ترجمة سورة المطفّفين

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة المطفّفين باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Warra (safara) hir’isuuf badiin haa ta’u!
Isaan yeroo namoota irraa safaratan guuchisiifatan,
Yeroo namootaaf safaran yookiin madaalan immoo hir’isan.
Sila isaan sun kaafamuu isaanii hin yaadanii?
Guyyaa guddaadhaaf.
Guyyaa namni Gooftaa aalamaatiif dhaabbatu.
Dhugumatti, galmeen badii hojjattootaa Sijjiin keessa ta'a.
"Sijjiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Kitaaba barreeffamaadha (dalagaa yakkamtootaatu irratti barreeffama).
Kijibsiiftotaaf Guyyaa san badiin mirkanaa’e.
Isaan guyyaa murtii sobsiisaniif.
Daangaa darbitoota dilaawoo cufa ta’e malee namni isa kijibsiisu hin jiru.
Yeroo keeyyattoonni Keenya isaan irratti qara'amte"ogbarruu warra duriiti" jedha.
Haa dhorgamanu! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan onnee isaanii haguuge.
Dhagayaa! Isaan guyyaa san Gooftaa isaanii irraa haguugamoodha.
Ergasii isaan ibidda galtoota.
Ergasii "inni kun isa isin sobsiisaa turtan" jedhama.
Dhugumatti, galmeen toltuu hojjattootaa Illiyyiin keessa ta'a.
"Illiyyiin" maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Kitaaba barreeffamaadha (hojii warra Rabbitti amaneetu irratti barreeffame).
Warra Rabbitti dhiheeffamantu itti hirmaata.
Dhugumatti, toltuu hojjattoonni qananii keessa jiraatu.
Sireewwan irra (taa'anii) ilaalu.
Fuula isaanii keessatti ifina qananii ni beekta.
Farsoo qadaadamaa irraa obaafamu.
Dhumti isaa miskiidha; sana keessatti warri wal dorgoman wal haa dorgoman.
Makaan isaas ‘Tasniim’ irraayi.
(Tasniim) laga warri Rabbitti dhiheeffaman dhuganiidha.
Dhugumatti, isaan dilaawan isaan amananitti kolfaa turan.
Yeroo isaan bira dabran wal akeeku.
Yeroo gara maatii isaanii deebi'anis gammadaa deebi’u.
Yeroo isaan arganis "dhugumatti, isaan kun jallattoota" jedhu.
Haala to'attoota ta'anii isaan irratti hin ergaminiin.
Har’a (guyyaa kaafamiinsaa) isaan amanantu kaafirootatti kolfa.
Sireewwan irra (ta'anii) ilaalu.
"Sila kaafiroonni waan dalagaa turan mindeffamaniiruu?” [jedhu]
Icon