ترجمة معاني سورة الإنفطار باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية
ﰡ
آية رقم 1
ﭑﭒﭓ
ﭔ
Yeroo samiin dhodhoote,
آية رقم 2
ﭕﭖﭗ
ﭘ
Yeroo urjiiwwan harca'an,
آية رقم 3
ﭙﭚﭛ
ﭜ
Yeroo galaanonni walitti makaman,
آية رقم 4
ﭝﭞﭟ
ﭠ
Yeroo qabroonni gara gaggalfamtee du’aa ishee keessa jiru ol baafte,
آية رقم 5
ﭡﭢﭣﭤﭥ
ﭦ
(Yeroo san) lubbuun hundi waan dabarfatte (hojjattee)fi dhiifte ni beekti
آية رقم 6
ﭧﭨﭩﭪﭫﭬ
ﭭ
Yaa namootaa! Gooftaa kee kan Arjaa ta'etti (amanuu irraa) maaltu si gowwoomse?
آية رقم 7
ﭮﭯﭰﭱ
ﭲ
Isa si uumee, ergasii si guutee, si sirreesse,
آية رقم 8
ﭳﭴﭵﭶﭷﭸ
ﭹ
Boca fedhe keessatti walitti si qabe (sanarraa maaltu si gowwoomse)?
آية رقم 9
ﭺﭻﭼﭽ
ﭾ
Dhorgamaa! Dhugumatti, guyyaa murtii ni sobsiiftu.
آية رقم 10
ﭿﮀﮁ
ﮂ
Dhugumatti, isin irra to’attootatu jiru.
آية رقم 11
ﮃﮄ
ﮅ
Kabajamoo, barreessitoota kan ta’an.
آية رقم 12
ﮆﮇﮈ
ﮉ
Waan isin dalagdan ni beeku.
آية رقم 13
ﮊﮋﮌﮍ
ﮎ
Dhugumatti, warri toltuu hojjatan qananii keessa jiraatu
آية رقم 14
ﮏﮐﮑﮒ
ﮓ
Warri hamtuu hojjatan immoo ibidda keessa jiraatu.
آية رقم 15
ﮔﮕﮖ
ﮗ
Guyyaa murtii ishee seenu.
آية رقم 16
ﮘﮙﮚﮛ
ﮜ
Isaan ishee irraa hin fagaatanu.
آية رقم 17
ﮝﮞﮟﮠﮡ
ﮢ
Sila guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
آية رقم 18
ﮣﮤﮥﮦﮧﮨ
ﮩ
Ergasii guyyaan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise?
آية رقم 19
(Inni) guyyaa lubbuun tokko lubbuu biraatiif homaa gochuu hin dandeenyeGuyyaa san ajajni (hundi) kan Rabbiiti.
تقدم القراءة