isa biraa ta’e naaf kenne, (sila qabeenya karaan alaatiin walitti makuun qabaa)Ani waanin irraa isin dhorge (hojjachuun) isin faallessuu hin fedhuAni hangan danda’een (isin) tolchuu malee hin fedhuHaqa qunnamuun kiyyas Rabbi irraa malee hin taaneIsa irratti hirkadhe; garuma isaan deebi’a.
آية رقم 89
Yaa ummata kiyya! ana faallessuun akka fakkaataa waan ummata Nuuh yookiin ummata Huud yookiin ummata Saalih tuqee isin tuquu irratti isin hin kaasneUmmanni Luuxis isin irraa fagoo miti.
آية رقم 90
Gooftaa keessan araarama kadhaaErgasii gara Isaa deebi’aaDhugumatti, Gooftaan kiyya rahmata godhaa, jaallataadha.”
آية رقم 91
“Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannuNu keessatti dadhabaa taateetiin si arginaOdoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turreAti nurratti jabaa miti” jedhan.
آية رقم 92
Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Sila gosa kiyyatu Rabbi irra isinitti jabaataa? Duuba keessan irraan gara dugdaa Isa gootanDhugumatti, Gooftaan kiyya waan isin dalagdanutti marsaadha.
آية رقم 93
Yaa ummata kiyya! Isin sadarkaa keessaniin hojjadhaa; Ani hojjataadhaNama adabbiin isa xiqqeessu isatti dhufuufi nama isa kijibaa ta’e fuula dura beektuIsinis eegaa! Ani isin waliin eegaadha.”
آية رقم 94
Yeroma ajajni keenya dhufu, Shu’aybiifi warra isa waliin amanan rahmata Nu biraa ta’een nagaa baafnee, warra miidhaa hojjatanis iyyansi cimaan ni qabdeManneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta’anii (du’anii) bariisifatan
آية رقم 95
Akka waan ishee keessa hin jiraatinii ta’anDhagayaa! akkuma Samuud fagaatte! Madyaniif fageenyi haa ta’u
آية رقم 96
ﯰﯱﯲﯳﯴﯵ
ﯶ
Dhugumatti, Muusaa keeyyattoota keenyaafi ragaa ifa ta’een erginee jirra
آية رقم 97
Gara Fir’awniifi qondaalota isaa (ergine)Ajaja Fir’awni hordofanAjajni Fir’awnis sirrii miti.
آية رقم 98
Guyyaa Qiyaamaa ummata isaa dursee, ibidda isaan seensisa(Inni) seensa seenamaa (ta’uun isaa) waa fokkate!
آية رقم 99
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifamanGuyyaa Qiyaamaas (akkasuma)Badhaasni badhaafaman waa fokkate!
آية رقم 100
Kun oduu magaalotaa irraayi; isa sirratti odeessinaIshee irraa dhaabbataafi haamamaatu jiru.
آية رقم 101
Nuti isaan hin mine; Garuu isaan lubbuu isaanii miidhanYeroma ajajni Gooftaa keetii dhufu gabbaramtoonni isaanii kan isaan Rabbii gaditti gabbaraa turan homaa isaan hin fayyadneHoongessuu malees homaa isaaniif hin daballe.
آية رقم 102
Qabaan Gooftaa keetiis yeroo magaalota haala miidhaa hojjattuu taateen qabe akkuma kanaDhugumatti, qabaan Isaa laalessaa, jabaadha
آية رقم 103
Dhugumatti, kana keessa namoota adabbii Aakiraa sodaataniif mallattootu jiraSun guyyaa namoonni isaaf walitti qabamaniidha; ammas sun guyyaa dhufamaadha.
آية رقم 104
ﮭﮮﮯﮰﮱ
ﯓ
Beellama lakkaa’amaaf malee isa hin tursiifnu.
آية رقم 105
Guyyaa inni dhufu lubbuun kamillee hayyama Isaatiin ala hin dubbattuIsaan irraas warra hoonga’aafi milkaa’aatu jira.
