ترجمة سورة المؤمنون

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة المؤمنون باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Dhugumatti, mu’uminoonni milkaa’an.
Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha
Isaan warra wanta bu’aa hin qabne irraa garagalaniidha.
Isaan warra zakaas raawwataniidha.
Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’aniidha.
Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti maleeDhugumatti, isaan komatamoo miti.
Namni sanaan ala (waan biraa) barbaade, isaan sun daangaa dabroodha.
Isaan warra amaanaa isaaniitiifi waadaa isaaniis tikfatoo ta’aniidha.
Isaan warra salaata isaanii irratti tikfataniidha
Isaan sun isaanuma qofatu dhaaltota (jannataati).
Isaan ishee keessatti hafoo ta'anii Firdawsiin dhaalu.
Dhugumatti, Nuti ilma namaa qulqulluu (cunfaa) dhoqqee irraa ta'e irraa uumne.
Sana booda coba bishaan saalaa kan iddoo tasgabbaa’aa, mijaa'aa (gadaamessa) keessatti isa taasifne.
Sana booda bishaan saalaa dhiiga ititaa taasifne; ergasii dhiiga ititaa muraa foonii taasifne; ergasii foonittii (sana) lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uffifne; sana booda uumama biraa (daa’ima) isa gooneRabbiin irra tolchaa uumtotaa ta’e qulqullaa’e!
Isin sana booda du’oodha.
Sana booda dhugumatti, isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu
Ammas dhugumatti, Nuti gubbaa keessanitti samii torba uumnee jirraNuti uumuu irraa kan dagannu hin taane
Samii irraas bishaan (rooba) hanga barbaachisaa ta’een buufnee ergasii dachii keessa isa kuufneDhugumatti, Nuti isa deemsisuu irrattis danda’oodha.
Isa saniin iddoowwan ashaakiltii kan mukkeen timiraafi inabaa kan isaan keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isinis ishee irraa nyaattan isiniif magarsine
Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa dibatamu biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne).
Dhugumatti, isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jiraWaan garaa isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafnaAmmas isiniif isaan keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jiraIsaan irraas ni nyaattu
Isheefi dooniiwwan irrattis baadhatamtu.
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirraInnis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraaIsa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taaneIsin irra of caalchisuu fedhaRabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa tureWaan kana nuti abbootii keenya durii keessattis hin dhageenye.
Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa mitiKanaafuu hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.”
(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.”
Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhuYeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisiMaatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre maleeWaa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin gaafatinDhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha.
Yeroo atiifi namoonni si waliin jiran doonii gubbaa baatan “Faaruun kan Rabbii Isa namoota miidhaa hojjatan irraa nu baraarseeti” jedhi
Ammas jedhi: “Gooftaa kiyya! Qubsuma barakaa qabu na qubsiisi; Atis irra caalaa qubsiiftotaati.”
Dhugumatti, (adaba ummata Nuuh) kana keessa mallattooleetu jira; Nuti dhugumatti (ummata Nuuhii) qormaatoo taanee jirra.
Sana boodas, isaan duubaan dhaloota biroo uumne.
Isaan keessatti ergamaa isaan irraa ta’e erginee “Rabbiin gabbaraa; Isa malee Gooftaan biraa isiniif hin jiruSila isin (Allaah) hin sodaattanuu?” (jenne).
Ummata isaa kanneen kafaran, kan qunnamtii Aakhiraa sobsiisaniifi jireenya addunyaa keessatti Nuti isaan garmalee duroomsine irraa qondaalonni ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraatii mitiWaan isin nyaattan irraa nyaata; waan isin dhugdan irraas dhuga
Yoo nama akka keessaniitiif ajajamtan, dhugumatti isin yoos hoonga’oodha.
Sila isin erga duutanii biyyeefi lafee taatanii booda deebitanii (qabrii keessaa) baafamtu (jedhee) isin baallamaa?
Wanti isin ittiin dinniinamtan (qabrii irraa kaafamuun) fagaate! fagaate!
Isheen jireenya keenya addunyaa malee kan biraatii mitiNuti ni duuna; ni jiraannasNuti kaafamoo miti.
Inni namicha Rabbi irratti soba odeessu malee waan biraa mitiNutis isaaf amanoo hin taane.”
