ترجمة سورة البروج

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة البروج باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Samii abbaa orbitii urjiitiin (nan kakadha).
Guyyaa beellamamaanis,
Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
Warri boollaa abaaraman
(Warri) ibidda boba’aa.
Yeroo isaan ishee irra taa'an,
Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa haaloo hin ba’anne.
(Rabbiin) Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta'eedhaRabbiin waan hunda irratti ragaadha.
Dhugumatti, isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'Islaamni (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
Dhugumatti, isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif ashaakiltiiwwan laggeen jala ishee yaatutu jiraSun milkii guddaadha.
Dhugumatti, qabaan Gooftaa keetii daran cimaadha.
Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
Waan fedhe akkaan hojjataadha.
Sila oduun humna waraanaa si ga'eeraa?
(Waraana) Fir'awniifi Samuud.
Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
Luuhii tiikfamaa keessa jira.
Icon