آية رقم 106
Isaan hoonga’an ibidda keessa ta’uIshee keessatti iyyansaafi himimsaatu isaaniif jira
آية رقم 107
Waan Gooftaan kee fedhe malee, Hanga samiifi dachiin turan ishee keessa kan turan ta’anii (ibidda keessa jiraatu)Dhugumatti, Gooftaan kee waan fedhe hojjataadha
آية رقم 108
Isaan milkeeffaman immoo Jannata keessa jiraatuWaan Gooftaan kee fedhe malee, hanga samiifi dachiin turtu ishee keessatti kan hafan ta’anii (jannata keessa jiraatu)Kennaa addaan hin cinne (kennaman).
آية رقم 109
(Yaa Muhammad!) waan warri sun gabbaran irraa shakkii keessatti hin tahin(Isaan) akkuma abbootiin isaanii duraan gabbaran malee hin gabbaranuDhugumatti, Nutis qooda isaanii odoo hin hir'ifamne guunnee isaaniif kennina.
آية رقم 110
Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineerra; isa keessattis wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabruu baatee silaa gidduu isaaniitti murteeffama tureDhugumatti, isaan isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
آية رقم 111
Dhugumatti hunda isaaniitiif Gooftaan kee dalagaa isaanii isaaniif guutaDhugumatti, Inni waan isaan dalagan beekaadha
آية رقم 112
Akka ajajamtetti gadi dhaabbadhuIsaan si waliin tawbatanis (gadi haa dhaabbatanii)Daangaas hin dabrinaaDhugumatti, Inni waan isin dalagdan argaadha.
آية رقم 113
Gara warra miidhaa hojjatanii hin dabinaa(Yoo akkas gootan) ibiddi isin tuqaRabbiin malees jaalallee biraa hin qabdanErgasii hin tumsamtanu.
آية رقم 114
Qaccee lamaan guyyaatiifi yeroo halkan irraa ta’e salaata dhaabaaToltuuwwan hamtuu ni deemsisuKun warra gorfamaniif gorsa
آية رقم 115
Obsi! Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu.
آية رقم 116
Maaliif jaarraawwan isiniin duraa irraa warri gaariin kan dachii keessatti badii irraa dhorgan hin jiraatin? Garuu xiqqoo warra nuti nagaya baafnee irraa (argamaniiru)Isaan miidhaa hojjatan immoo waan isa keessatti qanansiifaman hordofee yakkamtoota irraa ta’an.
آية رقم 117
Gooftaan kee magaalaa kamillee, odoo jiraattonni ishee warra toltuu hojjatan ta’anii jiranuu, miidhaan ishee hin balleessu
آية رقم 118
Gooftaan kee odoo fedhee, silaa nama hunda ummata tokko taasisa tureWal dhaboo ta’uu irraa hin deemanu
آية رقم 119
Nama Gooftaan kee mararfate malee (waldhabuu irraa hin deman)Kanumaafis isaan uumeJechi Gooftaa keetii “dhugumatti jahannamiin walii gala jinnootaafi namootaa irraa ta’aniin nan guuta” jechuun guutamteetti
آية رقم 120
Oduu ergamtootaa irraa waan ittiin onnee kee raggaasifnu hunda sirratti odeessinaIshee kana keessas dhugaa, gorsaafi yaadachiifni mu’uminootaaf ta’e siif dhufeera
آية رقم 121
Isaan hin amanneenis jedhi: “sadarkaa keessaniin dalagaaNuti dalagoodha.
آية رقم 122
ﮌﮍﮎ
ﮏ
Isinis eegaa! Nutis eegoodha.”
آية رقم 123
Iccitiin samiifi dachii keessaa kanuma RabbiitiDhimmi hundi gara Isaatti deebifamaIsa gabbariIsa irratti hirkadhuGooftaan kee waan isin hojjattan irraa dagataa miti
تقدم القراءة