ترجمة سورة الحجر

الترجمة الأورومية
ترجمة معاني سورة الحجر باللغة الأورومية من كتاب الترجمة الأورومية .
من تأليف: غالي ابابور اباغونا .

Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti
Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!
Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.
Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine.
Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.
“Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan.
Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan).
Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.
Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha.
Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.
Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne
Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.
Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)
Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;
Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu.
Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.
Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine.
Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa ta'e isa hordofe malee,
Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.
Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.
Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.
Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.
Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas.
Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra
Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha
Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne
Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.
Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.
Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa
Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.
Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide.
(Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee
[Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe
(Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha.
Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”
“Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.
(Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.
“Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”
(Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa
Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee.
(Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha
Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru.
Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti.
Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”
Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.
“Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).
Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne
Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu.
“Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.
“Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)
Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi
Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen
“Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.
“Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.
“(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin
“Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe.
“Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.
“Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.
“Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”
“Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”
Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu
“Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe.
“Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.
“Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.
Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”
“Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine
Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.
(Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe
“Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”
(Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.
(Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”
(Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.
Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte
Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine
Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.
Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti.
Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.
Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.
Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.
Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.
Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.
Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru
Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte
Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.
Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.
Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha
Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra
Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi
“Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.
Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne
Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).
Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.
Waan isaan dalagaa turan irraa
Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali.
Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra.
(Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.
Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna.
Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i
Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.
Icon