ترجمة معاني سورة الأنعام باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

Odoma maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.
"Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi"RabbumaGidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadhaQur’aanni kunis akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifameSila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jira jettanii ragaa baatuu?" jedhiin"Ani ragaa (akkasii) hin ba’u" jedhi"Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkichaAnis waan isin gabbartan irraa qulqulluudha" jedhi.
Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee, ergasii isaan qindeessaniin "sila warri isin Rabbii wajjin gabbaramoodha jettanii mormaa turtan eessa jiru?" jennuun san [yaadadhu].
Yeroo isaan ibidda irra dhaabamanii "yaa hawwii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee mu'umina irraas taanee" jedhan argitee (waan rifachiisaa argita ture)
آية رقم 55
Akkasumas akka (dhugaan mirkanaa'uu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha keeyyattoota addeessina
Warra amantii isaanii taphaafi qoosaa godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite isaan dhiisiAkka lubbuun waan hojjatteen hin banne isaan (Qur’aanaan) gorsiRabbii gaditti jaalalleefi manguddoonni isaaniif hin taaneLubbuun hundi odoo kafaltii hunda kafalteeyyuu ishee irraa hin fuudhamuIsaan sun warra waan hojjataniin balleeffamaniIsaaniif waan kafaraa turaniif jecha dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaa ta’etu jira.
Jedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda akka isa dhama'aa ta'ee sheyxaanni dachii keessa isa fuudhee, kan isaaf hiriyoonni 'gara keenya kottu' (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san) of duuba deebinaa?" Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)tiNutis Gooftaa aalamatiif akka bullu ajajamnee jirra" jedhi.
Akka (beekee) mirkaneeffattoota irraas ta’uuf jecha, akka kanatti Ibraahiimiin mootummaa samiifi dachii agarsiifne.
Abbootii isaanii, ilmaan isaaniifi obboleeyyan isaanii irraas (qajeelchine)Isaan fillee, gara karaa qajeelaa isaan qajeelchinee jirra.
Yeroo "Rabbiin nama irratti homaa hin buufne" jedhan guddina Isaaf malu Rabbiin hin guddifne"Ifaafi namootaaf qajeelfama haala ta'een kan isin waraqaalee heddu isa gootan kitaaba Muusaan ittiin dhufe eenyutu buuse? (Kan feetan) ishee mul'iftuHeddu immoo ni dhoksituWaan isiniifi abbootiin keessan hin beekne beeksifamtanii jirtan" jedhi"(Kan isa buuse) Rabbuma" jedhiErgasii haala isaan dhara isaanii keessa taphataniin isaan dhiisi.
Nama Rabbi irratti kijiba odeesse yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’anii malaykonnis harka isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu) argitee (dubbii rifachiisaa argita ture).
Dhugumatti isin kophaa taatanii akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugda duuba keessanitti dhiiftanii gara keenya dhuftaniittuNuti manguddoota (taabota) keessan kan isin “kun warra Rabbiin waliin gabbarru” jedhaa turtan isin wajjiin hin arginu(Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeeraWanti isin mormaa turtanis isin jalaa badeera.
Inni (Rabbiin) Isa lubbuu tokko irraa isin uumeedhaBakka ragga'iinsaa (gad-aamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira)Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra.
Inni Isa samii irraa bishaan buuseIsaanis biqilaa waan hundaa baafnee, isa irraahis magariisa baafneIsa irraa firii wal koraa, muka Timiraa irraa, daraaraa ishee irraa yudoo dhihoo taate, ashaakiltii inaba irraa ta'e, zaytuuna, rummaana wal fakkaataafi wal fakkaataa hin taane baafnaMee gara oomisha isaa yeroo inni fireesseefi (gara) bilchina isaas ilaalaaDhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattoowwantu jira.
Odoo inni isaanis uumee jiruu jinnoota Rabbiif shariika taasisan; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) uumanInni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluufi ol ta’aadha.
Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeeraNamni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiif (itti fayyadama)Namni jaames isheedhuma irratti (miidhaa geessisa)Aniis isin irratti tiksaa miti.
آية رقم 105
Akkasumas (akka isaan xiinxalaniifi kitaaba durii) qu'ate jedhaniifi ummata beekaniif immoo ibsuuf keeyyattoota addeessina
Akkuma isaan yeroo jalqabaa isatti hin amanin onnee isaaniitiifi agartuu isaanii gara gaggalchinaKan dhama'an ta'anii jallina isaanii keessatti isaan dhiifna
Guyyaa hunda isaanii walitti qabee "Yaa garee jinnootaa! Namoota daneeffattanii jirtu" (jedhuun yaadadhu)Jaalalleen isaanii kan namoota irraa ta’anis "Gooftaa keenya! gariin keenya gariitti fayyadamne; beellama keenya Ati nuuf beellamtes geenyee jirra" jedhu"Hangi Rabbiin fedhe qofti odoo hafuu, Ibiddi keessatti hafoo taatanii qubannaa keessani" jedhaDhugumatti Gooftaan kee ogeessa, beekaadha.
آية رقم 129
Waan isaan hojjataa turaniif jecha, akka kanatti garii miidhaa hojjattoota garii irratti moosifna.
"Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergam-oonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu)"Nuti lubbuu keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhanJireenyi addunyaas isaan gowwoomsiteDhugumatti, isaan kaafiroota akka turan lubbuu isaanii irratti ragaa ba’an.
Rabbiin isa ashaakiltii sireen godhamuufiifi sireen hin godhamneef uumeedhaMuka timiraa, sanyii dhandhamni wal dhabaa ta'e, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi wal hin fakkaannes (kan uumee dha)Firee isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa haamama isaas haqa isaa (zakaa) kennaa(Kennaan) daangaa hin dabrinaaDhugumatti, Inni warra daangaa dabran hin jaalatu.
Gaala irraas lama, Loon irraas lama (kormaafi dhalaa uume)"Sila (Rabbiin) korma lamaan dhorge moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu walitti qabatte? Moo yeroo Rabbiin kanatti isin ajaju hirmaataa turtani? Nama beekumsa malee namoota jallisuuf jecha Rabbiin irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate hin jiruDhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu."
Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee, inni najisa, yookiin fincila waan Rabbiin alaatiif gorra’ame malee nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu." Namni halaalaa jiruu haraamatti darbuufi nyaata keessatti daangaa dabruun maletti rakkifame dhugumatti, Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha.
Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turreWanta tokkos haraama hin taasifnu turreAkkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan"Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanuIsinis kijiboo malee hin taane" jedhi.
Jedhi: "Kottaa! Waan Gooftaan keessan isin irratti haraama godhen isin irratti qara’a: Isatti waa qindeessuu dhiisuu, abbaafi haadhatti tola ooluu, ilmaan keessan beelaaf jecha hin ajjeesinaa, Nutu isiniifi isaanis soora; wantoota fokkatoo ta’an kan mul’ates ta’ee waan dhokate itti hin dhihaatinaa; lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhes haqaan maleetti hin ajjeesinaaIsa san akka xiinxaltaniif ishee isiniif dhaame.
آية رقم 155
Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedhaKanaafuu isa hordofaaAkka rahmanni isiniif godhamu (Rabbiin) sodaadhaa.
Yookiin akka isin "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa karaa qajeelaa qabanna turre" hin janneefiDhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeeraNama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaan mindeessina.
آية رقم 162
Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi.
تقدم القراءة