ترجمة سورة الطارق

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الطارق باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Samiifi (urjii) halkan dhufaa ta’eenin (kakadha).
(Urjii) halkan dhufaa ta’e maaltu si beeksise?
(Inni) urjii ifti isaa dukkana uraa ta’eedha.
Lubbuun hundi tiksaan ishee irra jiraatu malee hin hafu.
Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu.
Bishaan utaalaa irraa uumame.
Jidduu dugdaatiifi qomaatii kan ba’u.
Inni isa deebisuu irratti danda’aadha.
Guyyaa iccitiiwwan ifa ba'an.
(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru.
Samii abbaa deddeebiitiinin (kakadha).
Dachii dhodhootuunin (kakadha).
Dhugumatti, inni (Qur'aanni) jecha adda baasaadha.
Inni qoosaa hin taane.
Dhugumatti, isaan tooftaa baasu.
Anis tooftaan baasa.
Kaafirootaaf yeroo kenniAmmas xinnoo yeroo kenniif
Icon