ترجمة سورة الرّوم

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الرّوم باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Alif Laam Miim.
Roomaan injifatamte
Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman)Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti ni mo’atu
Waggoota muraasa keessatti (moo’atu)Murtiin dhimma duraas ta’ee boodaa kan RabbiitiGuyyaa san mu’uminoonni ni gammadu
Tumsa Allaahtiin (gammadu)(Rabbiin) nama fedhe ni tumsaInni injifataa, rahmata godhaadha
Waadaa Rabbii (Rabbiin beellame)Rabbiin waadaa isaa hin diiguGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu.
Isaan jireenya addunyaa irraa gubbuma beekuIsaan Aakhiraa irraa immoo daguu keessa jiru
Sila lubbuma isaanii keessatti Rabbiin samiifi dachii, akkasumas wantoota isaan lamaan gidduu jiranu, haqaafi beellama beekamaadhaan malee hin uumne jechuu gadi fageenyaan hin xiinxallee? Dhugumatti, irra hedduun namootaa qunnamtii Gooftaa isaaniitti kafaroodha.
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Humnaan isaan irra cimoo turanDachiis qotanii waan isaan (warri Makkaa) misoomsan irra hedduu misoomsaniiruErgamtoonni isaaniis ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufanDhugumatti, Rabbiin kan isaan miidhu hin taaneGaruu isaan lubbuu isaanii kan miidhan ta’an.
Sana booda booddeen isaan hamtuu dalaganii, sababa waan isaan keeyyattoota Rabbii sobsiisaniifi isheettis kan qishnaa godhan ta’aniif (adabbii) fokkataa ta’e.
Rabbiin uuminsa ni jalqabaSana booda isa ni deebisaSana booda gara Isaa deebifamtu.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, badii raawwattoonni abdii kutatu
Warra isaan Rabbitti dabalan irraa jaarsi araaraa isaaniif hin argamuIsaanis waan isaan Rabbitti qindeessaa turanitti kafaroota (mormitoota) ta’u.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattus, guyyaa san (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan bahu
Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaan caffee (jannata) keessatti gammachiifamu.
Warri kafaranii keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa sobsiisan immoo, isaan sun adabbii keessa fidamoodha
Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa).
Samiifi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis isa faarsaa.
(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa baasaDachiis erga isheen duutee booda jiraachisaAkkuma kanatti kaafamtu.
(Rabbiin) biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuufi san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u ta’uun mallattoolee isaa irraayyi
Lubbuma keessan irraa akka gara isaaniitti boqottaniif haadholee manaa isiniif uumuufi gidduu keessanittis jaalalaafi mararfannaa gochuun mallattoolee Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan waldhabuunis mallattoo Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru.
Hirribni keessan kan halkaniifi guyyaa, tola isaa irraa barbaaddachuun keessanis mallattoolee (dandeettii) Isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota dhagahaniif mallattooleetu jira.
Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif hangaasuu isin agarsiisuu, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun, mallattoolee dandeettii isaa irraayyiDhugumatti, kana keessa namoota sammuu qabaniif mallattooleetu jira.
Samiifi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuun, sana booda yeroo Inni dachii irraa waamicha tokko isin waame, yeroma san isin (awwaala keessaa) bahuun mallattoolee isaa irraayyi
Wanti samiifi dachii keessa jiru hundi kan IsaatiHunduu Isaaf ajajamu.
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudhaInni isa irratti akkaan laafaadhaDachiifi samii keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jiraInni injifataa ogeessa
(Rabbiin) lubbuma keessan irraa fakkeenya isiniif taasiseSila waan harki mirgaa keessan horatte (Gabroota keessan) irraa soorata isiniif kennine keessatti shariikni isin isa (sooraticha) keessatti walqixa taatanii akka lubbuu keessan (nama gita keessanii) sodaattanitti isa sodaattan, isiniif ni jiraa? Akka kanatti namoota sammuu qabaniif keeyyattoota addeessina.
Dhugumatti, isaan miidhaa hojjatan beekumsaan ala fedha lubbuu isaanii hordofanNama Rabbiin jallise eenyutu isa qajeelcha? Gargaartonni isaaniif hin jiranu.
(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessiUumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa)Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiruSantu amantii qajeelaadhaGaruu irra hedduun namootaa hin beekanu.
Gara Isaatti deebi’oo ta’uun (diinii Isaa qabadhaa); Isa sodaadhaaSalaatas (haqaan) sagadaaMushrikoota irraa hin ta’inaa
Isaan amantii isaanii gargar qoqqoodaniifi garee garee ta’an irraas (hin ta’inaa)Gareen hunduu waan isaan bira jirutti gammadu.
Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatuSana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise immoo, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu)(Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu (addunyaa irratti) qanani’aa
Sila nuti ragaa kan waan isaan (Rabbitti) qindeessan dubbatu isaan irratti hin buufnee?
