ترجمة سورة الشعراء

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الشعراء باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Xaa Siin Miim.
Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti
(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture
Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane.
Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee?
Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu]
“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”
[Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.
[Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi
Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”
[Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
“Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.
“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]
[Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?
Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].
[Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.
Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe.
Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.”
Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.
[Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.
[Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.
[Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.
[Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.
[Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.
[Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.
[Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.
[Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.
[Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.
Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.
[Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).
[Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi;
Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.
Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);
Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.
[Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe
Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.
Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.
Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.
Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan
Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne;
Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
[Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella.”
Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone.
Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee,
“Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha.
Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha.
Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe].
Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne.
Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.
Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.
Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.
Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.
[Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.
Bakka sanattis warra biraa dhiheessine.
Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine
Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine.
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi.
Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
“Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.
[Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?
Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
[Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.
[Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?
Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?
Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti).
[Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.
Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.
Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.
Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.
Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi.
Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi
Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi.
Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera.
Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.”
Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.
Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.
[Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte;
[Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte;
[Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame
“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?”
Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman
Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).
Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:
Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.
Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san.
Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne.
Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.
Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)
Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.
Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.”
[Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.
[Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?
Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.
Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane
Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
[Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru.
Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine
Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine.
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.
Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii?
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?
Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?
Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan.
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa.
Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].
Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”
[Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa
Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.
Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].
Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.
Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?
Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,
Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)
Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)
Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.
Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
[Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.
Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an
Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?
Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].
[Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
[Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.
Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine.
Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee
Ergasii warra biroo ni balleessine.
Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
.Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.
Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?
Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.
Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.
Madaala sirrii ta’een madaalaa.
Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.
Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”
[Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.
Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].
[Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”
Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.
Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati
Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e
Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse].
Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.
Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.
Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?
Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,
Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.
Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne
Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu
Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa
[Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu
Sila adabbii keenya ariifachiifatuu?
Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,
Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,
Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine
[Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.
Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.
Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus
Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha
Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.
Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.
Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.
Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.
[Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu]

[Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]

Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.
Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?
Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti
Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota
Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.
Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu?
Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
Icon