[Inni] “Gooftaa kiyya! Waan na sobsiisaniif na tumsi” jedhe
(Rabbiinis) “Yeroo muraasa booda, isaan dhugumatti gaabbitoota ta’uuf jiru” jedhe
Iyyi cimaan dhugaadhaan isaan qabatteYoosuu hoomacha isaan gooneUmmatoota miidhaa hojjattootaaf (rahmata Rabbii irraa) fageenyi haa ta’u.
Ergasii, isaan booda dhaloota biroo uumne.
Ummanni kamillee beellama ishee hin dabartu; boodas hin aantu.
Sana booda ergamtoota keenya walduraa duubaan ergineDhawaatuma ummata tokkotti ergamaan ishee dhufuun isa sobsiisuKanaafuu (badii keessatti) garii isaanii garii hordofsiifneOduu odeeffamu isaan taasifneNamoota hin amanneef fageenyi haa ta’u!
Sana booda Muusaafi obboleessa isaa Haaruuniin raajiiwwan keenyaafi ragaa ifa galaan ergine.
Gara Fir’awniifi qondaaltota isaa (ergine)Isaan garuu ni boonan; namoota ol aanoo of taasisan
Ni jedhan: “Sila namoota lama kan nu fakkaataniifi ummanni isaanii nuuf gabbartoota ta'an isaaniif amannaa?"
Kanaafuu isaan lamaan ni sobsiisanWarra balleeffaman irraas ta’an
Akka isaan (haqatti) qajeelaniif jecha dhugumatti, Muusaaf kitaaba kenninee jirra
Ilma Maryamiifi haadha isaatis mallattoo taasifneIsaan lamaanuu gara iddoo ol fuudhamaa; tasgabbiifi burqituu isaan qubsiifnee jirra.
Yaa ergamtoota (kiyya)! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaaDalagaalee gaggaariis hojjadhaaDhugumatti, Ani waan isin hojjattan akkaan beekaadha.
Isheen kun (Rabbii tokkicha gabbaruun) karaa tokko taatee amantii keessaniAnis Gooftaa keessanii ana sodaadhaa
Amantii isaaniis gidduu isaanitti addaan cicciratanGareen hundinuu waan isaan bira jirutti gammadu.
Hanga yeroo murtaa'eetti jallina isaanii keessatti isaan dhiisi.
Sila sababni Nuti qabeenyaafi ilmaan irraa isaaniif daballu (isaaniif gaarii)se’uu?
Toltuuwwan isaaniif ariifachiifna (se'uu?) Lakkii; (Nuti kanaaf hin goone)Garuu isaan hin hubatan.
Dhugumatti, warri sodaa Gooftaa isaanii irraa naasuun jiraatan,
Warri keeyyattoota Gooftaa isaaniittis amanan,
Warri Gooftaa isaaniittis homaa hin qindeessine,
Ammas warri waan kennan onneen isaanii sodaan guutamteefi dhugumaan (qormaataaf) gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan,
Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan ariifatoodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha.
Nuti nama tokkos dandeettii isaatiin ala isa hin dirqisiifnuNu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jiraIsaanis hin miidhamanu.
Dhugumatti onneen isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirtiIsaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan hojjatantu jira.
Yeroma Nuti isaan irraa warra jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan adabaan qabnu, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) sagalee ol fuudhanii iyyu.
Har’a hin iyyinaaDhugumatti, isin Nu irraa tumsa hin argattanu
Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duubatti irraa deebi’aa turtan.
Isaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis ka'abaa biratti (Qur'aana) arrabsitu.
Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe?
Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo?
“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; odoo irra baay’een isaanii dhugaa jibbanuu inni dhugaan isaanitti dhufe.
Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiranis ni badu turanInumaayyuu; nuti Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti, isaan kabajaa isaanii irraa garagalu.
Moo gatii akka siif kafalan isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caalaInnis irra caalaa warra kennaniiti.
Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta.
Dhugumatti Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa akkaan jallatoodha.
Odoma rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu.
Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirraIsaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne
Yeroo balbala adabbii cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan abdii muratoodha.
Innis Isa dhageettii, argaafi onnee isiniif uumeedhaWanti isin galateeffattan xiqqoo qofa
Innis Isa dachii keessa isin facaaseedhaGara Isaattis walitti qabamtu.
