ترجمة سورة الأحقاف

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الأحقاف باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Haa Miim.
Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi.
Samii, dachiifi waan isaan lamaan gidduu jiranis dhugaafi yeroo beekamaa ta’eef malee hin uumneIsaan kafaran waan ittiin sodaachifaman irraa garagaloodha.
(Yaa Muhammad!) jedhi: “wantoota Rabbiin ala gabbartan naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman natti agarsiisaaMoo samii (uumuu) keessatti shariikummaan isaaniif jira? Yoo dhugaa dubbattoota taataniif mee kitaaba (Qur’aana) kana dura (bu’e) yookiin hambaa beekumsa durii wahii naaf dhiyeessaa.”
Nama Rabbiin ala waan hanga Guyyaa Qiyaamaatti homaa isaaf hin owwaanneefi isaan kadhaa isaanii irraa dagatoo ta’an gabbaru caalaa jallataan eenyu?
Yeroo ilmi namaa walitti qabamu diinota isaaniif ta’uIbaadaa isaaniittis kafaroo ta’u.
Yeroo keeyyatoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman, isaan kafaran dhugaan isaanitti dhufnaan “kun Sihrii ifa galaadha” jedhan.
Yookiin “(Muhammadtu SAW) sobaan isa uume” jedhu(Yaa Muhammad!) “yoo ani sobaan isa uumeef (adabbii) Rabbii irraa naaf tumsuu hin dandeessanuInni (Rabbiin) waan isin keessa galtan akkaan beekaadhaAnaafi isin giddutti ragaaf Inni ga’aadhaInni araaramaa, rahmata godhaadha” jedhi.
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalaqabaatii mitiWaan anaafi isin irratti dalagamuuf jirus hin beekuWaan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofuAni sodaachisaa ifa bahaadha malee waan biraatii miti.”
“Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni kun) odoma isin itti kafartanuu Rabbi biraa ta’e, raga bahaan Ilmaan Israa’ilii irraa ta’e fakkaataa isaa irratti ragaa bahee yoo amanee isin immoo boontan, (isin miidhaa hin hojjannee)? Rabbiin miidhaa raawwattoota hin qajeelchu” jedhi.
Isaan kafaran isaan amananiin ni jedhu: “Odoo inni (Qur’aanni) waan gaarii ta’ee silaa gara isaatti nu hin dursanu ture.” Isaan eega hin qajeelinii “kun dhara duriiti” jechuuf jiru.
Isa (Qur’aana) duras kitaaba Muusaa kan qajeelfamaafi rahmata ta’etu tureKunis kitaaba dhugoomsaa, akka warra miidhaa hojjatan sodaachisee, toltuu hojjattoota immoo gammachiisuuf Afaan Arabaatiin (bu’ee)dha.
Isaan “Gooftaan keenya Allaahdha” jedhanii ergasii (sana irratti) gadi dhaabbatan, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.
Isaan sun warra jannataati; ishee keessa yeroo hunda jiraatu; mindaa waan dalagaa turaniif (isaanif kenname).
Namootaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamneHaati isaa rakkoon isa baadhattee, rakkoon isa deesseUlfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; yeroo jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisiSanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisiAni gara kee tawbaa deebi’eeraAni Muslimtoota irraayi” jedhe.
Isaan sun warra irra gaggaarii wantoota isaan dalaganii nuti irraa qeeballee hamtuu isaanii dhiifama goonufi(Fuula duras) namoota Jannataa keessatti ta’u(Kun) waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa ture.
Inni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! Kanuma dhaloonni baay’een dabrani jiranu, akka ani kaafamu natti himtuu?” jedheHaala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee! Beellamni Rabbii dhugaadhaa amani” jedhanii gorsanuu “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha;
Isaan sun warra ummattoota isaan dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessatti jechi (adabbii) isaan irratti mirkanaa’eedhaIsaan hoonga’oota ta’aniiru.
Hundaafuu waan dalagan irraa sadarkaatu jiraOdoo isaan hin miidhamne, hojii isaanii isaanii guutuuf (mindeessa).
Guyyaa isaan kafaran ibidda irra fidaman: “(wantoota) gaggaarii keessan jireenya keessan kan addunyaa keessatti dabarfattanii itti fayyadamtanii turtanHar’a immoo waan dachii keessatti dhugaan ala boonaa turtaniifi waan fincilaa turtaniif adabbii salphisaa mindeeffamtu (isaaniin jedhama).
Yeroo obboleessi Aad (Huud) Ahqaafitti ummata isaa dinniine yaadadhuIsa duraafi isa boodas sodaachiftoonni; “Allaah malee waan biraa hin gabbarinaa; ani adabbii guyyaa guddaan isin irratti sodaadha” (jechuun) dabartee turte.
(Ummanni isaas) ni jedhan: “Sila ati gooftolii keenya irraa akka gara nu galchituuf nutti dhuftee? Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef waan nuun sodaachiftuun nutti koottu.”
(Huud) ni jedhe: “Beekumsi (adabbittii) Allaah bira jiraAni waanuman ittiin ergame qofan isinitti geessaGaruu ani ummata wollaaloo ta’uun isin arga.”
Yeroo isa (adabicha) (duumessa fakkaatee) gara laggeen isaanii garagalee dhufaa ta’uu argan: “kun duumessa rooba nuuf kennuu dhufe” jedhan“Lakkisaa! Inni waan jarjarfachaa turtan sanii; bubbee adabbiin laalessaan isa keessa jiruudha” (jedhaman).
Waan hunda ajaja Rabbii isheetiin balleessitiManneen isaanii malee wanti tokkos kan hin mul’anne ta’anAkka kanatti namoota badii hojjatan mindeessina.
(Yaa Qureyshotaa!) dhugumatti, Nuti waan isiniif hin mijeessin isaaniif mijeessinee turreDhageettii, agartuufi qalbiis isaaniif gooneeDhageettiin, agartuufi qalbiin isaanii, waan aayatoota keenya mormaa turaniif homaa isaan irraa hin deebifneWanti isaan qishnaa itti godhaa turan isaanitti marse.
Dhugumatti, magaalota (ummatoota) moggaa keessan jiran gidduu (heddu) balleessinee jirraMallattoolee (keenyas) karaa adda addaatiin isaan argisiifne.
Maaliif wantoonni isaan akka Rabbiitti isaan dhiheessituuf gabbaramoo godhatan isaan hin tumsin? Lakkisaa! (yeroo san) gonkumaa isaan irraa dheessanKunis kijiba isaanitiifi waan isaan sobaan uumanii haasa’aa turaniidha.
(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii gara keetti garagalchine [yaadadhu]Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa dhageeffadhaa” (waliin) jedhanYeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an.
Ni jedhan: “Yaa ummata keenya! Nuti kitaaba Muusaa booda bu’e, kan waan isa duraa dhugoomsaa ta’e, kan gara dhugaafi gara karaa sirrii qajeelchu dhageenyee jirra.
Yaa ummata keenya! Waamaa Rabbii (nabi Muhammadiin) tole jedhaa; isattis amanaaInni (Rabbiin) badii keessan irraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara.
Namni waamaa Rabbii tole hin jenne, dachii keessatti miliqee kan ba’uu miti; isaan (Allaahn) alas gargaaraan biraa isaaf hin jiruWarri sun jallina ifa ta’e keessa jiru.”
Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Guyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama)Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhuInnis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha.
(Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo qabu obsetti, obsiIsaanitti hin ariifatinGuyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko qofa malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u(Qur’aanni) ga’aadhaSila finciltoota malee namni biraa ni badaa?
Icon