ترجمة معاني سورة الواقعة باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 5
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
آية رقم 8
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
آية رقم 9
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
آية رقم 10
(Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha.
آية رقم 11
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
آية رقم 16
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu.
آية رقم 17
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
آية رقم 20
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
آية رقم 22
Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
آية رقم 24
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
آية رقم 26
“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
آية رقم 28
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
آية رقم 29
Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
آية رقم 30
Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
آية رقم 31
Bishaan dhangala’u (keessa).
آية رقم 32
Fuduraalee baay’ee (keessa).
آية رقم 33
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
آية رقم 34
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
آية رقم 35
Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
آية رقم 37
Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
آية رقم 38
Warra mirgaatiif (qophaa’an).
آية رقم 39
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
آية رقم 42
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
آية رقم 43
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
آية رقم 44
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
آية رقم 48
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
آية رقم 49
“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
آية رقم 53
Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
آية رقم 55
Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu.
آية رقم 58
Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
آية رقم 62
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
آية رقم 63
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
آية رقم 66
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
آية رقم 67
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
آية رقم 70
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
آية رقم 71
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
آية رقم 73
Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone.
آية رقم 77
Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha.
آية رقم 78
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
آية رقم 82
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
آية رقم 83
Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
آية رقم 86
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
آية رقم 87
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
آية رقم 88
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
آية رقم 89
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
آية رقم 91
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
آية رقم 93
Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
آية رقم 94
Jahiim seenuutu isaaf jira.
آية رقم 95
Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
آية رقم 96
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).
تقدم القراءة