ترجمة معاني سورة الصافات باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 1
(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)
آية رقم 2
(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis
آية رقم 3
(Isaan Qur’aana) dubbisuu dubbisaniinis.
آية رقم 5
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniitiGooftaa baha adda addaatis.
آية رقم 9
Ari’amuuf jecha (darbatamu)Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira
آية رقم 12
Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.
آية رقم 17
Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?
آية رقم 18
(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.
آية رقم 22
“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)
آية رقم 23
“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.
آية رقم 28
Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”
آية رقم 31
Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha
آية رقم 32
Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].
آية رقم 34
Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.
آية رقم 36
“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu
آية رقم 38
Dhugumatti, isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.
آية رقم 42
Oduma kabajamoo ta’anuu fuduraaleen isaaniif taatuudha
آية رقم 43
Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).
آية رقم 44
Haala walitti gara galoo ta’aniin siree irratti ta’u.
آية رقم 45
Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama;
آية رقم 46
Adii, warra dhuganiif mi’aayaa kan taate.
آية رقم 48
Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira
آية رقم 49
Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.
آية رقم 52
Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu
آية رقم 53
“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”
آية رقم 54
Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”
آية رقم 57
Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”
آية رقم 58
(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?
آية رقم 63
Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.
آية رقم 69
Dhugumatti, isaan abbootii isaanii jallattoota arganiiti,
آية رقم 72
Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra
آية رقم 75
Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!
آية رقم 76
Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine
آية رقم 77
Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.
آية رقم 78
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.
آية رقم 86
“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala jiran godhachuu feetanii?
آية رقم 87
Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”
آية رقم 89
Ergasii “ani dhukkubsataadha” jedhe.
آية رقم 91
Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.
آية رقم 93
Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.
آية رقم 94
(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.
آية رقم 95
(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?
آية رقم 96
Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”
آية رقم 97
(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”
آية رقم 98
Isaan tooftaa isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.
آية رقم 103
Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.
آية رقم 104
Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne
آية رقم 108
Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.
آية رقم 110
Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina
آية رقم 112
Is-haaqiin, nabiyyii warra gaggaarii irraa ta’een isa gammachiifne.
Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa gooneSanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.
آية رقم 115
Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.
آية رقم 119
Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
آية رقم 121
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
آية رقم 122
Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
آية رقم 124
Yeroo ummata isaatiin jedhu [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?
آية رقم 125
Sila ‘Ba’al’[] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?
آية رقم 126
Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”
آية رقم 127
Isa sobsiisanKanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.
آية رقم 129
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
آية رقم 131
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
آية رقم 134
Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].
آية رقم 135
Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.
آية رقم 136
Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.
آية رقم 138
Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?
آية رقم 141
(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.
آية رقم 144
Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.
آية رقم 148
Achumaan amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne
آية رقم 149
(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmaan dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
آية رقم 152
“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.
آية رقم 153
Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?
آية رقم 159
Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.
آية رقم 160
Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).
آية رقم 162
Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.
آية رقم 164
Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu
آية رقم 165
.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.
آية رقم 166
Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.
آية رقم 167
Isaan (mushrikoonni Makkaa) ni jedhu:
آية رقم 169
Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”
آية رقم 170
(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaranFuula dura beekuuf jiraatu.
آية رقم 171
Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.
آية رقم 173
Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte)
آية رقم 174
(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.
آية رقم 175
Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
آية رقم 176
Sila adabbii keenya jarjarfatanii?
آية رقم 177
Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.
آية رقم 178
(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.
آية رقم 179
Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
آية رقم 180
Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.
آية رقم 181
Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu
آية رقم 182
Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.
تقدم القراءة