ترجمة سورة المدّثر

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة المدّثر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yaa mammarataa!
Ka'ii akeekkachiisi.
Gooftaa keetis guddisi
Uffata keetis qulqulleessi
Taabotaanis oodi.
Baay'ifannaa barbaachaaf hin arjoomin.
Gooftaa keetiif obsi.
Yeroo xurumbaa keessa afuufame;
Sun, guyyaan gaafasii guyyaa rakkisaadha
Kaafiroota irratti (guyyaa) laafaa miti
Nama ani kophaa isa uumee wajjin (walitti) Na dhiisi;
Kan Ani qabeenya bal'aas isaaf godhe;
Ilmaan dhiiraa kan isa biratti argamanis;
Bal'isuus kan Ani isaaf bal'ise;
Ergasii akka Ani isaaf dabalus kan kajeelu;
Haa dhorgamu! Inni keeyyattoota Keenya mormaa ture.
Dhugumatti, rakkoo guddaattin isa dirqa.
Inni ni xiinxale; ni tilmaames.
Abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Ergasiis abaarame! Akkamumatti tilmaame?
Ergasii ni ilaale
Ergasii fuula guure; akkaan jijjiirame
Ergasii gara gale; ni boone
Ni jedhes: "(Qur'aanni) kun falfala (nama biraa) irraa waraabame qofa.
Kun jecha namaa malee hin taane."
Saqar isa seensisuufin jira
Saqar maal akka ta'e maaltu si barsiise?
(Foon) hin hambiftu (lafees) hin dhiiftu
Gogaas gubduudha
Ishee irra (waardiyyaa) kudha sagaltu jira.
Eegdota Ibiddaas malaykota malee kan biraa hin gooneLakkoofsa isaaniis isaan kafaraniif qormaata, warri kitaaba kennaman akka mirkaneeffatan, warri amanan iimaana akka dabalatanuuf, warri kitaaba kennamaniifi mu'uminoonnis akka hin shakkinee,fi akka warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi kaafiroonni ‘Rabbiin (lakkoofsa) kanaan fakkeenya maalii fedhe’ jedhaniif malee kana hin gooneAkka kanatti Rabbiin nama fedhe jallisee nama fedhe immoo qajeelcha(Baay'ina) waraana Gooftaa keetiis Isa malee homtuu hin beekuIsheenis namaaf gorsa malee waan biraatii miti.
Haa dhorgamu! Ji'attin kakadha!
Halkaniinis; yeroo inni deeme.
Bariidhaanis yeroo inni ife.
Dhugumatti, isheen (saqar) tokkoo (rakkoolee) gurgurddooti.
Namaaf akeekkachiiftuudha.
Nama isin irraa (hojii gaariidhaan) fuulduratti deemuu, yookiin duubatti hafuu fedheef (akeekkachiistuu dha).
Lubbuun hundi waan hojjatteen qabamtuudha
Warra mirgaa malee.
(Isaan) jannata keessatti wal gaggaafatu.
Yakkamtoota irraa (wal gaafatu).
"Maaltu Saqariin keessa isin seensise?" (isaanin jedhu)
Ni jedhan: "nuti warra salaatan irraa hin turre.
Hiyyeeyyii kan nyaachifnus hin turre;
Warra (hamtuu) keessa seenuu wajjin seenaa turre;
Guyyaa mindaas kan sobsiifnu turre;
Hanga (duuti) mirkanaayaan nutti dhufutti (haala kana irra turre)" (jedhu)
Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.
Maaltu isaaniif jiraayi gorsa (Qur'aanaa) irraa gara galoo ta'u?
(Yeroo akeekkachiisa Rabbii irraa dheessan) akka harree diidoo dammaqanii (gugatanii) fakkaatu
Leenca irraa kan baqatan.
Inumaa namni isaan irraa ta'e hundi kitaabota banamoo kennamuu fedha.
Dhugumatti, (hin kennamanu) isaan Aakhirumaayyuu hin sodaatanu
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) gorsa
Nama fedheetu isaan gorfama.
Yoo Rabbiin fedhe malee hin gorfamanuInni (Rabbiin) kan sodaatamuu haqa godhatuufi Abbaa Araaramaati.
Icon