ترجمة سورة التكوير

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة التكوير باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yeroo aduun maramte,
Yeroo urjiin harcaate,
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),
Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte
Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte,
Balleessa kamiif akka ajjeefamte;
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,
Yeroo samiin buqqifamtee maramte,
Yeroo ibiddi qabsiifamte,
Yeroo jannanni dhiheeffamte,
Lubbuun waan dalagatte beekteetti.
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),
Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha),
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati
(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).
Innis (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.
Mee eessuma deemtu?
Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti.
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).
Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu
Icon