ترجمة سورة الصافات

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الصافات باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)
(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis
(Isaan Qur’aana) dubbisuu dubbisaniinis.
Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniitiGooftaa baha adda addaatis.
Dhugumatti, Nuti samii addunyaa faaya urjiitiin miidhagsineerra.
Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)
Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanuGama hunda irraa (urjiin) darbataman
Ari’amuuf jecha (darbatamu)Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira
Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa ta’e isa hordofe malee
Mee Isaan gaafadhuUumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne
Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.
Yeroo gorfamanis hin gorfamanu.
Yeroo mallattoo arganis ni baacu.
“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan.
“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamnaa?
Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?
(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.
Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu.
“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan
“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama).
“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)
“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.
Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu.
Sila maal taataniiti wal hin tumsine?”
Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha
Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu.
Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”
Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini.
Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turreGaruu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”
Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha
Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].
Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha.
Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.
Dhugumatti, isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.
“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu
Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse
Dhugumatti, isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.
Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan;
Garuu gabroonni Rabbii qulqulluun
Warri sun kennaa beekamaa ta’etu isaaniif jira.
Oduma kabajamoo ta’anuu fuduraaleen isaaniif taatuudha
Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).
Haala walitti gara galoo ta’aniin siree irratti ta’u.
Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama;
Adii, warra dhuganiif mi’aayaa kan taate.
Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis.
Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira
Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.
Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu.
Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.
Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu
“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”
Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”
Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge
Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!
Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”
(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?
Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”
Kun isumatu milkii guddaadha
Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu.
Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?
Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.
Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha.
Firiin ishee akka mataa sheyxaanotaati
Isaan ishee irraa nyaatanii garaa isaanii ishee irraa guuttatu.
Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira.
Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a.
Dhugumatti, isaan abbootii isaanii jallattoota arganiiti,
Isaan faana isaanii irra deemu.
Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru.
Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra
Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali.
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee
Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!
Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine
Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.
Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.
Sana booda warra kaan ni dhidhimsine
Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi
Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).
Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala jiran godhachuu feetanii?
Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”
Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.
Ergasii “ani dhukkubsataadha” jedhe.
Isa irraa gara galanii deeman.
Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.
Maal taatanii hin dubbanne?
Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.
(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.
(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?
Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”
(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”
Isaan tooftaa isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.
Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.
(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”
Ilma obsaadhaan isa gammachiifne
Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gorra’un argeWaan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagiYoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”
Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.
Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne
“Abjuu (kee) dhugoomsiteettaNuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”
Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha.
Gorra’amaa guddaadhaan isa furre.
Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.
Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu
Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina
Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi
Is-haaqiin, nabiyyii warra gaggaarii irraa ta’een isa gammachiifne.
Isa irrattiifi Is-haaq irrattis barakaa gooneSanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.
Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra
Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.
Isaan tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’ani
Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine.
Karaa qajeelaa isaan qajeelchine.
Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
Dhugumatti, Ilyaasis ergamtoota irraayi
Yeroo ummata isaatiin jedhu [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?
Sila ‘Ba’al’[] gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?
Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”
Isa sobsiisanKanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.
Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.
Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.
Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu.
Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi.
Luuxiis dhugumatti ergamtoota irraayi.
Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].
Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.
Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.
Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.
Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?
Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi.
Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].
(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.
Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse.
Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan irraa ta’uu baatee;
Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.
Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.
Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine.
Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine.
Achumaan amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne
(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmaan dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”
Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee?
Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu.
“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.
Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?
Maal taatan? Akkamitti murteessitan?
Sila hin gorfamtanuu?
Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira?
Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa
Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhanMalaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru
Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.
Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).
Isiniifi wantoonni isin gabbartan.
Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.
Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee
Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu
.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.
Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.
Isaan (mushrikoonni Makkaa) ni jedhu:
“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee,
Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”
(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaranFuula dura beekuuf jiraatu.
Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.
Isaan isaanumatu tumsamoodha.
Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte)
(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.
Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
Sila adabbii keenya jarjarfatanii?
Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.
(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.
Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.
Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.
Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu
Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.
Icon