Innis Isa jiraachisuufi ajjeesuudhaJijjiiramni halkaniifi guyyaas kan IsaatiSila hin hubattanii?
Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan.
Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, dhugumatti nuti (deebinee) kaafamnaa?
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirraKun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
Jedhi: “Yoo kan beektan taatan dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti?”
“Kan Rabbiiti” jedhu“Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi
“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi.
“Kan Rabbiiti” jechuuf jiru“Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin.
“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan eenyu?” jedhiin.
“Kan Allaahti” jedhu“Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin.
Inumaayyu, Nuti dhugaan isaanitti dhufnee jirraDhugumatti, isaanis sobdoota.
Rabbiin ilma hin godhanneIsa waliinis gabbaramaan tokkoyyuu hin jiru(Odoo jiraatanii) silaa gabbaramaan hundi waan uumeen deemaGariin isaanii garii irratti ol ta’u turanRabbiin waan isaan itti fakkeessan (hunda) irraa qulqullaa’e!
Beekaan waan fagoofi dhihoo sun (qulqullaa’e)Waan isaan itti dabalan irraas ol ta’e!
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Yoo (adabbii) isaaniif waadaa galame natti agarsiifte,
Gooftaa kiyya! (adaba irraa na baraarsi); ummata miidhaa hojjattoota keessas na hin taasisin.”
Dhugumatti, Nutis waan isaaniif waadaa galle si argisiisuu irratti danda’oodha
Hamtuu kamuu ishee irra gaariidhaan deebisiNuti waan isaan jedhan akkaan beekoodha
Jedhi: “Gooftaa kiyya! Ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittin maganfadha!
Gooftaa kiyya! Isaan natti dhufuu irraa Sittin maganfadha.”
Yeroo tokkoon isaaniitti duuti dhufu ni jedha: “Gooftaa kiyya! Na deebisi
Ani waaniin dhiise keessatti gaarii hojjachuun kajeela.” Lakkii! Isheen kun jecha inni ishee jedhu (qofa)Hanga guyyaa kaafamaatti, isaan duuba cufaatu jira.
Yeroo garriin (xurumbaan) afuufame, guyyaa san firummaan gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan.
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha
Namni madaalli (hojii gaarii) isaa salphattes, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessanJahannam keessas yeroo hunda jiraatu
Ibiddi fuula isaanii ni gubdiIsaanis achi keessatti fuulaa fokkatoota.
Sila keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isinis isaan sobsiisaa hin turree?
Isaanis ni jedhan: “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nu injifate; nus ummata jallatoo taane.
Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasiErgasii yoo itti deebine, dhugumatti nutu miidhaa hojjattoota.”
(Rabbiinis) "Salphadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaaAnas hin dubbisinaa" jedha
Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Amannee jirraKanaafuu nuuf araaramii, rahmataas nuuf godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti,
Isinis hanga yaadannoo (faaruu) kiyya isin dagachiisanitti isaanitti qishnaa (baacaa) turtanIsaanittis kolfaa turtan
Dhugumatti, Ani har’a waan isaan obsaniif isaan milkaa’oo ta’uudhaan isaaniif galata galche
(Rabbiin) ni jedhe: “Sila dachii keessa lakkoofsa waggaa hangamii jiraattan?”
[Isaan] ni jedhan: “Nuti guyyaa tokko yookiin garii guyyaa jiraanneWarra lakkaa’an gaafadhu.”
(Rabbiin) ni jedha: “Odoo kan beektan taatanii isin (yeroo) xiqqoo malee hin jiraanne.
Sila Nuti taphumaaf isin uumnee yaadduu? Ammas isin gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadduu”?
Rabbiin mootii dhugaa ta’e, ol ta’eIsa malee Gooftaan biraa hin jiruInni Gooftaa Arshii kabajamaati.
Namni Rabbii wajjin odoo ragaa isa irratti hin qabne, gabbaramaa biraa kadhatu (gabbaru), qormaanni isaa Gooftaa isaa bira jiraDhugumatti, warri kaafaran hin milkaa’anu.
“Gooftaa kiyya! Naaf araarami, rahmatas (naaf) godhiAti irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhi.
Icon