ترجمة سورة الإنشقاق

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الإنشقاق باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yeroo samiin dhodhoote
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
Yeroo dachiinis diriirfamte,
Waan ishee keessa jiru darbitee, duwwaas taate,
(Yeroo isheen ajaja) Gooftaa ishee dhaggeeffatte; (wanti kana godhu waan itti argameef) dhugaa qabdi.
Yaa namootaa! Dhugumatti, ati gara Rabbii keetii (dhaqqabuuf) hojiin qabsaa’aadhaa, isa (hojii kee) qunnamaadhas
Namni galmee isaa mirga isaatiin kenname;
Qormaata salphaa qoramuuf jira.
Gammadaa gara maatii isaa deebi’a.
Namni galmee isaa dugda duubaan kenname immoo;
Badii kadhachuuf jira.
Ibidda boba’aa seena.
Dhugumatti, inni maatii isaa keessatti gammadaa ture.
Dhugamatti, inni (gama Rabbii) deebi’uu dhabuu yaade.
Lakki! (ni deebi’a)Gooftaan isaa isa argaadha.
Haa dhorgamu! Diimina galgalaattin kakadha.
Halkaniifi waan inni walitti qabeenis (nan kakadha).
Ji'attis yeroo inni guuteenin (kakadha).
Dhugumatti, isin sadarkaa tokko irraa gara sadarkaa biraatti ceetu.
Maaltu isaaniif jiraayi hin amanne?
Yeroo Qur'aanni isaan irratti qara'amus sujuuda hin bu'an.
Dhugumaatti, warri kafaran ni sobsiisu.
Rabbiin irra beekaa waan isaan (onnee isaanii keessatti) walitti qabaniiti.
Adaba laalessaadhaan isaan gammachiisi.
Garuu isaan amananii gaggaarii hojjatan isaaniif mindaa hin cinnetu jira
Icon