Yeroo namoota rahmata dhandhamsiifne isheetti gammaduyeroo sababa waan harki isaanii dabarsitee (hojjattee)tiin hamtuun wahii isaan tuqxe immoo yeroma san abdii muratu.
Sila akka Rabbiin nama fedheef soorata bal’isuufi (nama fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
Nama firaa, hiyyeessaafi kara deemaafis haqa isaa kenniIsaan fuula Rabbii kajeelaniif kanatu caalaIsaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Wanti dhala irraa qabeenya namaa keessatti haa dhaluuf isin kennitan Rabbiin biratti homaa hin dhaluGaruu zakaa irraa wanti isin fuula Rabbii feetanii kennitan, (isatu isiniif dhala)Jarri sun (kennattoonni) isaantu (mindaa) dachaa argamsiisoodha.
Allaahn Isa isin uumeSan booda kan soorata isiniif kenneSana booda isin ajjeesaSana booda isin jiraachisaSila warra isin Rabbitti (qindeessitan) irraa kan wantoota kanneen irraa waan tokko dalagan ni jiruu? (Rabbiin) wantoota isaan isatti qindeessan hunda irraa qulqullaa’ee ol ta’e.
Garii waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, sababa waan harki namaa hojjatteetiin dachiifi galaana keessattis badiin mul’ateDeebi’uun isaaniis ni kajeelama.
(Yaa Muhammad!) “dachii keessa deemaa; booddeen warra isiniin duraas akkam akka ta’e ilaalaa; irra hedduun isaaniis mushrikoota turan” jedhiin
Guyyaan deebi’uun isaaf hin jirre odoo hin dhufne dura fuula kee amantii sirrii ta’eef sirreessiGuyyaa san (gara jannataafi ibiddaatti) qoodamu
Nama kafare kufriin isaa isuma irratti ta’aNamoonni dalagaa gaarii hojjatanis, lubbuma isaaniitiif qopheeffatu
Isaan amananii hojiiwwan gaggaarii dalagan tola Isaa irraa akka mindeessuuf (kana hojjate)Dhugumatti, Inni kaafiroota hin jaallatu.
Rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuf, dooniinis ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraas akka barbaaddattaniifi akka Isa galateeffattaniif, gammachiiftuu taasisee qilleensa erguun Isaa mallattoolee Isaa irraayyi.
Dhugumatti, si duras ergamtoota gara ummatoota isaaniitti erginee jirraIsaanis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufanii jiruIsaan daangaa dabran irraas haaloo bahanneMu’uminoota gargaaruun immoo haqa Nurratti ta’eera.
Rabbiin Isa qilleensa erginaan duumessa sochooftuudha; akka fedhetti samii keessa ni bittinneessa; addaan kukkutamaas isa taasisaRoobas kan gidduu isaatii bahu argitaYeroo ittiin (rooba sanaan) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu.
Odoo (roobni) isaan irratti hin bu’in dura immoo, sana dura dhugumatti abdii murattoota turan
Gara faana rahmata Rabbii, akka (inni) erga isheen duutee booda dachii jiraachisu ilaaliDhugumatti [Rabbiin] Sun du’aawwan ni jiraachisaInni waan hunda irratti danda’aadha
Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u.
(Yaa Muhammad!) ati du’aa hin dhageessiftuNama duudaawwanis yeroo isaan of duuba deebi’anii garagalan waamicha hin dhageessiftu.
(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane(Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu.
Rabbiin isa (bishaan) laafaa irraa isin uumee, sana booda laafina boodaan cimina taasisee; sana booda cimina boodaan laafinaafi arrii taasiseedhaWaan barbaades ni uumaInnis beekaa danda’aadha.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatuAkkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan.
Isaan beekumsaafi iimaana kennaman immoo “dhugumatti, isin akkuma kitaaba Rabbii keessatti (murtaa’etti,) hanga guyyaa kaafamaatti turtaniittuKunis guyyaa kaafamaatiGaruu isin (dhufuu isaa) hin beektanu turtan.”
Guyyaa san warra miidhaa hojjatan rakkoo himachuun isaanii (isaan) hin fayyaduIsaan ceephoos hin buufachiifamanu
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti namootaaf fakkeenya hunda irraa taasifnee jirraGaruu (Yaa Muhammad!) yoo ati mallattoo wahiitiin isaan itti dhufte warri kafaran “isin kijibdoota malee waan biraa hin taane” jedhu
Akka kanatti Allaahn onnee warra haqa hin beeknee irratti cufaa godha
(Yaa Muhammad!) ObsiDhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadhaIsaan (Qiyaamaa) hin dhugoomsine akka si hin xiqqeessine
Icon