ترجمة سورة الواقعة

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الواقعة باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Yeroo argamtuun (Qiyaamaan) argamte,
Argama isheetiif kijibni hin jirtu.
Gadi qabduu, ol fuutuudha.
Yeroo dachiin raafama cimaa raafamte,
(Yeroo) gaarreenis facaafamiinsa facaafamte,
Dhukkee facaafamtuus taate,
(Yeroo) Isinis garee sadi taatan,
(Gareen tokko) warra mirgaati; warri mirgaa akkam (milkaa’oo dha)!
(Gareen lammaffaan) warra bitaati; warri bitaa akkam (hoonga’oo dha)!
(Gareen sadaffaa) Isaan gara toltuutti dursitoota dursoodha.
Isaan (Rabbitti) dhiheeffamoota.
Jannata qananii keessatti ta’u.
Warra duraa irraa baay’eedha.
Warra boodaa irraa immoo xiqqoodha.
Sireewwan dhawamte irratti ta’u.
Fuulaan walitti garagalanii ishee irratti hirkatu.
Ijoollee (ijoollummaan) yeroo hunda jiraatantu isaan irra naanna’a
Kubbaayyaa, quluufi geeba (xoofoo) farsoo irraa ta’een.
Isii irraa hin bowwaafatan; hin machaa’anis.
Fuduraalee irraa waan isaan filataniin (irra naanna’u).
Foon allaattii irraas waan isaan fedhaniin
Dubra adaadii ija babal’ootu (isiniif jira.)
Akka faaya eegamaa kan fafakkaatan.
Mindaa waan hojjataa turaniif jecha (kana isaaniif goone).
Isii (jannata) keessatti wacaafi wal arrabsuus hin dhaga’an.
“Nagayaa nagayaa waliin jechuu malee” (hin dhaga’an).
Warri mirgaa; warra mirgaa waa’een isaanii akkam tola!
(Isaan) mukkeen qurquraa kan qoree hin qabne keessa jiraatu.
Muuza firiidhaan guutame (keessa jiraatu).
Gaaddisa diriirfamaa (keessa).
Bishaan dhangala’u (keessa).
Fuduraalee baay’ee (keessa).
Kan maddi isaanii hin cinneefi kan irraa hin dhorgamne (keessa).
Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.)
Dhugumatti, Nuti (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne.
Dubroota isaan goone.
Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone).
Warra mirgaatiif (qophaa’an).
Hedduun (isaanii) warra duraa irraayi.
Warra boodaa irraahis baay’eedha.
Warri bitaa; warri bitaa akkam (fokkatu)!
Ibidda laalessaafi bishaan danfaa keessa jiraatu.
Gaaddisa aara gurraacha irraa ta’e keessa.
(Gaaddiisa) qabbanaa’aa hin ta’iniifi gaariis hin ta’in.
Dhugumatti, isaan sana dura qanansiifamoo turan.
Dilii guddaa itti fufu turan.
“Sila yeroo duunee biyyeefi lafee taane, dhugumatti nuti kaafamoodhaa?” jedhaa turan
“Abbootiin keenya kan jalqabaas moo?” (jechuu turan).
“(Yaa Muhammad!) dhugumatti, isaan jalqabaas ta’ee isaan boodaas (ni kaafamu)” jedhiin
Beellama guyyaa beekamaa keessatti walitti qabamuuf jiru.
Ergasii isin yaa jallattoota sobsiiftotaa!
Muka Zaqquum irraa nyaatoodha.
Ishee irraas garaa keessan guuttatoodha.
Isa irrattis bishaan danfaa dhugoodha.
Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu.
Kun simannaa isaanii kan guyyaa murtiiti.
Nuti isin uumnee; maaliif hin dhugoomsine?
Waan (maniyyii) dhangalaaftan san mee naaf himaa?
Sila isintu isa uumamoo? Nutu uumoo dha?
Nutu du’a gidduu keessanitti murteesseNuti dadhabsiifamoo miti.
Fakkaataa keessan jijjiiree, waan isin hin beekne keessatti isin uumuu irratti (dadhaboo miti).
Dhugumatti, akkaataa uumama jalqabaa beektanii jirtu; maaliif hin gorfamne?
Mee waa’ee waan facaaftanii naaf himaa!
Isintu isa biqilcha moo Nutu biqilchoo dha?
Odoo feenee caccabaa gooneeti kan dinqisiifattan taatan.
“Nuti dhugumatti hoonga’oodha”(jettu).
“Lakkisaa; nuti dhorgamoodha” (waliin jettu).
Mee waa’ee bishaan dhugdanii san Naaf himaa?
Sila duumessa irraa isintu isa buusee? Moo Nutu (isa) buusoo dha?
Odoo feenee soogiddoo (kuraawaa) isa taasifnaSila maaliif (Rabbiin) hin galatoomfanne?
Mee waa’ee ibidda qabsiifattanii san naaf himaa?
Sila muka ishee isintu biqilchee? Moo Nutu biqilchoo dha?
Nuti ibidda kana gorsaafi qananii imaltoonni itti fayyadaman ishee goone.
Maqaa Gooftaa kee Isa guddaa faarsi.
Seensa urjiiwwaniitiniin kakadha
Inni dhugumatti, odoo kan beektan ta’ee kakuu guddaadha.
Dhugumatti, inni Qur’aana kabajamaadha.
Kitaaba akkaan eegamaa (Lawhal Mahfuuz) keessa jira.
Warra qulqulluu malee (eenyulleen) isa hin tuqu.
Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.
Sila haasa’a kanaa kan isin laaffiftan?
(Galata) rizqii (rooba) keessanii kijibsiisuu gootanii?
Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)?
Odoo yeroo san isin ilaaltanuu,
Isin hin argitan malee Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra.
Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa).
Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu?
Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e,
(Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira.
Yoo inni warra mirgaa irraa ta’e immoo,
Warra mirgaa irraa waan taateef nagaan siif haa jiraatu” (isaan jedhama)
Yoo sobsiiftota jallattoota irraa ta’e immoo,
Isaaf afeerraa bishaan danfaa irraa ta’etu jira.
Jahiim seenuutu isaaf jira.
Dhugumatti, inni (wanti suuraan ibsite) kun haqa mirkanaa’aadha.
Maqaa Gooftaa kee guddaa ta’ee faarsi (qulqulleessi).
Icon