ترجمة سورة النبأ

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة النبأ باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

[Warri hin amanin] maal irraa wal gaafatuu?
Oduu guddaa irraa [wal gaafatu
Isa isaan isa keessatti wal dhaban [irraayi].
Haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru
Ammas haa dhowwamanu! fuula dura beekuuf jiru.
Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?
Gaarreenis shikaala [hin goonee]?
Cimdiis goonee isin uumne.
Hirriba keessan boqonnaa goone.
Halkan uffata goone.
Guyyaas yeroo jireenyaa (keessa hojjatan) goone.
Gubbaa keessanittis [samii] jajjaboo torba ijaarre.
Ifaa boba'aas uumne.
Duumessa irraas bishaan dhangala'aa baay'ee buufne.
Isaan fuduraafi marga baasuuf jecha [buufne]
Ashaakiltii damee wal keessa seensifattes.
Dhugumatti, guyyaan fooyamaa yeroo beellamamaa ta'e.
[Guyyaan sun] guyyaa Garriin (xurumbaan) afuufamee isinis garee gareen dhuftanuudha.
[Guyyaa] samiinillee banamtee hulaalee taatuudha.
Gaarreenis deemsifamtee siribii (siribduu) taate.
Dhugumatti jahannam waldaa taateetti
Warra daangaa dabraniif iddoo deebiiti.
Yeroo dheeraaf ishee keessa turu.
Ishee keessatti qabbanas ta'ee dhugaatii hin dhandhamanu.
Bishaan akkaan danfaafi malaa malee [dhugaatii biraa hin argatanu]
Mindaa wal madaalu [mindeeffaman].
Isaan qormaata hin sodaatanu turan.
Keeyyattoota keenyas kijibsiisuu kijibsiisan.
Wanta cufaayyuu haala barreeffameen walitti qabne.
“Dhandhamaa; azaaba malees isiniif hin daballu” [isaaniin jedhama].
Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira.
Ashaakiltiifi inabatu [jira].
Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta'antu [jiru].
Geeba (xoofoo) guutamtuu.
Achi keessatti dubbii badaafi wal kijibsiisuu hin dhaga'anu.
Mindaa Gooftaa kee irraa ta’e kennaa ga’aa [mindeeffaman].
Gooftaa samii, dachiifi waan gidduu isaanii jiru, mararfataa kan ta'e [irraa mindeeffaman]Isaa wajjin dubbachuu hin danda'anu.
Guyyaa Jibriiliifi Maleykonni haala hiriiraniin dhaabbatan nama Rabbiin eeyyameefi dhugaa dubbate malee hin haasawanu.
Sun guyyaa [dhufaatiin isaa] haqaatiNamni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata.
Nuti adabbii dhihoo kan guyyaa namni waan harki lamaan isaa dabarfatte arguufi kaafirris "yaa hawwii kiyya! odoon biyyee ta’ee maal qaba" jedhu san isin sodaachifneerra.
Icon