ترجمة سورة الجن

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الجن باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

(Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Qur'aana dinqisiisaa dhageenye
[Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu.
Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis ta'ee ilmoo hin godhanne.
Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan.
Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne.
Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.
Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.
Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.
Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga.
Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu!
Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra.
Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu.
Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru.
Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.”
Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre.
Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa.
Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.
Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu.
(Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu."
Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."
Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsuIsa malees hirkoo hin argadhu.
Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira.
Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.
“Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.
(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.
Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa.
Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e)
Icon