ترجمة معاني سورة الرّوم باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 1
Alif Laam Miim.
آية رقم 3
Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman)Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni mo’atu
Sana booda booddeen isaan hamtuu dalaganii, sababa waan isaan keeyyattoota Rabbii sobsiisaniifi isheettis kan qishnaa godhan ta’aniif (adabbii) fokkataa ta’e.
آية رقم 12
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, badii raawwattoonni abdii kutatu
Warra isaan Rabbitti dabalan irraa jaarsi araaraa isaaniif hin argamuIsaanis waan isaan Rabbitti qindeessaa turanitti kafaroota (mormitoota) ta’u.
آية رقم 14
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, guyyaa san (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahu
آية رقم 17
Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa).
آية رقم 18
Samiifi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis isa faarsaa.
(Rabbiin) biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuufi san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u ta’uun mallattoolee isaa irraayyi
Hirribni keessan kan halkaniifi guyyaa, tola isaa irraa barbaaddachuun keessanis mallattoolee (dandeettii) Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota dhagahaniif mallattooleetu jira.
(Rabbiin) lubbuma keessan irraa fakkeenya isiniif taasiseSila waan harki mirgaa keessan horatte (Gabroota keessan) irraa soorata isiniif kennine keessatti shariikni isin isa (sooraticha) keessatti walqixa taatanii akka lubbuu keessan (nama gita keessanii) sodaattanitti isa sodaattan, isiniif ni jiraa? Akka kanatti namoota sammuu qabaniif keeyyattoota addeessina.
Gara Isaatti deebi’oo ta’uun (diinii Isaa qabadhaa); Isa sodaadhaaSalaatas (haqaan) sagadaaMushrikoota irraa hin ta’inaa
Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatuSana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise immoo, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
آية رقم 34
Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu)(Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu (addunyaa irratti) qanani’aa
Rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuf, dooniinis ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraas akka barbaaddattaniifi akka Isa galateeffattaniif, gammachiiftuu taasisee qilleensa erguun Isaa mallattoolee Isaa irraayyi.
Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u.
(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane(Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatuAkkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan.
Guyyaa san warra miidhaa hojjatan rakkoo himachuun isaanii (isaan) hin fayyaduIsaan ceephoos hin buufachiifamanu
تقدم القراءة