ترجمة معاني سورة القمر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية

الترجمة الأورومية

آية رقم 5
Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera)Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.
آية رقم 7
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’anii akka awwaannisa faca’ee fakkaatu
آية رقم 10
“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.
آية رقم 13
Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa baadhanne (feene)
آية رقم 15
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifneNamni ittiin gorfamu jiraa laata?
آية رقم 16
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?
آية رقم 18
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifteadabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?
آية رقم 20
Nama ni butti(Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.
آية رقم 21
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?
آية رقم 23
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.
آية رقم 27
Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodhaKanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.
آية رقم 29
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane
آية رقم 30
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?
آية رقم 31
Dhugumatti, Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergineErgasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.
آية رقم 36
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jiraIsaan garuu dinniinicha mormaniiru.
Dhugumatti, keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatanKanaaf ija isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).
آية رقم 39
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).
آية رقم 42
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?
آية رقم 46
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniitiQiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.
آية رقم 47
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.
آية رقم 51
Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirraNamni gorfamu jiraa?
آية رقم 54
Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan jannataafi laggeen keessa jiraatu.
تقدم القراءة