ترجمة سورة المعارج

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة المعارج باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Adaba (kaafiroota irratti) argamaa ta'e kadhataan wahii kadhate.
Kan kaafirootatti (argamu kadhate); wanti isa (adabicha) deebisu hin jiru.
Rabbii Abbaa kortoowwanii ta'e irraa (argama)
Malaykonniifi Jibiriil guyyaa shallagni isaa waggoota kuma shantama ta'e keessatti gara Isaa ol koru.
Obsa gaarii obsi.
Isaan (adabicha) fagoo taasisanii isa ilaalu.
Nuti immoo dhihootti isa argina.
Guyyaa Samiin akka meeta baqee taatu.
(Guyyaa) Gaarreenis akka jibrii hiddamee taatu.
(Guyyaa) firri fira hin gaafanne.
Isaan agarsiifamuNamni dilaawaan odoo ilmaan isaa kennee adabbii guyyaa sanii jalaa bilisa ba'ee jaalata.
Niitii isaatiifi obboleessa isaatiinis (odoo bilisa ba’ee jaalata);
Firoota isaa kan ofitti isa maxxanfattuunis;
Nama dachii keessaa hunda (kennee) ergasii (fidaan sun) nagaa isa baasuu (jaalata).
Dhorgamaa! Dhugummatti, isheen balala ibiddaati.
Buqqiftuu gogaa sammuuti.
Nama (amantii irraa) duubatti deebi'ee, gara gale ni waamti.
(Qabeenya) walitti qabee (zakaa odoo hin kennin) lakkaa’u (hunda waamti)
Dhugumatti, namni obsa dhabeessa ta'ee uumame.
Yeroo hamtuun isa tuqe dallanaadha (gammachuu dhaba).
Yeroo wanti gaariin isa tuqe immoo dhorgataadha.
Warra sagadan malee;
Isaan salaata isaanii irratti gadi dhaabbatan (dawwaman malee);
Isaan qabeenya isaanii keessa mirgi beekamaan jiru,
Kadhataafi hiyyeessa hin kadhanneef,
Isaan Guyyaa Murtii dhugoomsan,
Isaan adabbii Gooftaa isaanii sodaatan(malee kan biroo obsa dhabaa dha).
Dhugumatti, adabbiin Gooftaa isaanii amanamaa miti.
Isaan qaama saalaa isaanii tiiksan,
Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhugumatti, isaan komatamoo miti.
Namni sanaan ala barbaade immoo, isaan warra daangaa dabroodha.
Ammas isaan amaanaa isaaniitiifi waadaa isaanii eegan,
Isaan ragaa isaaniitiin dhaabbatan,
Isaan salaata isaanii irratti tiikfatan.
Warri sun jannata keessatti kabajamoodha.
Warra kafareef maaltu jiraayi gara kee ariifatu?
Garee gareen mirgaafi bitaa irra guutanii.
Sila namni isaan irraa ta'e hundi jannata qananii seensifamuu kajeelaa?
Haa dhorgamanu! Nuti waanuma isaan beekan irraa isaan uumne.
Gooftaa Bahaafi Dhiha hedduutiinin kakadhaa! Nuti dhugumatti danda’oodha.
Namoota isaan irra caalan bakka buusuu irratti (danda'oo dha)Nuti dadhabsiifamoo hin taane.
Hanga Guyyaa isaaniif beellamame san qunnamanitti, (cubbuu keessa) seenanii haa taphatanii isaan dhiisi.
Guyyaa qabrii irraa arifataa ba'an isaan waan gara taabotaa dhangala'an fakkaatu.
Ijji isaanii xiqqaattee salphinni isaan haguugdiSun guyyaa isaan isa sodaachifamaa turaniidha.
Icon